Wantota shan Waancaa Addunyaa 2022 'uggum kubbaa miilaa' jechisiisan

Arjentiinaa

Madda suuraa, Richard Sellers

Waancaa Addunyaa 2022 irratti walumaagalatti taphawwan 64 gaggeefamanii, gooliiwwan 172 galaniiru.

Qophii cidha guddaa waggootaaf Qaataar taasisaa turteefi hedduu dinqisiifame kun Arjentiinaa warra Liyoneel Mesii mushurroo taasisuun goolabame.

Arjentiinaan kuftee ka’aa xumura waancaa irra gahuun ishee hedduu ajaa’iba ture.

Garee Sa’ud Arabiyaatiin gaafa mo’amtee wanta namni hin eegiin mudate maaltu kana geessi jedhee yaadee jira.

Kana qofa miti taphni dhumaayyu sa’aatiin dabalataa gargar isaan baasuu dadhabee hanga peenaaliitiidhaan Faransaay mo’attee Shaampiyoonaa taatutti diraamaa taa’umsatti osoo hin taane dhaabatanii ilaalan.

Uggum kubbaa miilaa!

Waancaan Addunyaa kun Argentiinaaf sadaffaadha- wagga 36 booda kan argatteedha.

Isa bara 1986 Diyaagoo Armaandoo Maraadoonaatiin addunyaa ajaa’ibsiiste; kan ammaa kanaan ammoo Liyooneel Mesiitu harka afaan nama kaawwachiise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mesiin kubbaa miilaan bakka itti hin milkaa’iin hin qabu, waancaa dachaafi kaasuun guurrateera. Shaampiyoonaa Awurooppaa, La Liigaa Ispeen, Kilaba Firance, PSG amma keessa tapahataa jiruun ma’ataa ture, mo’achaa jiras. Ballan dOr si’a torba mo’achuurraa kaasee manni Mesii badhaasawwan kubbaa miilaa gurguddoon dhiphateera.

Garuu Waancaa Addunyaa biyya isaa Arjentiinaa waliin osoo hin argatiin waan tureef milkaa’ina isaa kubbaa miilaan dirbaba jalaa taasiftee turte.

Amma garuu ni milkaa’e!

Nilsan Gireesnoot dorgommii Waancaa Addunyaa 2022 kanarratti wantota turan xiinxalaa ture.

Waancaan Addunyaa 2022 kun waqtii akkasii kana keessatti, birraan darbee bonatti seenaa wayita jiru (Sadaasaa fi Mudde) keessa gaggeeffamuun isaa adda isa taasieera.

Kun ammoo kan ta’eef haalli qilleensaa ykn ho’i Qaataar waqtii duraan qophaa’u Waxabajjiifi Adoolessa keessatti akka malee waan dabaluuf taphaaf waan hin mijoofneefidha.

Kun ijoo dubbii ta’aa turus, Qaataar garuu waqtii duraan ture irraa akka jijjiiramuuf gochuun qilleensa biyyattii ho’aa ta’es sirreessitee qophii addaa qopheessuun milkoofteetti.

Wanti biraan qophii Waancaa Addunyaa 2022 kana adda godhu yeroo jalqabaatiif Baha Giddu-galeessaa biyya Arabaa keessatti qophaa’uu isaati.

Kanaan alatti wantonni yaadataman biroo shan kunooti:

1. Seenaa Waancaa Addunyaa wagga 64 keessatti taateewwan hunda caalaa nama aarsan

Dorgommii Waancaa Addunyaa Qaataar qopheessite kana keessaa gareen 15n osoo hin eegamiin mo’aman kan aarii guddaatiin xumuraman ture.

Dorgommichi jalqabamee guyyaa sadaffaa irratti dhumarra Shaampiyoonaa Addunyaa kan taate Arjentiinaan garee Sa’ud Arabiyaatiin 2-1 mo’amte.

Kun biyyattii qofa osoo hin taane warra kubbaa beekaniifi xinxalaniyyu naasiseera ykn ajaa’ibeera.

Ariin biraan ammoo biyyi Afrikaa Morookoon tapha ramaddiifi nuusa xumuraa keessatti biyyoota Awurooppaa keessatti kubbaa miilaan kan gitu hin jirree duraafi duubaan Ispeenii fi Poorchugaaliin lafaan dhoofte.

Yoom kana qofa.

Waancaa Addunyaa mo’achuun biyyi itti dhiyaateeru kan hin jirre Biraazil ammoo Kirooshiyaatiin mo’amte.

Biyyi Afrikaa Kaameruunillee barana Biraaziliin mo’achuun seenaa galmeeffatteetti.

Warra tilmaama cimaa ofiif kennanii kun aarii mogolee nama buusu ta’ee darbeera kun martinuu.

Nilsan Gireesnoot xiinxala isaatiin aariin yeroo seetoo itti dhalu jira jedha.

