Waancaa Adunyaa bara 2026 irraa maal eegna, lakkoofsa biyyoota hirmaatanii, bakkaa fi haala taphaa

Madda suuraa, Getty Images
Waancaan Adunyaa Kaataar seenaa dorgommichaa keessatti isa ‘’baay’ee walitti siqaa’’ jedhamuun beekama. Kan bara 2026 garuu kana irraa addadha.
Waancaan Adunyaa Kaataar fageenya konkolaataan sa’a muraasaa gidduutti taphatame. Kana bara 2026 garuu biyyoota sadii keessatti taphatama.
Kanaadaa, Ameerikaa fi Meksiikoo.
Biyyootni dabalataa 16 kan itti makaman yoo tahu tapha baay’ee daawachuuf carraa qaba jechuudha.
Haa tahu malee dorgomichi akkasis tahee kan gaggeeffamu torbanootuma shaniifidha. Walakkaa Waxabajjii bara 2026 eegalee jechuudha.
Dorgommichi magaalota US 11, Meksiikoo sadii fi Kanaadaa lama keessatti waan gaggeeffamuuf taphattootnii fi deeggartootni isaanii imala akkamii taasisu kan jedhu gaaffii guddaadha.
Balaliin xiyyaaraa taphattoota, deegartoota, qondaalota Fifa fi miidiyaalee imalsiisu heduun jiraachuun dirqama taha.
Bara 2026 maaliif garee baay’een jiraata?
Fifa’n lakkoofsa biyyoota Waancaa Adunyaa bara 2026 irratti hirmaatanii isa amma 32 tahe irraa gara 48tti guddisuuf murteesseera.
Kana jechuun waggoota arfan dhufan kana keessatti ispoonseroota adda addaa, gurgurtaa tikkeettii fi mirga galii miidiyaalee irraa argatu paawondii biliyoona 11’n gahuuf hojjeta jechuudha.
Jaalatamummaan kubba miilaa Kaaba Ameerikaatti waan dabalaa dhufeef lakkoofsi daawwatootaa fuddaan eegama.
Fifa’n deeggartootni miliyoona 5.5 caalan ni daawwatu jedhee eega. Kun isa kana dura bara 1994 galmaa’e miliyoona 3.6 caala jechuudha. Tapaha tokko irratti deeggartootni 68,000 tilmaamaan argamu jechuudha.
Galiin kana irraa argamu biyyoota adda addaaf qoodamuun pirojektii kubb amiilaa kan dubartootaa dabalatee akka irrat hojjetan godhama.
Dorgommii bara 2026 irratti lakkoofsi hirmaattotaa Afrikaa fi Eeshiyaa ni dabala. Kaataaritti biyyoota 11tu hirmaate.
Bara 2026 yoo xiqqaate biyyootni 17 dorgommichaaf darban kan hirmaatu taha, biyyootni lama ammoo tapha mo’atanii darbuu biyyoota ardii lamaan keessaa qabxii gaarii qaban gidduutti godhamuun kan itti makaman taha.
Garee Concacaf keessaa biyyootni jaha qopheesitoota dabalatee ni hirmaatu. Akkasumas federeeshinichi biyyoota tapha mo’atanii darbuun hirmaatan lamas cinatti qabaata.
Bara 2026 eessatti taphatama?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaa keessaa istaadiyeemotni 16 tahan ji’a Waxabajjii darbe keessa adda baafamaniiru.
Hedduun isaanii durumaan kan ijaaramanii fi tapha NFL’f oolaa jiranidha. Kaan kan haareffaman tahee kaan ammoo margaan kan uwwiffaman taha. Fifa’n marga istaadiyeemii namtolchee hin eeyyamu waan taheef.
Akka amma qabametti yoo deeme, taphootni 80 kan taphataman taha, isaan keessaa Ameerikaan taphoota 60 tahan keessumeesiti. Garuu karoorri kun jijjiiramuu mala.
Kanaadaa fi Meksiikoon taphoota kudhan kudhan keessumeessu.
Ameerikaa fi Meksiikoon bara 1986 walumaan waancaa Adunyaa qopheessan.
Ameerikaan istaadiyeemii yeroo Sanaa keessaa tokkoyyuu hin fayyadamtu. Meksiikoon
Bakka dorgommiiwanii:
Ameerikaa
- Niw Yoorki (MetLife Stadium)
- Los Angeles (SoFi Stadium)
- Dallas (AT&T Stadium)
- Saan Firansiiskoo Bay Area (Levi's Stadium)
- Miyaamiii (Hard Rock Stadium)
- Atalanta (Mercedes-Benz Stadium)
- Siyaatil (Lumen Field)
- Huustan (NRG Stadium)
- Filaadeelfiyaa (Lincoln Financial Field)
- Kansas Siitii, Mizuuriii (Arrowhead Stadium)
- Boston/Foxborough (Gillette Stadium)
Kanaadaa
- Torontoo (BMO Field)
- § Vaankoovar (BC Place Stadium)
Meksiikoo
Gudalajara (Estadio Akron)
§ Meksiikoo Siitii (Azteca Stadium)
Monterii (BBVA Bancomer Stadium)
Murteen xumuraa bara 2023 keessaa Fifadhaan kan murtaa’u taha. Garuu karoorri jalqabaa garee sadii biyyoota 16 of keessaa qaabniin qooduudha. Gareen kamiyyuu tapha garee keessaa darbuu lama taphata.
Sadii hin tahu jechuudha. Biyyootni lama garee isaanii keessaa darbuun gara biyyoota 32tti makamu.
Dabalataan biyyoota 48 garee 12tti qooduun akka danda’amus himameera.
Pirezidaantiin Fifa Jiyaanii Infaantiinoo haalli caaseffama isaa irra deebiin kan ilaalamu taha jedhaniiru.
Taphni xumuraa eessatti gaggeeffama?

Madda suuraa, Getty Images
Murteen xumuraa ammatti hin darbine. Garuu bara dhufu ni murtaa’a.
Tapha waancaa xumuraa keessummeessa jedhamee kan eegamu istaadiyeemii MetLife Baha Raazerfiildi magaalaa Niw Jersii keessa jirudha.
Deeggartoota 82,500 qabachuu danda’a. Qe’ee kilaboota dorgommii NFL Niw York Gaayantii fi Niw Yoorki Jeets jedhamaniiti.
Istaadiyeemiin Meksiikoo guddichi Azteca ammoo tapha baninsaa keesummeessa jedhamee eegama.
Lamaan isaaniiyyuu garuu tapha xumura waancaa bara 2026 keesumeesuuf carraa guddaa qabu. Jiyaanii Infaantiinoon yeroo fudhatanii kan murteessan tahuu himaniiru.
Waancaa Adunyaa bara 2030 seenaa addaa qabaata. Waggaa 100ffaa dorommichi itti jalqabe yoo tahu, Yuraagaay ture isa jalqabaa kan qopheesse.
Yeroo sana biyyoota 13tu garee tokko keessatti wal dorgomaa ture.
Ammas yaadannoo kanaan Arjentiinaa waliin qopheesuuf gaafattus Poorchugaalii fi Ispeen waliin qopheesuuf carraa jalqabaa qabu.












