Laativiyaa: Imala baqattummaa hanga pireezidanti biyyaa

Veeyira ganna 5 wayita turte Laativiyaatti , bara 1942

Madda suuraa, Vaira Vike-Freiberga

Ibsa waa'ee suuraa, Veeyiraan ganna 5 wayita turte Laativiyaatti , bara 1942

Daa'ima xiqqoo taatee biyya waraana keessa turte Laativiyaa keessaa baqachuun waggoota 50'f biyya alaa erga jiraatte booda, akkuma biyyatti deebiteen Pirezedantii taatee mudamte.

Veeyiraa Vaayik Firibergaa dubartii pirezidantii jalqabaa biyya gamtaa Sooviyet durii qofaa miti, ''Maatiin koo akkan Laativiyaa irraanfadhutti nan guddifne'' jechuun dubbatte.

Bara Waraana addunyaa lammaffaa Biyyoonni 'Baltic' jedhamani waamaman Naazii Jarmaniin weeraramanii turan.

Germans with Soviet POWs, Riga, July 1941

Madda suuraa, Getty Images

Taateen bara bara waraanaa 1944 qalbii ishee keessaa hin banne, keessattu loltoonni Raashiyaa diddimoliin sun gara Laativiyaatti yoo yaa'aan.

''Yeroo isaan harkasaanii aboottifatanii fi alaabaa diimaa qabatan. Yeroo tokko akka loltuu tokkoosaatti anis harka koo aboottifadheen 'hurrah!'' jedhe iyyee jetti.

''Yerooon haadha muka ibsaa jala gugguftee arge nan nahe, imimmaanitu dhanquun maddishiiraa yaa'a, ''maaloo dhiisimee akkas hin godhiini,guyyaan kun Laativiyaaf guyyaa gaddaatii '' naan jette.

Barnoota dararaa irraa baratame

Maatiin Odiseey WeestWard Veeyiraa ganna 7tti fudhatan kun Jarmaniif naasu jalqabaa ture. Achiin booda iddoo Faraansayii bulchitu Morookootti booda gara Kanaadaattti godaante.

Amma ganna 60 guutuutti bara 1998 dura biyyatti hin deebine . Laativiyaatti deebiite ji'a 8 booda Pireezidantii Laativiyaa ta'uun muudamte.

Veeyiran bara 19949 Lubeekitti wayita barattu
Ibsa waa'ee suuraa, Veeyiran bara 19949 Lubeekitti wayita barattu

Veeyiraan bara 1944 abbaan ishii BBC tajaajila idila addunyaa wayita caqasan yaadatti, balaa waraanaa dhufaa jiru hubachuuf abbaa ishees dhama'aa turu yaadatti.

Waggaa tokko booda maatiin ishiis Laativiyaa gadhiisani bahuuf murteessaan.

''Bara 1945 bara haaraa galgalaan doonii yaabbanne, doonii daldalaati, loltootaa meeshaalee waraanaa hidhatan namoota nagaa muraasa waliin keessaa ture, otoo aleellaan irra qaqqabee gubattee dhumu dandeessi ture. namoonni nagaan kun sirna kominizimii baqatu. kanaaf namoonni achirratti walitti qabaman lammilee Laativiyaa biyyatti faarsaa turanii.''

Maatiin baqattootaa dursanii qaqqabaniis, dawoon baqannaa Jarmanii keessatti reefu ijaaramuutti ture.

Haalichi sukanneessaadha, daa'ima obbolettishii Nimooniyaatu qabee ji'a 10 booda ajjeese.

Otoo waggaa hingutiin garuu ammas haati Veeyiraa ilma deesse, Haa ta'u malee Veeyiraan ta'iiwwaan jajjabaatuun marfamuu himte.

''Dargaggeettii ganna 18'n ture, haadha koo waliin mana tokkoo keessa rafna. Intala durba xiqqoo tokko deesse garuu, ishiis hin barbaadduu ture.

Maqaa moggasuufillee hin barbaadduu, homaa gochuufis hin feetu. Sababni isaammoo daa'imni ishiin deessee gudeeddii loltoonni Raashiyaa irratti raawwataniin dhalatte.

''Narsoonni daa'ima iyyoomte kana haadhatti deddeebisanii kennu ,ishiin garuu fuula gara dhaaba manatti irraa gargalfatte boossi, haasofsuus hin feetu ture.

Maaraa jedhe narsiitu maqaadhumayyuu moggaaseef. Maaraa jechuun maqaa obboleettii koo jechuudha.

'' Anu itti baayyachuun koo hin hafne jedheen yaade. Sababni isaammoo daa'imni dhalatte Maaraan akka jiraattu hin barbaadamne waan ta'eef. Maaraan keenya baay'ee jaalannu kun nurraa fudhatamte. Jireenyi ajaa'iba fi haqaa qabeetti akka hin taaneen hubadhee'' jette.

Godaannisa ijoollummaan heerumuu

Ganna 11 wayita guuttuu Veeyiraan Kaasaabilaankaa ,Morokootti deebite.

Veeyira wayita ganna 11 Morokootti

Madda suuraa, Vaira Vike-Freiberga

Ibsa waa'ee suuraa, Veeyira wayita ganna 11 Morokootti

"Halkan qixxee konkolaataa guddaadhaan mandara xiqqoo tokko keessatti harcaafamne, addunyaatu natti dhiphatee jette.

