'Putiniin qeeqee namni lubbuun ture muraasa’

Madda suuraa, Getty Images
Aleeksi Navalinii nama Vilaadmir Putiniin qeequun beekamuu fi aangoo Putiniif hedduu sodaachisu ture.
Waggoota kudhanii oliif malaammaltummaa bulchiinsa Putin jalatti hojjetamu saaxilaa ture. Viidiyoo qorannoo gadi fagoo inni malaammaltummaa irratti hojjete namoota miliyoona dhibbaan lakaa’amaniin daawwatameera.
Bara 2021 gareen Naavalinii mana jireenyaa ykn masaraa Bilaak Sii ykn Galaana Gurraacha irratti baasii doolaara biliyoona tokkoo ol matta’aan argameen Putiniif ijaarame saaxile.
Naavaliniin kun agarsiisftuu sirna ‘’fiwudaalaa’’ Putiniif agarsiiftuudha jedhe. Viidiyoon Uummata Raashiyaa irraa hatuun ijaaran jechuun saaxile kun waggoota sadii keessatti yeroo miliyoona 130 ol ilaalameera.
Yeroo viidiyoon sun bahe Naavaliniin mana hidhaa ture. Amma ammoo achuma keessatti du’e.
Akka xiinxaltootni tokko tokko jedhanitti maqaan Naavalinii tarree namoota Raashiyaa Putiniin qeeqanii tasa du’anii keessa galeera. Hedduun isaanii tasa yoo du’an dhagahamaa ture.
Namni kamiyyuu hiriyyaa dhiyoo Putin maaf hin tahini guyyaa tokko bulchiinsa Putin irratti dubbanaan ykn qeeqnaan umurii dheeraa hin qabu.
Gaggeesitootni adunyaa hedduunis Naavaliniin goota lubbuu isaa aarsaa godhee fi sodaa hin qabnedha jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden kan itti gaafatamummaa fudhatu Putin’’ jedhanii booda Naavaliniin oso biyya alaa jiraachuu danda’uu mootummaa abbaa irree Putiniif harka osoo hin kenniin nama lubbuu isaa aarsaa godhedha jedhan.
Hogganaan Raashiyaa kun aangoo isaatti dhufnaan hiriyyaa fi mormituu hin jedhu jedhama. Hunda karaarraa maqsa, garuu gochaa kamiyyuu du’aatii isaanii waliin wal qabatu keessaa harka hin qbau jechuun haalu.
Dhiyeenya kana michuu dhiyoo Putin kan turee fi abbaa qabeenyaa tahe, darbees hogganaa Waagner, humna bitamuun biyyoota adda addaa keessa lolu hogganaa ture Piriigoozhin balaa tasaa mudateen du’e.
Waraana Raashiyaa fi Yuukireen irratti humna waraanaa Raashiyaa cina hiriiruun oso waraanaa jiranii ajajaa humna waraanaa raashiyaa qeeqe.
Booda Yukireen adda waraanaati bahuun hogganaa humna waraanaa Raashiyaa aangoorraa buusuuf, darbees Putiniifuu yaaddoodha hanga jedhamutti gara Moskootti qajeele.
Putin hiriyyaa isaanii Kanaan akka isaan ganetti lakkaa’uun gatii baasuu akka hin oolle ibsanii callisan.
Osoo olee hin buliin balaa xiyyaaraati jedhamuun hoggantoota Waagner biroo waliin Piriigoozhiin du’an.
Tujaara beekamaan Raashiyaa Paavel Antoov, ganna 65 tahe, akkasumas miseensa paartii Putin kann Tokkummaa Raashiyaa jedhamuu tahe, bara 2022 Indiyaatti foddaa hoteela keessa turerraa kufee du’ee argame.
Tujaarri kun karaa ergaa Waattsi Appii waraana Yuukireen irratti gaggeeffamu akka mormu erga argameeti. Inni garuu ergicha haalee ture.
Hiriyaan biraa Putin Vilaadmir Budaanov jedhamu hoteeluma isaa keessatti du’ee argame.
Ji’a Fulbaanaa darbe keessa hogganaan dhaabbata boba’aa guddicha Raashiyaa Lukoil, Raavii Magaanov, foddaa hospitaala keessa turee irraan kufee du’ee argame.
Innis waraana Yuukireen irratti gaggeeffamu mormee ture.
Waggaa sadiin dura ammoo milkaa’ina argamsiisaniif badhaasa umurii guutuu harka pirezidaantichaatii fudhatanii ture.
Namni biraa haala wal fakkaatuun ajjeefame Booris Nemtoov jedhamu. 1990 keessa hogganaa paartii mormituu jaalatamaa fi itti aanaa ministira muummee tahanii hojjechaa turan. Innis bara 2015 yeroo afur rasaasaan haleelamuun ajjeefame.
Ministeeri Dhimma Alaa UK Deevid Kaameeruun, Naavaliniin mana hidhaa keessatti du’uu isaan UK’n ‘’tarkaanfii fudhatti’’ jedhan.
Kaameeruun du’a Naavalinii ilaalchisuun gadda itti dhagahame ibsachuun du’aatii isaa hordofee tarkaanfiin fudhatamu jiraachuu qaba jedhan. Garuu tarkaanfii akkamii akak fudhata ibsuu hin barbaanne.
Joo Baayiden du’aatii Aleeksi Naavaliniif kan itti gaafatamu Putin jedhan.
Putin waliin waraana keessa kan jiran pirezidaantiin Yuukireen Zeleniskiin amoo Putiniin ‘’wanbadee’’ jechuun ibsan.
Putin ‘’wanbadee’’ malaammaltummaa fi jeequmsaan yeroo aangoo isaa dheereffatudha jechuun ibse.
Haati warraa basaasaa duraanii Raashiyaa Aleeksaander Litvinenkoo haala wal fakkaataan waggaa 18 dura abbaa warraashee dhabde kaleessa Yuuliyaa ilaaluun heduu ulfaata ture jette.
Miira akkasii waggaa 18 dura waan ishee mudateef akkam akka ulfaatu hubachuu kan dubbate konfiransii nageenyaa Berlinitti gaggeeffamaa jiru iratti ture.
Aleeksaander Litvinenkoo basaasaa Raashiyaa tahuun hojjechaa erga turee lammii Ingiliz tahe.
Bara 2006 summii poloniyeem -210 jedhamuun summeeffamee ajjeefame.
Aleeksi Navalinii guyyaa lamaan dura gaafa guyyaa jaalalleewaniirra karaa abukaatota isaa haadha warraa isaaf ergaa dabarse fuula miidiyaa hawwaasaa isaa irratti maxxaneera.
Haati warraa isaa Yuuliyaa jedhamti. ‘’Yuuliyaa anaafi si giduu magaalota hedduu fi fageenya kiilomeetira heddutu jira. Garuu sekondii hundayyuu akka na bira jirtuttan ilaala, sin jaaladha, ammayyuu caalschiseen si jaaladha’’ jedhe.












