Ilma qonnaan bulaa Olompikarratti Afrikaaf warqii jalqabaa injifate

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Marta Pausilli fi Priya Sippy
- Gahee, BBC News
Bara 1960, magaalaa Room keessa ture, ilmi qonnaan bulaa miila qullaan fiigu addunyaa ajaa'ibsiisee Afrikaaf seenaa guddaa kan galmeesse.
Halkan sana magaalaan Xaaliyaanii namoota atileetota maaraatoonii Olompikiirratti dorgoman daawwachuuf qarqara daandii toora seenaniin guutameera.
Loltoonni Xaaliyaaniis yeroo atileetiin Itoophiyaa Abbabaa Biqilaa fiigicha yeroo xumuruuf fiigu xombora qabatanii ifaa ibsuuf ture.
Qumxaa diimaafi irra keessa uffata gurraacha kan uffate Abbabaan yeroo dheeraaf atileetii Morookoo dorgommicharratti eegamu, Raadii Ben Abdeselaam, waliin qixuma fiigaa turan.
Yeroo xumuramuuf xiqqoo hafu dorgomaa isaa jalaa miliquu eegale. Saffisa dabalees harka mirmirsaa injifannoon cabsee seene.
Atileet Abbabaan tokkooffaan xumure qofa miti. Olompikii irratti lammii gurraachaafi lammii Itoophiyaa jalqabaa warqii injifates ta’eera.
Abbabaan riikardii haaraa sa’aatii lama, daqiiqaa 15 fi sakandii 16 galmeesse.
Injifannoon isaa akkaan guddaa ture. Abbabaan yeroos nama hin beekamne qofa hin turre, dorgommii guutuu miila qullaan fiige.
Abbabaan sababni miila qullaan fiigeef waan kopheen isaa tarsa’eefi. Kophee haaraa godhachuun immoo miila na madeessa jedhee sodaate.
‘’Atileetonni shaampiyoona ta’an yeroo [suuta] ol bahan baramu, Abbabaan garuu homaa hin beekamu,’’ ture jedha lammiin Biriitish waa’ee isaa barreesse Tim Judaah.
‘’Kunimmoo lammiin Afrikaa miila qullaan maaraatoonii injifachuun,’’ addunyaa rifaasise jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Abbabaan yeroo biyyatti deebi’u akka goota biyyaatti simatame, kumaatamni bahee gammachuu ibseef.
Injifannoon isaa bara 1960 garuu kan biyyarra darbees ture.
‘’Barri kuni bara biyyoonni [Afrikaa] kolonii jalaa bahaniifi Afrikaan waltajjii addunyaarratti mul’achu eegaltedha,’’ jedha Judaah.
‘’Ija kanaan yoo ilaalle inni urjii abdii horeefi faajjii barichaati.’’
Mallattoon injifannoo Abbabaa garuu har’allee itti fufeera.
‘’Afrikaa keessa waan mudate yoo ilaalte erga Abbaba Biqilaan Roomitti injifate booda walabummaan [biyyoota Afrikaa] eegale,’’ jedha Olompikiifi Shaampiyoonaa Addunyaarratti kan mo’ate Hayilee G/Sillaasen.
Yeroo Abbabaan biyyasaatti deebi’e, gaazexaan Keeniyaa, Nation jedhamu, Mootiin H/Sillaasee Abbabaatin urjii Itoophiyaa badhaasan jedhee gabaase.
Gulantaa waraanaa, mana jireenyaafi konkolaataa Vokisiwaagan Biitil jedhamtus badhaasan.
Ilma qonnaan bulaa lafa guddaa gahe
Atileet Abbabaan injifannoon Olompikiirratti argate waliin yoo ilaalamu jireenyi gad aanaa keessatti nama dhalate guddatedha.
Bara 1932 baadiyyaa Itoophiyaa qe’ee Jaatoo jedhamu keessatti dhalate. Abbaan isaa horii tiksu turan.
Dargaggummaatti gara Finfinnee imalee Kibur Zabanyaa [Eegduu Mootii] keessatti loltummaan qacarame.
Akkaataa kanaanis Eegduu Mootii Itoophiyaa yeroosiii H/sillaasee ta’un hojjechuu eegale.

