Janaraalli Sudaan fonqolcha biyyattii tumsan 'dogongora' ture jedhan

Daagoloon fonqolchi bara 2021 deeggartoota al-Bashiriif karra bane jedhan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daagoloon fonqolchi bara 2021 deeggartoota al-Bashiriif karra bane jedhan

Dura Taa'aa Itti-aanaa Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Mohaammad Hamdaan Daagoloo fonqolcha bara 2021 biyyattii keessatti raawwate ‘’dogongora’’ jechuun ibsan.

Fonqolchi Leeftinaant Janaraal Hamdaan Daagoloo irrati qooda fudhatan bulchiinsa siviilii Ministira Muummee duraanii biyyattii Abdallaa Hamdookiin hoogganamu aangoorraa buuseera.

Hamdook immoo Pirezidant al-Bashir mormii ummataan erga aangoorraa kaafaman booda aangootti kan bahaniidha.

Janaraalli maqaa Hemetii jedhamuun bal’inaan beekaman kuni ibsa televijiniin darbeen akkana dubbatan.

Fonqolchi yeroosii deeggartoota pirezidantii Omaar al-Bashirii kan bara 2019 fonqolchaan kaafamaniif ‘’karra bane’’ jechuun ibsan.

Janaraalli waraanaa maqaa guddaa qaban kuni fonqolchicha deeggaruun dogongora jechuun ibsani.

Pirezidantiin duraanii Sudaan al-Bashir fonqolchaan erga gaggeeffaman booda biyyattiin ammallee tasgabbiitti hin deebine.

Eega waraanni biyyattii bulchiinsa sivilii harkaa aangoo fudhate booda aangoo qaama siviliitti akka dabarsan gaafatamaa ture.

Rogeeyyiin dimookiraasiin akka bu’uura godhatu gaafataa turan irra-deddeebiin hiriira mormii qopheessaa turan.

Lubbuun lammiilee darbeera, Gamtaan Afrikaas miseensummaa biyyattii yeroof adda kuteera.

Barana baatii Mudde keessa garuu waraanni biyyattii bulchiinsa siviliif aangoo dabarsuuf walii galeera.

Daagoloon riformii nageenyaa gaggeessuun waraana RSF isaan ajajan waraana biyyattiitti galchuuf waadaa seenaniiru.

Waraanni kuni sarbama mirga namoomaan himannaa jabaatu irratti ka'a.

Hemetiin Sudaan keessatti Janaraal Abdulfattaah Al Burhaan itti aanee nama aangoo guddaa qabanidha.