Garee Arjentiinaa Waancaa Adunyaa irratti mirgaan galeef simannaan gootaa taasifame

Madda suuraa, Reuters
Gareen Arjentiinaa waancaa Adunyaa mo’ate biyyatti yoo deebi’u simannaan gootaa godhameef.
Arjentiinaatti guyyaan har’aa ayyaana tahee akka kabajamuuf mootummaan biyyattii labseera.
Uummatni biyyattii miliyoonotaan buufata xiyyaaraa magaalaa Buunes Eyiris hanga Waajjira Olaanaa Federeeshinii Kubba Miilaa Biyyattiitti hiriiruun simataniiru.
Taphattootni konkolaataa guddaa irra keessaan banaa taherra bahuun deeggartoota isaanii waliin gammachuu isaanii ibsachaa turan.
Sirni gammachuu ibsachuu inni guddaan ammoo magaalaa Boones Eeyires walakkaa siidaa jiru biratti guyyaa kana kan gaggeeffamu taha.

Madda suuraa, Reuters
Dursaan taphattoota Arjentiinaa Liyonel Mesiin ispoortessaa cimaa adunyaa ‘BBC Sports Personalty’ tahuun filatame.
Mesiin Waancaa Adunyaa shanaffaa isaa irratti galchii torba lakkoofsiseera. Waancaa Adunyaa irrattis taphataa cimaa jedhamuun badhaafameera.
Arjentiinaan waancaa Adunyaa waggoota 36 booda Kaataaritti injifatte.
Gareen xumuraaf dhaqabe Faransaayis yeroo gara biyyatti deebi’an simannaan gootaaf godhamu godhameeraaf.
Tapha diraamaan guutame, daqiiqaan 90 jalqabaa qixa 2 fi 2'n xumurame, daqiiqaa dabalataa 30 keessatti 3 fi 3'n xumuramee gara rukuttaa peenaaliititti ce'ame Arjentiinaan gahumsa karra eegaa ishee milkoofte.
Arjentiinaan Waancaa Adunyaa yeroo sadaffaaf mo'achuu isheeti. Faransaay yeroo lama mo'atteetti.
Waancaa Adunya abara 2026 kan biyyootni 48 irratti hirmaatan Ameerikaa, Meksiikoo fi Kanaadaa keessatti qophaa'a.