Keessumaa gareen ykn biyyi gara jalqabaa mo’aman seetoo keessa galuun ramaddiifi tapha itti aananitti dogoggorawwan sirreessuun itti deemuu qofa osoo hin taane seetoofi icciqiidhaan dhiyaatu jedha.

Kanaaf ammoo waancaa kan fudhatte Arjentiinaan fakkeenya gaariidha.

2. Rukkuttaa muraasa…gooliiwwan hedduu

Tapha Waancaa Adunyaa 2022 kana irratti kubbaan qixaan gooliitti dhiitame 1,458 qofa ture.

Kun ammoo erga bara 2002 as isa baayyee gadi aanaadha jedha Nilsan Gireesnoot.

Waancaa Addunyaa bara 2014 kan Biraazil qopheessite irratti kubbaan gara gooliitti yaalame 1661 ture. Kana jechuun kan bara kanaa gadi bu’eera jechuudha.

Kan baayyee gara gooliitti dhiitame xiqqaatus garuu gooliin akka bokkaatti roobuu hin dhorkine. Bara kana gooliiwwan 172 lakkaa’amuun erga Waancaan Addunyaa biyyoota 32 hirmaachisuu jalqabee bara 1998 as isa olaanaadha jedhameera.

Waancaa Addunyaa 1998 fi 2014 irratti goolii walqixatu lakkaa’ama, kunis 171 ture.

Waancaa Addunyaa 2022 kana irratti kan kanaan duraa afran darban caalaa gooliiwwan lakkoofsifaman harki caalan bakka gooliitti dhiyoo ta’e peenaaliitii keessaati.

3. Kaardii kelloofi diimaa…daqiiqaa bakka gubate dabalaman

Waancaa Addunyaa 2022 kana irratti abbootiin murtii kaardiiwwan kelloo 227 agarsiisaniiru. Kun ammoo erga 2010 as isa guddaadha jedhameera. Kun ammo abbootiin murti kubbaa miiilaa dhimmanii taphachiisu jedha Nilsan Gireesnoot.

Kaardiin diimaa agarsiifaman garuu afur qofa ture. Kun Waancaa Addunyaa Raashiyaan qopheessite irratti agarsiifameen walqixa.

Haata’u malee, faawoliiwwan tapha irratti mudatan erga dorgommiin Waancaa Addunyaa jalqabee baayyee gadi bu’eera.

Waancaa Addunyaa 2022 kana irratti kan xumura waancaa irratti kennaman sadii dabalatee walumaa galatti penaaliitiiwwan 23 kennamaniiru. Kun ammoo Waancaa Addunyaa 2018 Raashiyaan qopheessiterraa hir’ateera.

Dhimmi ijoo dubbii ta’e daqiiqaa dhuma taphaa irratti bakka gubate dabalamudha. Tokkoo tokkoo taphaa irratti giddu-galeessaan daqiiqaa 11 ture kan dabalamaa ture. Kun ammoo kan bara 2018 daqiiqaa ja’a turerraa baayyee guddateera. Kun ammo kan ta’e FIFAn yeroo gubatu ilaalchisee danbii cimaa baasuu isaa hordofeeti.

4. Taphattoota umuriin ijoollees

Dorgommiin Waancaa Addunyaa 2022 dorgommii Waancaa Addunyaa yeroo kamiiyyu caalaa ijoollee reefuu ol adeemoo ta’an hirmaachisuun addatti yaadtameera.

Taphata sarara gidduu garee Ingilaand umuriin isaa wagga 19 ta’e Jude Bellingham, taphataa sarara gidduu Jarman umuriin isaa wagga 19 kan ta’e Jamal Musiala fi taphataa sarara gidduu Ispeen umuriin isaa wagga 18 Gaavii dabalatee ijoolleen 10 Waancaa Addunyaa taphatame 20 irratti biyya isaaniif taphachuu jalqabaniiru.

Taphataan cillee Faransaay Kiliyaan Imbaappee amma umuriin isaa 23 bara 2018 ijoollummaan garee biyyaleessaaf hiriiruu qofa osoo hin taane umurii xiqqaatiin goolii hedduu biyya isaaf lakkoofsisuun galmee qabateera.

5. Taphattoota buleeyyii gurra guddaa qaban

Waancaan Addunyaa bara 2022 kun ijoollee umuriin isaanii xiqqaa ta’e hiriirsisuun qofa miti kan yaadatamu. Taphattoota buleeyyiifi umuriin isaanii wagga 35 fi isaa ol ta’an haalaan mul’ataniiru.

Waancaa Addunyaa 2022 kana irratti taphattoonni buleeyyii 27 ta’an taphoota 83 irratti argamaniiru. Kun ammoo Waancaa Addunyaa 2002 irratti 32 kan turerra baayyee dabaleera.

Mesii wagga 35, Luukaa Moodiriich warra Kirooshiyaa wagga 37 ta’anii dorgommii Waancaa Addunyaa Qaataar kana irratti warra baayyee taphatan keessati. Tokkoo tokkoon isaanii taphawwan torba taphataniiru.