Dhibee namoota miiliyoona tokko keessaa namoota saddet qofa hubu

Madda suuraa, Getty Images
Dhibeewwan tokko tokko maddi isaani maal akka ta’e waan hin beekamneef ogeessota fayyaan idiyoopaatik (idiopathic) jedhamuun beekamu.
Dhibeen Tiraansiveersi Mayaliits ykn TM jedhamuun beekamu %60 maal irraa akka nama hubu ykn maddi isaa hin beekamu.
Dhibeen kun dhibee narvii hubuun sochii nama dhorkuun sireetti nama hidhudha.
‘Hirribaa yemmuun ka’u adeemuun dadhabe’
Ogeessa fayyaa olaanaa wal’aansa narvii kan ta’an Dr Daawit Kibruu, dhibeen TM %60 maal irraa akka dhufu baramuu baatus %40 garuu ni beekama jechuun BBC’tti himaniiru.
Amma US’tti hospitaalota adda addaa bulchiinsota Wiskaansanii fi Mishigaan keessa jiranitti kan hojjetan Dr Daawit, “dhibeen kun neervii qaama keessaa isa tokko tasa huba,” jedhaniiru.
Sana booda sirna narvii naannicha jiru hubuun fakkeenyaaf harkaa fi miillaa sochoossuun akka dadhabamu ykn fincaan ofii to’achuun akka dadhabamu taasisa.
“Hirribaa yemmuu ka’u tasa adeemuun dadhabe, miillikooo narratti laafe,” jechuun dhibamtoonni dubbatan jiru.
Dabaluunis dhibeen kun naarvii gogaan keenya akka xuxuqqaa adda baasuuf gargaarus ni miidha.
Fakkeenyaaf utuu uffati gogaa keenyarra bu’ee akka waan cirrachi nurratti tuulameetti nutti dhaga’amuu danda’a jechuudha.
“Dhibeen kan hin beekamne waan jedhamudha,” jedhu Dr Daawit.
Kan hin beekamne kan jedhame ammo sababa mallattoolee isaan utuu hin taane namoota muraasa qofa waan hubuufidha.
Addunyaa guutuutti namoota miiliyoona tokko keessaa yoo baayyate namoota saddeet ta’an huba.
Dhibeen kun akkamiin nama huba?
Dhibeen kun “yeroo hedduu homaa sababa male tasa dhufa. Yeroo kaan ammo dhibee madaa’uu garaachaan (Gastiroo Istiraayis) yemmuu hubamnu dhufuu danda’a,” jedhu Dr Daawit.
“Namootni tokko tokko dhibee madaa’uu garaachaan erga hubamaniii torban lama ykn sadiin booda dhibee kanaan hubamu.”
Dhibeen akka utaalloo ykn covid ykn HIV’nis dhibee tasaa kana fiduu danda’u.
Namootni tokko tokko vaayirasiin kamiinuu hubamanii torban lama ykn sadii booda dhibeen kun irratti ni argama.
Dhibeen TM kun maddi isaa sirritti adda hin baafamne, kan sababnii isaa hin beekamnee, kan hinbaramnee fi dhibee namaaf hin galleedha.
Dhibeen kanaan hubamuu akkamiin baruu dandeenya?
Dr Daawiit akka jedhanitti dhibeen kun mallattoon muraasa ta’e agarsiisa.
Inni ijoon tokko miilli laafuudha.
Dhibamtoonni tarkaanfii tokko fudhachuun akka tabba yaabuu ta’ee itti dhagaa’amuu danda’a. Kun guyyaa muraasa keessatti waan uumamu danda’udha.
Dabalataani mormaa gaditti ykn mudhii gaditti qaamooleen jiran namaa ijajamuu dhiisuu danda’u.
Fakkeenyaaf fincaan namaa baa’uu diduu danda’a.
Suuta jedhee ammo fincaanii fi bobbaa guutummaatti to’annoo alaan ta’a.
Mallatooleen akkanaa yoo argaman furmaati jiru hatattamaan ogeessa fayyaa bira deemuudha.
“Dafanii yoo wal’aanaman bayyanachuun ni danda’ama. Yoo barfatan balaadha,” jedha Dr Daawit.
Dhibee kanarraa fayyuun ni danda’amaa?
Dhibeen kun sadarkaalee tasaa ykn akkiyuut (acute) fi tasa gadi anaa sab akkiyuut (sub-acute) jedhaman qaba.
