Halaand boqonnaarra ture, Jesuus miidhameera: Piriimer Liigii Wiixata deebi'ee eegalurraa maal eegna?

Taphattoota kilaboota PL keessa tapahtan

Madda suuraa, Getty Images

Piriimer Liigiin Ingiliiz sababa Waancaa Addunyaa 2022 Qaatar torban ja’aaf addaan citee ture Mudde 26 jalqabuuf jira.

Kilaboota Liigichaa gurguddoo tokko tokkoof turtiin kun carraa taphattoonni isaanii itti haara-galfatan uumeeraaf. Keessumaa warri taphattoonni ciccimoo qaban jalaa miidhamanii ykn dadhabanii turan yeroo itti wallaansa argatanii taphaaf gahan argataniiru.

Haata’u malee, faallaa kanaan ammoo kilaboonni sababa tapha Waancaa Addunyaa Qaataar kanaan taphattoonni isaanii qaamaafi qalbiin jalaa miidhamanii deebiyan ni jiru.

Taphattoonni gareen biyya isaanii mo’amuurraa kan ka’e hamileen isaanii bu’eefi ofitti amanamummaa isaan dhaban hin dhiban.

Kilaboonni taphattoonni isaanii jajjaboon jalaa miidhamanii yeroo dheeraaf taphaa ala turu jedhamanis jiru.

Yeroo taphni Piriimer Liigii deebiyee jalqabuuf jiru kanatti eenyutu buufate, eenyuti ammo kasaaree? 

Halaand boqotee Man Siitiif yoo deebiyu, Gabri'el Jesuus Arsenaal jalaa midhameera

Amma Piriimer Liigii keessatti Arsenaal fi Maanchester Siitii tokkoffaafi lamaffaarra jiru. Kanaaf isaaniif carraafi taphni kamiyyu hedduu murteessaadha.

Turtiin Waancaa Addunyaa Qaataar kun Maanchester Siitiif taateetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti jifataan yeroo ammaa iji irra jiru Maanchester Siitiif taphatu Eerliing Halaand boqotee, humna kuufateera. Biyyi isaa Noorway Waancaa addunyaa irratti waan hin hirmaanneef isaaf yeroo haara-galfii gaarii ture.

Durattuu ‘qabaan isa hin danda’u’ jedhamaa amma yeroo boqonnaarraa taphattoota mudhukanii deebiyan gidduutti akkam ta’inna? jechuun warri sodaachaas, abdachaas eegan dubbachaa jiru.

Halaand baruma kana keessa taphoota Piriimer Liigii 13 taphatee gooliiwwan 18 Maan Siitiif lakkoofiseera.

Akkasumas, taphoota Shampiyoonsii Awurooppaa taphaterrattis galchii shan lakkoofsiseera.

 Maanchester Siitiif Halaand qofa miti taphataan cimaan gooliif kubbaa mijeessuun beekamu ykn ofiiniyyu lakkoofsisuuf qaroo ta’e Riyaad Mahreez waldhaansarraa deebiyaa jira.

Biyyi isaa Aljeriyaan Waancaa Addunyaa bara kanaatiin ala waan turteef taphataan kunis yeroo boqonnaa gaarii argatee deebiyaa jira.

Yoom kana qofa, taphataan dargaggeessi lammii Arjentiinaa ta’e Juuliyaan Alvaarez ammoo miira injifannootiin Maan Siitiif deebiyaa jira.

Biyyi isaa Shaampiyoonaa Waancaa Addunyaa akka taatuuf gurbaan kun gahee guddaa bahateera. Garuu miidhamni irra gahe hin jiru. Hamileen isaa ammoo ofitti amanamummaan isaa ammoo ‘tulluu’ ta’ee dhufaa jira.

 Faallaa kanaan, kan qabxii shaniin Maanchester Siitii caaluun Liigicha dursaa jiru Arsenaal yaaddoo qaba. Garee Mikeel Arteettaaf, turtiin torban ja’aa Waancaa Adunyaa kun kasaaraa fidee dhufe.

Taphataan ijoo Arsenaal Gabri’eel Jeesus biyya isaa Biraaziliif osoo taphatu miidhaan jilba isaarra gahee akka taphaan ala turu isa taasiseera.

Kanaaf, Arsenaal tapha itti aanu dirree ofii isaarratti West Haam simaturraa kaasee hanga dhuma Amajjiitti Biraayitan, Niiwukasil, Tootenhaam fi Maanchester Yunaayitid waliin qabu hunda irratti hin qaqqabu jedhameera.

Keen, Maaguweer fi Saalaah

Hawwiin Tootenhaam Piriimer Liigii keessatti sadarkaa afran duraa keessaa tokko ta’ee xumuruu jifataa isaanii Harii Keen irratti hundaa’a.

