'Si’a tokkoon ijoollee sadii deenyaan abbaan manaakoo nagatee bade'

Aadde Natsaannat Yohaannis jedhamti. Dhalattee kan guddatte magaala Yirgaalem yoo ta’u, ijoollummaa isheetti haadha fi abbaa ishee waan dhabdeef jecha umriishee ijoollummaa kan dabarsite mana namaatti.
“Manni namaa hojjechaa ture kuni waan naaf hin taaneef jecha jireenya mataa kiyyaa jiraachuuf karaa dallaalaatiin hojii shaayii bunaa hojjechuu jalqaabe” jetti Netsanet.
Hojii kana utuu hojjettuu ture bara 2009 abbaa warraa ishee kanaan kan walbarte. Walbaranii ji’a sagal booda bara 2009 walfuudhuun jireenya waliinii akka eegalanis himti.
“Hawaasaatti walfuunee wajjin jiraachuu jaalqabne. Innis hojii humnaa hojjeta anis hojii humnaa hojjedheen jireenya fooyyeffachuuf tattaafachaa turre. Booda kennaa waaqaa ta’ee ani nan ulfaa’e. Mucaa durbaa tokkos dahe. Mucaan suni amma waggaa shan taateetti,” jetti.
Mucaa isaanii jalqabaa kana walgargaaraatuma guddisaa utuu jiraniiti marsaa lammaffaa kan ulfoofte. Jireenyi waan itti ulfaachaa dhufeef jecha abbaan warraashee kuni ulfaa’uu isheetti yaadda’aa akka tures dubbatti.
“Ulfaa’ee ji’a torba gaafan ta’udha hordoffiif deemee daa’ima sadii akkan garaadhaa qabu kan natti himame. Galeen itti hime. Baayyee rifate. Akkam taana jedhees dhiphachaa ture. Garuu erga waaqni nuukennee haa ta’u jedhee amanee ture jalqabarra,” jetti.
Bara 2014 Ji’a Hagayyaa gara jalqabaa irrattis wal’aansa baqaqsanii yaaluutiin ijoollee sadii si’a tokkoon nagaan deesse.
“Yeroon da’umsaaf hospitaala seene nawaliin ture. ijoolleen sadii dhalachuu isaanii gaafa baru ‘silaa humna hin qabu akkamittan guddisa’ naan jedhe. Ergasii deebi’ee hin dhufne nagatee bade” jetti.
Abbbaan warraashee kuni ijoollee isaa sadan ishee harkatti erga dhiisee badee ammaa baatii tokko akka ta’eefi maatii isaa biras iyyaafattee argachuu akka hin dandeenyes dubbatti.
“Bilbillisaa cufaadha. Maatiisaa biras iyyafanne hin jiru. Humna ittiin guddisu hin qabu jedheeti kan bade. Ani hospitaala ji’a tokkoon ciise. Yeroon achii bahu mana kiraallee waan kanfalu hin qabu. Namatu nagargaaree mana namaatti maxxaneen jiraachaa jira,” jetti Netsanet.
Abbaa warraashee kun sababuma humna dhabeef cinqamee bade kan jettu dubartiin kun, waa’ee baduu abbaa manaashee hanga ammaatti poolisiitti akka hin gabaasnes dubbatti.
Ijoolleen ishee lakkuu dhalatan sadan amma fayyummaa gaarirraa akka jiranii fi namoonni waa’eeshii dhagahan karaa miidiyaa hawaasummaatiin gargaarsa walitti qabuuf sochiirra akka jiranis BBC’tti himteetti.