Akkiyuut kan jennu isa guyyaa muraasa keessatti dhufudha. Sab akkiyuut inni jedhamu ammo naannaa torban lamaa keessatti isa hammaatudha.
Sadarkaan kun kan adda baafamu qorannoo MRI fi qorannoo dhiigaa dabalataa gaggeesuunidha.
Dhibee kanaaf wal’aansa gosa lamatu jira.
Inni jalqabaa wal’aansa isteerooyid jedhamu kan hidha dhigaan guyyoota muraasaf kennamudha.
Inni lammaffaa ammo wal’aansa imminoogiloobiin jedhamu kan antibodii namtoolcheen hidha dhigaan kennamudha.
Wal’aansii kun Itoophiyaa keessatti hin argamnee fi kan qaalii ta’edha.
Kanatti fuufuun wal’aansa maashaa leenjisuuf gargaaru okupeeshinaal fiziyooteerappii jedhamutu kennama.
Maashaan keenya hojii isaa addaan kutee yoo ture ni laafa, ni dagatas jedha Dr Daawit.
Kanaaf qaamni keenya fiizikaal teeraappiidhaan leenji’uu qaba.
Dhibeen kun talaallii covid’tiin dhufuu danda’a kan jedhu dhugaadhaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhibeen kun waan sanyiin darbu miti takka takka garuu talaalliin dhibee kana fiduu danda’a.
Namoota dhibee covid’n qabaman irrattis darbee darbee mul’achuu danda’a. Ta’us garuu kun wanta yeroo baayyee muraasa uumamudha.
Covid qofa osoo hin taane dhibeewwan vaayirasii fi baakteeriyaan dhufan kamuu dhibee narvii miidhu kana fiduu danda’a.
Qaamni keenya baakteriyaa fi vaayirasoota kunneen balleessuuf qaamni keenya antiiboodi wanta jedhaman oomisha.
Antiiboodiin kun dogoggoraan ittisa dhibee qaama keenyaa deebisanii yemmuu miidhan dhibee kana ni uumu.
Haaluma wal fakkaataan koronaa vaayirasiin dhibee kana fiduu danda’a.
Hanga dhuma waggaa darbeetti biyyootii 22 keessatti mudannoowwan akkanaa gabaafamaniiru. Ta’us garuu baayyee miti.
Namoota miiliyoona 100 ol Covid’n qabaman keessaa kan dhibee kanaan hubaman dhibbaa gadidha.
“Talaalliin Covid dhibee kana ni fida jedhanii dubbachuun sirri hin ta’u,” jedhu Dr Daawit
Kana jechuun dhibeen narvii kun talallii waliin wal hin qabatu jechuu miti, haala kanaan carraan mudachuu isaa baayyee xiqqaadha.
Dhibeen kun Itoophiyaa keessatti ni beekamaa?
Dr Dawit akka jedhanitti biyya keenya keessatti dhibeen kun yeroo hedduu dhibee TB wajjiin wal dogoggorfama.
Dhibeen kun dhibeewwan wal fakkaatoo biroo irraa adda kan ta’uu guyyaa muraasa keessatti hammaachaa deemuu isaati.
Ogeessoti fayyaa Itoophiyaa dhibamtoota irratti mallattoowwan kunneen yoo argan hatattamaan gara ogeessa fayyaa narviitti erguu akka qaban Dr Daawiit himaniiru.
Dhibee kanarraa akkamiin of eegna?
Dhibee kana haalli addaa ittiin ittisamuu danda’u akka hin jirre Dr Daawit ni ibsu.
Kanarra kan irra daddebiin Dr Daawiit himan akkuma mallattoon dhibee kanaa argameen hatattamaan ogeessaa fayyaa bira deemuudha.
Dr Daawit namoota dhibee kanaan hubamaniif ammo gorsa lama kennaniiru.
Namootni dhibee kanaan hubaman tokko tokko erga bayyaanatanii booda yeroo dheeraaf infeekshinii kaleen hubamuu waan danda’aniif kana hordofuu qabu jedhu.
Dhibamtoonni kaan ammo socho’uu waan hin dandeenyeef sireerra oolu. Kanaaf tessumnii fi dugdi isaanii waan madaa’uuf infeekshiniin uumamu danda’a jedhu.
Haala kana keessatti dhukkubsataa kana sa’aatii lama lamaan gaggalagalchuun ni barbaachisaa akka ta’e himaniiru.












