Cheelsiin jijjiirraa taphattoota ganna kanaatiin dursaa jira

Jijjiirraa taphattootaan Chesliin maallaqa guddaa baasaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Waggaa tokko keessatti paawondii gara biliyoona tokkoo baasuun taphattoota kan mallattesise Cheelsiin yeroo jijjiirraa ganna kanaattis dursaa jira.

Kileboonni hedduun osoo taphataa tokkollee hin mallattesisiin hanga ammaatti Paawondii miliyoona 95 baasuun taphattoota haaraa jaha mallatesiseera.

Taphataan jalqaba Chelsii gale Toosin Adarabiyoo yoo tahu Fuulham irraa waliigaltee isaa xumuree bahuun bilisaan Cheelsii gale.

Taphataan kun ollaa istaadiyeemii chelsii Istaanfoordi Biriijitti dhalatee guddate.

Taphataan biraa ammoo Omarii Keelimaan yoo tahu, Aston Viilaa irraa paawondii miliyoona 20 mallattesisan.

Taphataan ganna 18 kun bara 2022 paawondii walakkaa miliyoonaa tahuun darbii Kaawontii irraa Astona Viilaa gale.

Ergasii waliigalaan taphoota shan irratti caalaa Aston Viilaaf hiriiree hin taphanne.

Chelsiin waliigaltee waggoota jahaa taphataa kanaaf kenne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Milkaa'ina gaarii taha kan jedhame ammoo taphataa Maarki Guyi jedhamu ganna 18 kan tahe Baarselonaa irraa mallatesisaniiru.

Taphataan kun waliigaltee Baarseloonaa waliin qabu gara xumuraatti waan fideef Chelsiin Baarseloonaaf Yuuroo miliyoona jaha qofa kaffaluun fudhate.

Taphoota torba irratti galchii lama Baarseloonaaf lakkoofsiseera. Dirree seenee sekondii 23 keessatti Atileetiikoo Bilbaayoo irratti kan lakkoofsise ammoo yaadannoo guddaa inni Baarseloonaa keessatti qabudha.

Dabalataan Cheelsiin taphataa cimaa Leester Siitii Kernaan Dquwisbaarii Haal jedhamuu fi ganna 25 tahe paawondii miliyoona 30 mallatesise.

Bara dorgommii xmurametti taphataa jabaa lester Siitii waggaa kanaa tahuun filameera.

Leenjisaan Cheelsii ammaa Enzoo Maareshkaan taphaticha waliin Leester Siitiitti waan hojjetaniif haalaan wal beeku.

Reenaatoo veeyigaa baazel irraa paawondii miliyoona 12 baasuun kan mallatesise Cheelsiin waliigaltee waggoota torbaaf turu kenneeraaf.

Tapahataa qaalii fi haalaan barbaadamu taha kan jedhame ammoo Istaavoo Wiiliyaan kan jedhamudha.

Tapahataan kun umuriin isaa waggaa 17 yoo tahu, kileba Biraazil Palmiraas jedhamuuf taphata.

Paawondii miliyoona 29 baasuun mallatesisan. Garuu umurii isaa waggaa 17 biyyoota biraatti deemuun hojjechuun waan hin eeyyamaneef bara kana achuma turee bara dhufu Cheeslii gala.

Maanchister Yuunaayitid taphataa Bolonyaa Jooshoyaa Zirkizee paawondii miliyoona 35 tahuun mallattesiseera.

Taphataa Riyaal maadirid barbaadaa ture Leenii Yoroo, Liil irraa Yuuroo miliyoona 50 tahuun mallattesisuuf waliigaltee xumuraa jira.

Taphataan Everteen Amaadoo Onaanaa Astoon Viilaa galuuf fiixeerra gaheera.

Taphatichii fi kileboonni lameen waliigaltee hundaa xumuraniiru.

Oduu jijjiirraa biraan ammoo 'Sky German' akka gabaasetti Ingilaandi bakka Gaarez Saawozgeet buusuuf Yargen Kiloop akka gaafatan himame.

Gama biraan ammoo Peep gaardiyoolaan ahanga maan Siitiidhaa waliigaltee isaa xumurutti eeguun qacaruu akka barbaadanis himame.

Leenjisaan Tootenhaam Anji Poostikooguluus leenjistoota Ingilaandiif maqaan isaanii eerame keessaati.

PSG taphataa Naappoolii Viiktar Oosimeen mallatesisuuf hojjechaa akka jiru himame.

Naappooliin ammoo bakka Oosemiin taphataa Cheelsii Roomeluu Lukaakuu mallatesisuu akka barbaadu ibseera.

West Haam taphataa Arsenaal Riis Naalsan fudhachuuf gaafachaa jira. Taphataan kun Arsenaal keessatti carraa taphaa gahaa argataa hin turre.

Arsenaal taphataa kanaaf Paawondii miliyoona 25 gaafataa jira.

Arsenaal taphattoota sarara duraa barbaadaa ture. Ammatti kan mallatesise hin qabu. Bara dorgommii darbe torban xumuraatti waancaa kan dhabe Arsenaal sarara duraa isaa cimsa jedhamee eegama.

Maanchister Siitiin taphataa Jiiroonaa Saaviyoo jedhamu mallatesiseera. Jiiroonaa fi maan Siitiin abbaa qabeenyaa tokko jala jiru.

Liiverpuul leenjisaa haaraa jalaatti ammayyuu of haaromsuuf hojjechaa jira. Garuu ammatti taphataa maqaa guddaa qabu mallatesise hin qabu.