Harii Keen garuu tapha xumura nuusaa Waancaa Addunyaa biyyi isaa Faransaay waliin taasifte irratti peenaaliitii dhabuu isaatiin qalbiin isa cabeera.

Leenjisaan Totenhaam Antooniyoo Kontee miidhaa Richaarlisan irra gaheefis yaaddoo qabu.

Richaarlisaan erga biyya isaa Biraaziliif tapha Waancaa Addunyaa Qataar irratti tapha addaafi gooliiwwan addaa galcheen hedduu ija seeneera. Garuu miidhamni waan irra gaheeruuf akka deebiyeen taphaaf hin qaqqabu jedhamaa jira.

Taphataan Tootenhaam biraa Son Heung-min ammo tapha biyyi isaa Kooriyaa Kibbaa Waancaa Addunyaa irratti taasisteen gadi bu’ee argame.

Ta’us garuu Tootenhaam karaa ittiin buufatee deebiiyes qaba. Kiristaan Roomeroo kan biyyi isaa Arjentiinaan Shaampiyoonaa Waancaa Addunyaa taate hamilee gaariitiin deebiyaaf.

Karra eegaan isaanii Hugoo Looris ammoo hanga xumura Waancaa Addunyaatti deemuudhaan haalaa gaariirra jira. 

Liiverpuul akkuma kana liigicha keessatti 1-4 keessa galuun xumuruuf dhama’aa jira. Kanaaf ammoo taphataan kilabichaa lammii Masrii Mohaammad Saalaah haalaan murteessaadha.

Mo Saalaah biyyi isaa Waancaa Addunyaa keessaa hafuun ishee yeroo boqonnaa akka qabaatu taasiseera.

Kanaaf, amma deeggartoonni gala kilabichaa milkeessuudhaaf waan guddaa irraa eegaa jiran ta’ee mul’achuu danda’a taphataan kun.

Kana malees Diyaajoo Jotaan ja;qaba ji’a Guraandhalaarra ni deebiyaaf jedhamaa jira. Kun ammoo miidhamaan hanga Bitootessaatti tura kan jedhame bakka Luuwis Diyaaz bu’aaf.

Maanchester Yunaayitid kilaba carraa turtii Waancaa Addunyaa kanaan buufatee deebiye keessaati.

Isaandiroo Maartiineez garee isaa Arjentiinaa waliin Hssmpiyoonaa Waancaa Addunyaa ta’ee miira gammachuufi hamilee guddaan deebiyaaf jira.

Leenjisaan kilabichaa Erik ten Hag Harii Maaquweer cimina inni garee biyya isaa Ingilaandiif agarsiise akka Man Yunaayitidiif dabaluuf gaafateera.

Taphattonni kilabichaa tapha Waancaa Addunyaarra turan Diyaajoo Daalot warra Poorchugaaliifi Raafaa’el Varaanee warra Faransaay haalaa gaariirra jiruuf.

Kilabni West Haam ammoo taphataan sarara gidduu Deklaan Raayis Ingiliiziif wayita taphatutti miidhameera. Kanaaf, bakka isaa gabaa bahanii barbaaduuniyyu hin oolu jedhamaa jira.

Taphattoonni kaan garuu yaaddoo miidhamaa hin qaban.

Biraayitan buufatee deebiyeera. Taphataan sarara gidduu kilabichaa Aleksiis Maak Aliister garee Arjentiinaa mirgaan galan hamilee guddaa qaban keessaati. Kana malees, taphataan kun kontiraanni isaa ammayyu wagga sadii waan hafuuf qalbii guutuufi humna guutuun taphataaf.

Aston Viilaan akkuma kana abdiifi qophiin deebiyaa jira. Taphattoonni ciccimoo kilabichi qabu taphoota garee gurguddaa waliin qabaaturratti deebiyanii ga’umsa gaariirratti argamuuf.

HUnda caalaa garuu karra eegaan Aston Viilaa Waancaa Addunyaa irratti biyya isaa Arjentiinaa gootomse Emiliyaanoo Maartiinez jiraaf.

Leenjisaa Chelsii Girhaam Pooteriif eroon kun yeroo gaariidha. Chelsiin walitti aansee Piriimer Liigii keessatti mo’amaa waan dhufeef yeroo itti yaadee bakka baddde sirreessu argateera.

Taphattoonni Chelsii garuu haala lama keessa jiru.

Raheem Isterliing Ingilaand waliin taphachuu keessaa hafee ture. Maason Maawont ammoo ammatti tapha jalqabuuf hin ta’u. Kai Havertz ammoo miira isaa kufaatii biyya isaa Jarman samuudhaa qaba.

Haata’u malee, taphattonni ciccimoo miidhamarra turan akka Reece James, N'Golo Kante, Wesley Fofana fi Ben Chilwell foyyaa’aafiif jiru waan ta’ee Amajji kana keessa ni deebiyu jedhamee eegama.