'Weerarri waggaa 700 dura nama mil. 200 galaafate ammayyuu fayyaa namaa irratti dhiibbaa qaba'

Hambaa lafee namoota du'anii

Madda suuraa, MUSEUM OF LONDON

Weerrarri hamaan Black Death (Du'a Gurraacha) jedhamu waggaa 700 dura mudate hanga ammaatti iyyuu fayyaa keenya irratti dhiibbaa qaba jedhama.

Weerarri kun kan uumame guutummaa Awurooppatti walakkaa jaarraa giddu gala bara 1300tti yoo ta'u namoota turan keessaa walakkaan isaanii akka dhumantu himama.

Qorannoon DNA lafee namoota yeroo sana du'anii irratti gaggeeffame qacceen vaayirasiii (mutation) namoonni weerara dhibichaa dadandamatanii hafan gargaare jiraachuu agarsiisa.

Gosti vayirasii kun har'ayyuu qaamni keenya dhibee madinni qaama namaatti fiduun (auto-immune diseases) miidhamuu danda'a. Seenaa dhala namaa keessatti weerarri dhibee 'Du'a Gurrachaa' isa hamaa fi lubbuu namoota miliyeena 200 galaafateedha. Ilkaan namoota yeroo sana du'anii kan namoota irraa saamuda DNA fudhachuudhan hambaan namoota du'anii kun Du'a Gurraacha dura, yeroo sana yookin sana booda ta'uu isaa adda baasan. Qorannichi bakka namoonni yeroo weerara kanaan du'an baay'inaan itti awwaalaman Landanii fi Deenmark keessaa hambaa lafee namaa fudhachuudhani kan gaggeeffame.

Qorannichi barruu Nature jedhamu irratti kan maxxanfame yoo ta'u, muteeshinii sirrii qabaatte taanan yeroo sana carraan weerara irraa dandamachuu 40% ture.

"Waanta akkasii qaccee sanyi namaa keessatti arguun waan guddaadha, jijjiirama guddaadhas," jedha Yuunivarsiitii Chikaagoo irraa Pirofeesar Luwiis Bareeyiroo.

Hojiin jiinii pirotiiniwwan maayikiroobiwwan qaama miidhuu dhufan kukkutu omishuudha. Jiiniwwan bifa garaa garaatin dhufu- kan haalan hojjatanii fi homaayyuu hin hojjanneedha- koppii tokkoon tokkoo isaa maatii keenya irraa arganna.

Kanaaf kanneen carrooman gosa jiiniwwanii haalan hojjatan haadha fi abbaa isaanii irraa dhaalu.

Nama laabiraatooritti hojjattu

Madda suuraa, UNIVERSITY OF CHICAGO

Weerarriwwan kan bara weerara Du'a Gurraachaa dura caalaa har'a kan baramaniidha.

Haa ta'u garuu dhukkuboota madinni qaama namaatti fidu kanneen akka dhukkuba sirna bobba (inflammatory bowel disease) fa'aa wajjin walqabata. Kuni ammoo waggaa 700 dura yeroo weerarri Du'a Gurraachaa ka'e namoonni akka lubbuun oolan gagaarera jedhama. DNAn keenya 1-4% kan ta'u namoota bara durii irraa kan dhufe yoo ta'u, COVID-19 dabalatee dandeettii qaamni keenya dhibee ofirraa ittisuuf qabu irratti dhiibbaa qaba.

"Godaannisni (scars) kanaan duraa dhibee ofirraa ittisuu qaama keenyaa irratti dhibbaa qaba," jedha Pirofeesar Bareeyiroo.