Suurawwan ajaa'ibsiisoo Waancaa Adunyaa 2022 muraasa

Soofiyan Boofal haadha isaa wajjin yeroo shubbisu

Madda suuraa, Getty Images

Waancaa Adunyaa bara kanaa Kaataritti gaggeeffame irratti GettyImages garee suura kaasu nama 50 of kessaa qabu fi hojjttoota deeggarsa kennan biroo bobbaasee ture. Namoota suura gulaalanii hatattamaan maxxansan heddus Londanii fi bakkeewwan birootii qaba. Suurawwan ajaa'ibsiisofi hin dagatamne Getty Imgaes kaasee keessaa filannee akka armaan gaddiitti dhiyaata.

Taphattoota Kirooshiyaa goolin akka hin galle ittisan

Madda suuraa, Getty Images

Lars Baron: Tapahattoonni Morookoo naannoo peenalitiitti rukuttaa adabbii argatanitti, warri Kiroshiyaa galchiin akka hin galleef tarree galanii dhaabbatan. Gareen heddu yeroo tarree galanii yeroo ol utaalan tarii kubbaan miilla isaanii jalaan akka hin galleef namni tokko akka ciisu godhu. Kanaaf yeroo kanatti taphata isa ciisee jirurratti xiyyeeffadhee warri kaan yeroo ol utaalan miilla isanii kaase.

Xhaka fi Xherdan Shaqiri

Madda suuraa, Getty Images

Francois Nel: Yeroo dorgommii mo'atanii darbuutti taatewwan kubbaan wal qabatanii mudatan irratti xiyyeeffachuun gaaridha. Siwizarlaand fi Sarbiyaan osoo hin taphatin dura editarooni keenya taphattoota Siwizarlaandi fi Sarbiyaa keessaa Xhaka fi Xherdan Shakiri irratti xiyyeeffannee suura akka kaasnu nu ajajanii tutran. Taphicha irratti Xhaka fi Milenkovich afaan keessa wal bahan, tarii afaan keessa wal bahuun kun yoo gara lolatti jijjiirame jedheen tapahttoota lamaan irratti xiyyeeffadhe.

Richarlsan yeroo goolii galchu

Madda suuraa, Getty Imgaes

Michael Steele: Suuran kun yeroo Richalsan Sarbiyaa irratti goolii ajaa'ibaa galchu kan agarsiisu yoo ta'u, kaameeraa bakka miidiyaan taa'u dhaabbateen fageenya irraa kan kaafameedha. Bakka olka'aa irraa kaasun kan danda'amu yeroo taphni gurguddaan jiruudha, yeroo sana kallattii barbaadden kaasta. Kaameeraa laman qaba ture, tokko dirree irratti kan xiyyeeffate, tokko ammoo deeggartota irratti xiyyeeffachuun kan suura kaasudha.

Liyoonel Meesii ijoollee wajjin yeroo haasa'u

Madda suuraa, Getty Images

Maja Hitij: Yeroo hundumaa dahoo karaa ittiin taphattoonni dirree seenan keessatti Liyoneel Meesin ijoollee wajjin osoo haasa'uu mul'ata. Taphattoonni ijoollee xixiqqodhan marfamanii yeroo dirree seenan jechuudha. Yeroo mara ijoollee wajjin haasa'uu jaalata- yeroo tokko tokko ammoo waanuma taphattoonni jiranuu itti hin fakkaatu. Tanaalin keessa kameeraa TV heddutu jira, kanaaf akka kameeraa TV tamsaasa kalattii dabarsanii keessa akka hn lixnetti suuta jennee suuta jennee sochoona. Bakka sirrii dhaabbatanii suura kaasan argachuun rakkisaadha. Suuta jedheen karaa gareen Arjentiinaa ittiin dhufutti goreen yeroo Meesin garee isaa dursee dhufu eeggadhe. Ijoollee hundumaa nagaa gaafate, keessumaa mucaa dubaraa garee isaa hin taane tokko baay'ee akka isa dinqisiifattu itti himti, deeggaraa isaa ta'uu agarsiisuf quba abbuudduu lamaan ol qabdu innis seeqe.