''Lammilee Faransaayiitu achii ture, hundisaanii lammilee biyyota birooti, Xaaliyaanii, Raashiyaa, Ispeen fa'aati jetti .

Arabni abbaashi waliin hojjatu tokko heeruma geesseetti jedhe ,isheen garuu ijoolleedha jettee yaaddi.

''Abbaan koo manatti yeroo deebi'u, maallaqa dubara heerumtuuf kennamu Firaankii 15,000 'n siif kennaa jedhe. Harroota isaa lama fi loon, Kennaa naaf kennamu baay'isaa akka deemu natti hime. garuu ishiin mana barnoota dhaquu akka qabdu dubbatte.

Akka barnoota ishii goolabduus ni eeyyamnaaf jennaan maatiin koo ittikolfanii jette. Veeyiraan garuu muddama keessan seene jette.

Yeroodhuma sana maatiin ishii gara Kanaadaatti godaanan.

Veeyiraan yeroo umuriin ishee ganna 16 wayita ta'u baankii keessatti hojii argatte.

Achumaanis barnoota galgalaa barachuu itti fufte. Barnoota isheetiin ammoo hanga Yuunvarsiiii Toroontootti barachuu dandeesse.

Achuma Yuunvarsiitii keessa osoo jirtuu nama itti heerumtu tokko waliin wal barte. Namichi kun ammoo Imants Firibargis kan jedhamu Laativiyaa yeroo baqataa wal beeku.

Dubartiin kun barnoota xiinsammuu(psychology) baratte. Barnoota ishee ammoo hanga sadarkaa ol-aanaatti itti fuftee bara 1965 digrii doktoreetii (PhD )argatte. Garuu gosti barnootaa isheen filatte,"waan akka tasaa ta'eefi jijiiramuu maludha" jette.

Bara 1957 Viyaaraan yerooo Yunvarsiitii Toroontoo keessatti barattu

Madda suuraa, Vaira Vike-Freiberga

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1957 Viyaaraan yerooo Yunvarsiitii Toroontoo keessatti barattu

"Manni galmee akaakuu barnootaa tarreeffate qaba ture. Isuman asii gaditti ilaalee waan tokko kan 'P' tiin jalqabee 'Y' xumuru tokkon arge. Akkuma tasaa quba koo irra kaa'ee akeekaan, isa kanan barbaada jedheen itti hime."

Dubartoonni simatamuu caalaa kan obsamuuf ta'ullee garuu saffisaan baratte.

Veeyiran Waggoota 33'f Yuunversiitii Moontereel turte. Afaan 5 bareechite haasofti. Kitaabota 10 barreessite.

Gara biyyaatti akkamitti deebite?

Baa 1998 ganna 60 wayita guutte soorama bahuuf murteessitus, maqaa kabajaa Imirates Pirofeesar jedhu akka argattuuf filatamte.

Gaaf tokko bilbilleeshi wayita qillisu ilaalte. Muummicha Minstira Laativiyaatu bilbileefi ture. Veeyiraan jaarmiyaa biyyatti akka hooggantuuf affeeramte.

''Diyaaspora biyyoota biroo jiraatan keessaa nama afaan hedduu haasa'uu danda'u, xiinsammuu warra biyyoota lixaa hubatu garuu aadaa Laativiyaas sirriitti beeku barbaannaa'' jedhaniin.

Battaluma sanatti dorgommii Pireezidantummaa Laativiyaa keessaa seenu barte.

Paasportii Kanaadaa deebistee garaa biyyatti deebite, ji'oota 8 erga achi jiraattee Pireezidantii Laativiyaa ta'uun muudamte.

Veeriyaan bara 2003 marsaa lammaaffaaf pirezedantii ta'uun wayita muudamtu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Veeriyaan bara 2003 marsaa lammaaffaaf pirezedantii ta'uun wayita muudamtu

Yeroo sanatti pireezidantii ta'uuf sagalee deeggarsaa harka 85 argatte.

'' Ani maallaqa argachuuf dhama'uu caala hojii kootti cichee hojjachuun filadha''

Gaazixonni tooftaa ittin qeeqaan adamsaa akka turan fakkeenyaaf, jireenyaa qananii biyyota lixaa keessaa dhufte, fa'aa jedhanii holola dhara odeessaa turanii jette.

'' Waantin hubadhe yoo miidiyaa amanuu dadhabde, kallattidhaan uummata haasofsisi.''

Veeriyaan Laativiyaan miseensa NATO fi bara 2004 Gamtaa Awurooppaatti akka dabalamtu taasifte.

Veeyiraan bara 2006 Buush wajjin wayita wal argan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Veeyiraan bara 2006 Buush wajjin wayita wal argan

Barri aangoo pireezidantummaa Veeyiraan marsaa lammaaffaan 2007 guyyaa dhaloota waggaa 70ffaa kabachachuuf ji'onni muraasni wayita hafetti goolabame.

Kilabii 'De Maadrid' kan hundeessite Veeyiraadha. Sirna bulchiinsa dimookiraatawa jajjabeesssuu fi dubartoota ga'oomsuurratti xiyyeeffannoon hojjattetti.