Humni nageenyaa Sudaan deeggartoota dimokiraasii hiriira mormiif bahan boombii imimmaanessituun bittinse

Madda suuraa, Reuters
Humnootni nageenyaa Sudaan magaalaa guddoo biyyattii keessatti namoota kumaatamaan bulchiinsa waraanaa biyyattii mormuuf bahan bittinneesuuf boombii imimaanessituu itti dhoosan.
Namootni hiriira bahan kumaatmani gara masaraa mootummaa biyyattiitti imalaa turan.
Haa tahu malee, humnootni nageenyaa gidduugaluun isaan bittinsuun akka duubatti deebi’an godhan.
Waliigaltee dhiyeenya bulchiinsa waraanaa biyyicha gaggeessaa jiruu fi siivilii gidduutti mallattaa’e morman. Waliigaltichi ifa miti jechuun sagalee isaanii dhaggeesisaniiru.
Hiriirri mormii kun yaadannoo wagga arfaffaa fincila guddaan biyyichatti gaggeeffamuun Omar al-Bashir aangoo irraa kaase irra gaggeeffame.
Omar al-Bashir bara 2019 osoo aangoo irraa hin fonqolchamiin dura waggoota 30 oliif biyyattii gaggeessaniiru.
Haa tahu malee, adeemsi bulchiinsa mootummaa siiviliitti ceesisuu jalqabame waggaa lama osoo hin guutiin gatatachuun waraanni aangoo qabate.
Yeroo darbe, bulchiinsi Juuntaa biyyattii aangoo deebisee harka garee bulchiinsa siiviliitti kennuuf waliigalee ture. Kunis hookkara siyaasaa hamaa biyyattii keessaa tasgabbeesuufi.
Akkaataa waliigaltichaan bulchiinsi mootummaa ce’umsaa siiviliin gaggeeffamu waliigalameera.
Haa tahu malee, deeggartootni dimokiraasii irra caalaan dargaggootaa, dubartootaa fi namootni gurguddoon kaanis waliigalticha mormaniiru.
‘’Bulchiinsa siivilii yoo tahe malee waan biraa tokkoyyuu hin barbaannu’’ jette Samiiraa Hasan warren mormiif bahan keessaa AFPtti yoo himtu.
Sagaleen mormii ‚’Waliigaltee Kanaan nu hin gaggeesitu‘‘ jedhu dhagahamaa ture.
‘’Gara kaampii keessaniitti deebi’aa galaa’’ jechuun humna waraanaa biyyattii aangoo qabatee jiruuf ergaa dabarsaa turan.
Jalqaba ji’a kanaatti, yeroo waliigaltichi mallattaa’u, namni fiilmii hojjechuun akka adunyaatti beekamu lammiin Sudaan Hajooj Kuukaa BBCtti yoo himu, ‘’Wal amantaan cabeera. Humni waraanaa ammas irra deebiin akkasuma gochuu danda’a’’ jedhe.















