Haadha mucaanshee jalaa gudeedamteefi abbaan warraa ishee dhaanu

Ibsa waa'ee viidiyoo, Haadha mucaanshee jalaa gudeedamteefi abbaan warraa ishee dhaanu

Dubartoonni abbaa warraan yookiin jaalallee isaaniitiin miidhaan garagaraa irra gaha.

Miidhaan kunis miidhama qaamaa, arrabfamuu, doorsifamuufi hamma lubbuu dhabanitti gahuu ni danda'a.

Waldaan Ogeeyyii Seeraa Dubartootaa Itoophiyaa bara 1987'tti hundeeffame.

Kaayyoon isaas dubartoonni akkuma warra dhiiraa carraa hojii qixa ta'e akka argataniif hojjachuudha jetti Aadde Iyyaruusaleem Salamoon bakka buutuu hoggantuu waldichaa.

"Naannoorraa jalqabee koree hundeessuudhaan tajaajila seeraa bilisa ta'e, hawaasaa barsiisuu, mirgoota dubartootaa, qocollaa saalaafi miidhama dubartootarra gahu kamuu hambisuurratti akkasumas seerota dubartoota ilaallatu kan akka seera maatii, seera qabeenya horachuufi seera lafaarratti dubartoonni hubannoo gahaa akka qabaatan hojjanna."

Itoophiyaa keessatti miidhamni dubartootarratti abbaa warraatiin yookiin jaalallee isaaniitiin reebamuu yookiin miidhama qaamaa darbee immoo ajjeechaa ture baay'innaan kan mul'atu.

Ammatti haalli kun jijjiiramee dubartoonni jaalalleesaaniitiin balaa asiidiitiif saaxilamtoota ta'aniiru jetti Aadde Iyyaruusaleem.

Miidhaan kunis hamma du'aatti geessuu danda'a. Kan biroo immoo hedduu ta'anii dubartoota gudeeduun, wantoota adda ta'een dubartoottoonni abbaa warraa isaaniitiin dirqiidhaan saal-qunnamtii akka goodhan gochuun fa'a baay'ataa dhufeera.

Haalli kunis Itoophiyaa keesssatti miidhamni dubartoota irra gahu hir'ataa dhufeera nama hin jechiisiisan hin jiran jetti ogeettiin seeraa Aadde Iyyaruusaaleem.

Waldaa isaaniittis himannaan gudeeddii, reebichaa, dorsifamuufi kan biroos dubartootaan isaan bira ni banama. Isaanis dubartoota himannaa garagaraan isaan bira dhufan akkaataa yakka isaan irratti raawwatameen gara qaama seeraatti geessu.

Aadde Iyyaruusaleem Salamoon
Ibsa waa'ee suuraa, Ogeettii seeraa aadde Iyyaruusaleem Salamoon

Haati nageenya isheef jecha maqaan ishee akka dhahamu hin barbaanne seenaa ishee akkasitti nuuf qooddeetti:

Haati tunis namoota miidhaan abbaa warraatiin irra gahe keessa ishee tokko. Isheenis manaa manatti huccuu miiccuun intalashee kan guddiftu yoo ta'u; guyyaa tokko garuu yeroo gara manaa deebitu intalli ishee nama ollaatiin gudeedamtee turte.

"Daa'imni tiyya galgala akkuma rafte osoo hirribaa hin ka'in bari'e. Maal taate? Jedheenii gaafannaan mucaan inni ollaa sun bar miidhaa narra geessissee naan jette. Maal si miidhe jedhee gaafannaan, Kunoo ilaali harmee jette qaama saalaa ishee natti agarsiifte," haati.

"Akka hin iyyineef immoo afaan na ukkaamsee ture" jettee natti himte jetti haati.

Abbaan warraa kiyya immoo eega ani daa'ima kiyya mana yaalaa geessuuf waliin rakkadhee, guyyoota hedduu booda gara manaa dhufe. Ani ijoollee kiyya guddisuuf manaa manatti huccuu miiccaa jiraadha," jetti haati tun.

Abbaan warraa kiyya akkuma taphaattii mee mucaan kun waan tokko haa ta'uu naan jedhe.

Ani abbaa ijoollee kiyyaa baacaa jira jedhee cal'ise. Silaas mucaan kun daa'ima kiyyarratti miidhaa geessiseera akkamitti inni akkas naa jedha jedhee bitaa na gale jetti haati daa'ima miidhamtuu.

"Booda booda abbaa ijoollee kiyyaa daa'ima keenya bira turuun osoo irra jiraatu mana warra mucaa daa'ima kiyyaa gudeede bira deemaa akkachitti halkaneeffachuu jalqabe.

Haatiifi obboleessi mucaa daa'ima kiyya gudeedes dhufani dhufani akka ani himannaa kiyya addaan kutu natti himan.

Haalli kun immoo baay'ee na sodaachisaa dhufe. Asii dhukkubbiin daa'ima kiyyaa natti jira asiin immoo warri mucaa gudeedee na doorsisaa jiru. Abbaan warraa kiyyaas warra san deeggaruun na dorsisa," jechuun miira yeroo san ture nutti himte haati miidhamtu.

Guyyaa biroo abbaan warraa kiyya mana mucaa gudeedee bira turee eega dhufee booda akkas naan jedhe: "Daa'imni keenya baay'ee waan dhukkubaa jiruuf waliin firaashii irra lafa rafna", naan jedhe.

Galgala san fuula kiyya shimalaan na rukute, harka kiyya immoo al-lama sibilaan na woraane jetti.

Yeroo sanitti namni naa birmachuu didnaan ijoollee lamaan ani hin beekne kan qeerroo jedhaman dhufanii gara mana yaalaa na geessan.

Haati kuni dhimma kana mana murteettii dhiyeeffattee adeemsa seeraa hordofaa jirti.

Namni gudeeduudhaan himannaan irratti banamee ture poolisiidhaan to'annaa jala haa ooluyyuu malee wabiidhaan hiikamuuf akka jedhus haati kuni ni dubbatti. 'Maal akkaan godhu wallaalee jiras jechaa jirti.'

Mucaan ishee immoo Hospitaala Xiqur Ambassaatti wal'aansaaf marmaaraa akka jirtu dubbatti.

Akkaataa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waa'eee miidhama dubartoota irra gahuu ittiin ibse:

  • Miidhamni kun abbaa warraa yookiin jaalalleedhaan kan raawwatamuudha-kunis sarbaa mirga namummaati
  • Idil addunyaatti dubartoota sadii keessa dubartiin tokko jirrenya ishee keessatti abbaa warraatiin yookiin jaalallee isheetiin yookiin immoo nama walitti dhufeenya hin qabneen miidhaamni irra ni gaha.
  • Idil addunyaatti ajjeechaan %38 ta'u dubartoota irratti raawwatamu abbaa warraa yookiin jaalallee isaaniitiin kan raawwatamudha
  • Dubartoonni sadarkaa barnoota gad aanaa yoo qabaatan, haadha isaanii abbaa isaaniitiin miidhaman irra gahe qabaatan, qocollaa umurii daa'imummaan yoo irra gahee jiraatee fi ilaalcha rakkoo amananii fudhachuu gad aanaa yoo qabaatan miidhama abbaa warraatiin yookiin jaalalleedha irra gahuuf saaxilamoodha. Jedha.