Madda suuraa, Getty Images
Achitti ture kennaa isaa leenjisaan lammii Siwiidish, Onii Niskaanan, kan argan. Yeroos Niskaanan mootummaa Itoophiyaan qacaramanii loltoota leenjisu ture.
Leenjisaan kuni Abbabaan maaraatooniin akka dorgomu leenjisuu eegalan.
Ta’us Abbabaan atileetii Itoophiyaa cimaa jedhamu hin turre.
Atileetiin cimaa barasii Waami Birraatu ture. Olompikii Roomiifis isatu akka fiigu yaadame.
Dorgommiin osoo hin eegaliin guyyoota muraasa dura garuu Waamiin dhukkubsatee akka hafu ta’e.
Warqii Olompikii lammataa
Injifannoon atileet Abbabaa Olompikii Tookiyoo bara 1964 irrattis bu’uura dabalataa tolfate.
Abbabaan maaraatoonii walitti aansee mo’achuun atileetii jalqabaa ta’e.
Hanga guyyaa har’aatti Abbabaan atileetota sadii seenaa akkanaa qaban keessaa tokkodha.
Kaan lamaan Waldemar Cierpinski yoo ta’u kan biraammoo Iluud Kipchoogeedha.
Yeroo Tookiyootti fiigu garuu Abbabaan kophee godhateera. Garuu rakkoon biraa isa qunnamee ture.
Dorgommiin eegaluuf guyyoonni 40 yoo hafan mar’ummaan isaa yaali baqaqsanii yaaluun wal’aanameera.

Madda suuraa, Getty Images
Torban muraasa keessa garuu bayyanatee isteediyeemii biyyaalessaa Tookiyoo keessatti sa’aatii lama, daqiiqaa 12 fi sakandii 11’n maaraatoonii xumuruun Riikordii Addunyaa biraa galmeesse.
Akka Atileetiksiin Addunyaa ibsetti, Abbabaan bara 1960 hanga 1966’tti dorgommii maaraatoonii 13 fiige keessaa 12 injifateera.
Olompikiirratti warqii lammataa injifatee waggoota shan booda garuu rakkoon jabaa isa qunname.
Carra hamaa irra aanuu
Bitootessa bara 1969 Abbabaan konkolaataa isaa osoo oofuu balaan konkolaataa isa qunnamuu gabaasonni mul’isu. Kanaanis, mormaa gadi qaama sochoosuu dadhabe.
Gara Ingilizii Hospitaala Stoke Mandeville jedhamuufi miidhama dugugguruu dugdaa qunnaman wal’aanuf gargaarutti geeffame.
Ta’us, lammata miilaan adeemuu akka hin dandeenye itti himame.
Ta’us, Abbabaan harki isaa sochoosuu danda’e. Kanattis dorgommiiwwan kanneen akka xiyya darbachuufi teenisii minjaalaan dorgomuu eegale.
Bara 1970 Taphoota Stoke Mandeville Landan argamutti dorgome. Kunis dorgommii paaraalimpikitti akka hirmaatu isa qopheesse.
Waggaa itti aanu, Norwayitti dorgommii qaxxaamura biyyaa sleigh-riding jedhamuufi atileetonni qaama miidhaman irratti hirmaatan hirmaatee injifate.
Seenaa darbee jiraatu
Atileet Abbabaa Biqilaan balaa isa qunnamerraa umrii isaa 41’tti bara 1973 du’aan boqote.
Mootiin H/Sillaasee du’a Abbabaa Guyyaa Gaddaa Biyyaalessaa jechuun labsan, owwaalchi kabaja olaanaas taasifamef.
Abbabaan ijoollummaan du’us leegaasiin isaa garuu jiraataadha. Magaalaa Finfinnee keessatti maqaa isaatiin isteediyeemiin mogga’eera.
Manneen barnootaafi badhaasonni maqaa isaan qopha’anis jiru.
Leegaasiin ijoo Abbabaa Baha Afrikaa keessatti atileetota dhaloota haaraa faana isaa hordofanii fiiganif fakkeenya ta’uudha.

Madda suuraa, Getty Images
Eegasii atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa, kanneen akka Hayilee Gabrasillaaseefi Iluud Kipchoogee ispoorticha keessaa olaantummaa gonfataniiru.
‘’Nuyi [atileetonni Afrikaa] bu’aa Abbabaa Biqilaati. Sababa Abbabaa Biqilaatiin, atileetii sadarkaa addunyaan cimaa ta’en ta’e,’’ jedha Hayileen.
Atileetiin Itoophiyaa Olompikii Paarisirratti 3000m gufachiisaan biyya bakka bu’u, Getinnat Waalae, Abbabaatin nama ‘’karra saaqe’’ jechuun ibsaan.
‘’Inni kan jalqabaati. Hanga har’aatti ni yaadatama.’’












