Lammii Itoophiyaa faana Abbabaa Biqilaa bu'uun maaraatoonii miila duwwaa fiiguuf kaayyeffate

Madda suuraa, Ermias Ayele/Twitter
Atileet Abbabaa Biqilaa Xaaliyaanii, Roomitti miila duwwaa fiigee medaaliyaa warqee erga injifatee waggaa 60 booda lammiin Itoophiyaa biraa yaadannoosaatiif miila duwwaa fiiguuf jira.
Namni miila qullaa fiigu kun qindeessaa duraanii dorgommii Figicha Guddicha Itoophiyaa kan ta'e Ermiyaas Ayyaleedha.
’’Abbabaan beekamtii argachuu qabu argateera jedhee hin yaadu,'' jedha Ermiyaas kaayyoo miila qullaa fiiguf kaayyeffate yoo miidiyaatti ibsu.
''Seenaan isaa yeroo hundumaa na onnachiisa, sababa kanaafin iddoo inni seenaa itti hojjate - Roomitti akka isaatti miila duwwaa fiiga.
''.. atileetiksiifi Itoophiyaaf gatii inni baaseef kabajaa [argachuu mala],’’ jechuun barruu Athletics Weekly jedhamutti hime.
Ermiyaa fiigicha maraatoonii kiilomeetira 42 Dilbata dhufu magaalaa Roomitti fiiguuf karoorfate.
Atileet Abbabaa Biqilaa nama gurraacha maraatoonii fiigun yeroo jalqabaatiif meedaliyaa warqii Olimpikiirratti injifateedha.
Atileetota Itoophiyaaf qofa otoo hin taane atileetota Bahaa Afrikaa maraaf bu’uura kaa’ee darbe.
Abbabaan yeroos kopheen isa mijatu waan dhibeef miila qullaa fiige.
Miila duwwaa fiiguun garuu salphaa miti. Waan kana Ermiyaas akka hubatu ibseera.
''Miilli kee ni dhiiga, nama dhukkuba garuu cichuu si barsiisa,’’ jedha Ermiyaas.
Ga’eessa ganna 45 kan ta’e Ermiyaas, kanaan dorgommii lama miila qullaa fiiguu hime.
Tokko Fiigicha daandiirraa kiilomeetira 10 magaalaa Finfinneetti dorgomamee akkasumas walakkaa maaratoonii Hawaasaarratti miila duwwaa fiigee xumuruu miidiyaa AIPS'tti hime.
Maaraatoonii guutuu garuu miila qullaa fiigee hin beeku.
Ermiyaas dorgommii maratoonii Room sa’aatii 3:30-4:00 giddutti akka xumuruufi qophii barbaachisu xumuruu dubbate.

Madda suuraa, KEYSTONE-FRANCE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Seenaan Abbabaan waggoota dheeraa dura dalage yaadachuuf Itoophiyaatti isteediyeemiifi kaan maqaa isaatti moggaafamaniiru.
Injifannoonsaa hunda caalaan ifee kan mul’atu injifannoo inni Roomitti miila duwwaan fiigee injifatedha.
Shaambal Waamii Birraatuu waan miidhamaniif ture Abbabaan, Abbabaa Waaqjiraa waliin gara Olompikii Room imaluu kan danda'e.
Dorgommiin Olimpiikii addunyaa 17ffaan bara 1960 Xaaliyaan, Roomitti ture kan taasifame.
Ta'us, atileetiin Itoophiyaa yeroos ganna 28 ture ni injifata jedhee kan eege hin turre. Inumaa miila qullaa fiiguu isaan itti qoosamaa ture.
Siidaa Aksuum bira gaafa geesse saffisa dabali waan jedhameef saffisa dabalee dorgommii sababa aduun waaree booda sa'aatii 11:30'tti eegalee dukkana keessa xomboraa loltoonni Xaaliyaanii qabatan bira darbaa mirgaan gale.
Sa'aatii 2:15:16'n injifachuu qofa osoo hin taane riikardii Olompikii cabsuun mo'ate. Taateen kuni seenaa ajaa'ibsiisoo addunyaa ispoortii keessaa tokkodha.
Atileet Abbabaa Biqilaa balaa konkolaataan miidhama irra gaheen ture bara 1973'tti lubbuun isaa kan dabre.