Neeyimar erga goolii galchee booda taphattoonni Biraazil yeroo dhiichisan

Madda suuraa, Getty Images

Francois Nel: Gareen Biraazil goolii erga galchanii booda shubbisuudhan beekamu. Neeyimaar rukuttaa adabbiitin yeroo galchii galchu, gammachuu isaanii shubbisa bareedadhaan akka ibsatanan bare. Kanaaf, yeroo inni galchii galchee gara garee isaa kallattiin ani jiruun jiranitti fiigun eeggadhe. Tapahattoota afran isaa wajjin shubbisan galchuu akka danda'utti kaameeraa koo dhiyeessen suura isaanii kaase.

Taphattoota Morookoo yeroo Ispeen mo'atan

Madda suuraa, Getty Images

Alex Grimm: Akka ogeessa suuraa tokkootti osoo suura hin kaasin dura ni karoorsita. Garuu, taphattoota kamtu gammachuun machaa'ee akka fiigu fi naasudhaan gutamee cabbaa'u hin beektu. Suura kanarratti Morookon Ispeen mo'achuun nuusa xumuraa yeroo gahan agarsiisudha.

Karra eegan Arjentiinaa yeroo rukuttaa penaliitii deebisu

Madda suuraa, Getty Images

Patrick Smith: Waancaa Addunyaa kana irrattu taphni Zezelaandi fi Arjantiinaa taphota dinqisiisoo keessaa tokkoodha. Sa'aatii idileetti wal mo'uu dadhabnaan gara rukuttaa penaaliititti cehan. Kaameran koo karra eegaa dudduuban jiru yeroo karra eegan Arjantiinaa rukuttaa jalqabaa deebisu kaase. Netherlands v Argentina was arguably one of the most iconic matches in the tournament.

Kiristaanoo Ronaaldoo yeroo gaddu

Madda suuraa, Getty Images

Patrick Smith: Isteediyeemii gubbaadhaan suura kaasaa ture, Kiristaanoo Ronaaldoo walakkaa lammaffaa irratti bakka jijjiirratii yeroo ka'u dirree galee garee isaa akka jajjabeessu, goolii galchee seenaa akka dalagu ykn Waancaa Addunya yeroo dhumaaf irratti hirmaatu keessaa mo'amee akka bahun tilmaame. Suurri kun yeroo inni carraa argate dhabee gaddaan lapheen isaaa caphe kan agarsiisudha.

Alexander Hassenstein: Tapha kana irratti bakka olka'aa fi mijataa waanan tureef kallattiin barbaaden suura kaasuf carraan argadhe, keessumaa yeroo Soofiyaan Boofal haadha isaa wajji dirree keessatti yeroo shubbisu.

Kiliyan Imbaappee yeroo gammachuu ibsatu

Madda suuraa, Getty Images

Michael Regan: Tapaha kanarratti suuran Imbaappee murteessaa akka ta'en bare. Kanaaf waantin gochuu qabu sagalee koo olkaasee "Yeeesssss Kyliaaaaannnnn!" jedhee isa waamee qalbii isaa harkisuun qaba ture. Gara koo dhufee akka suura ajaa'ibaa kaasu carraa naaf uume. Wayyaa AShraf Hakiimii tapahataa Morokoo uffatee jira. Imbaape fi Hakimin kilaba PSG keessa waliin taphatu waan ta'eef wayyaa isaanii wal jijiiran.

Liyoonel Meesii waancaa fudhachuuf yeroo deemu

Madda suuraa, Getty Images

Matthias Hangst: Suurri kun guutummaatti Liyoonel Meesii irratti xiyeeffata. Isteediyeemii gubbaa waanan tureef isarratti xiyyeeffadheen yeroo inni waancaa fudhachuuf deeme argadhee kaase.

Garee Arjentinaa waancaa erga fudhatanii booda

Madda suuraa, Getty Images

David Ramos: Suurri kun gareen Arjantiinaa waancaa baatanii Sarjoo Aguweeroo Meesii saggoo isaarratti baatee kan agarsiisudha.