Umurii waggaa 35n booda ijjoollee godhachuun miidhaa attamii qaba?

Madda suuraa, Getty Images
Dhiironni umurii waggaa 35 booda daa’iman godhachu barbaadan, carraan daa'imman utuu guyyaansaanii hin ga’in dhalattuu ykn kan Otiizim qaban dhalchu danda’u akka jiraatu qorannoon tokko mul'ise.
Akkuma umuriin dhiiraa adeemuun qulqullinnii fi baayyinni sanyii dhiiraa haalaan hir'ataa adeema. Kunis dhaloonni akka itti fufu taasisuu irratti dhiibaa qabaata jedha qorannichi.
Kunis kan yunivarsiitii Ameerikaa Istaanford kan odeeffannoo dahumsa miiliyoona 40 ol irraa fudhachun xinxale dabalate, qorannoowwan heddu waggoota dhiheenya keessa gaggeeffameen kan mirkanaa'eedha.
Odeeffannoo kana ilaalchisuun waa'een dhala gochachuun rakkoo qabaatu baayyeen hin beekamu. Haata'u malee gorsiiwwan, qorannoowwanii fi wallaansi hordoffii fi balaa daa'imman dhalatu mudachu malan hir'isan jiru.
Dr Kaarlaa Giusti Zakkaariyaas, Ispeeshaalistii sirna wal hormaata fayyaa fi miseensa garee Hospitaala Rede D'Or - São LuizItaim magaalaa São Paulo Biraaziil keessaati.
Innis yeroo baay’ee dhiirota daa'imman argachuu barbaadan akka wallaanu himti. “Dhiiroonni umuriisaanii waggoota 50 fi 60 keessatti argamanii fi kan dubartoota umurii xiqqaa fudhan daa’imman horachuuf yaaliitu isaan barbaachisa. Kunis sababii hanguma umuriin deemuu sanyii dhiiraa dadhabaa adeema,” jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Jaaranii daa’ima godhachuun rakkoo akkamii qaba?
Walumagalaatti, sirni wal hormaata dhiirotaa kan dubartootarraa adda. lakkoofsi seeloota wal hormaata dubartootaa muraasa yoo ta’an, kan dhiirota ammoo dargaggummaarra kaasee hanga lubbuun jiran hunda hora.
Asiitti qabxiiwwan hubatamuun barbaachisu jira: Innis oomiishini sanyii kormaa (ispeermii) dhaabbatu baatus, waggoota murtaa’an booda qulqullinnisaa tokko miti.
Akkuma waggaan darbuun, oomishni seelootaa gadi bu’aafi qulqullina kan hin qabu ta’a. Hir’inni kun daa’imni gadameessa keessatti akka hin uumamne gochuu danda’a.
Akka qorannoon gariitti, yoo daa’imni uumames, yeroo hunda dhibeewwan sirna argansuu fi dhibee gagabdoo dabalate rakkoo fayyaa biroof kan saaxilaman ta’u danda’u.
Qorannoon yunivarsiitii Istaanford bara 2018 taasise tokko akka argisiisutti, akkuma umuriin dhiiroota deemtuun daa’imman dhibee adda addaatiif saaxilaman dhalachuuf carraan olaanaa ta'a.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Caaraan Dhiironni umurii waggaa 35tti daa’imman horatan, daa’imman ulfinni qaama xinnoo ta'an, kan hargansuun nam-tolchee akkuma dhalataniin barbaachisuu fi dhukkuba gaggabdoo qaban dhalachuun guddaadha.
Dhibbeentaan namoota umurii waggaa 45 ol daa’imman utuu guyyaan saanii hin ga’in dhalatan argataniin 14 ta’us, kan namoonni 50 ol ta'an daa’imman yaalii fayyaa cimaa barbaadan dhalaniin dhibbeentaa 28.
Geggeessan qorannoo kana kan ta’e piroofeesara Michael Eisenberg, lakkoofsi kun akka waan sodaachisa ta’etti ilaalamu qaba jedha.
Argannoon qorannoo kana maatiiwwan fayyaa sirni wal hormaata isaanii akka itti karoorfatan hordofan taasisa jedha.
Dhumarratti, qorannoon kun akka argisiisutti, waggaa 10 kna umurii abbaati dabalamu hunda, caaraan daa’imman hir’innaan dhalatan kan baayyatu.
Kun maaliif akka tahu saayansiin waan beekuu hin qabu.
Haata’u malee qulqullinaa fi baayinni sanyii korma dhiirota gad bu’aa ta’us, dhimmi seeliin wal hormaata humna dhalchiisun qabachuu jedha pirezidaantiin waldaa daktaroota Biraaziil Alfredo Canalini
Akka Kanaliin jedhutti, hir’ina jaarumman dhaluun fidu xinneessuun hin danda’amu. “baayooloojii sirna wal hormaata dubartoota nama sadarka olaana barbaachisa, kana hubachuuf maal akka tahan beekuf dhiironni gorsa oggeessa argachu qaban,” jedha.
Dhiironni jaarsummaan daa’imma godhachuu barbaadan ulfinna daa’imman guddisuun qabu hubachutti isaan barbaachisa. Kana ogeeyyi mariisisuu qaban.















