Faalamni qilleensaa akkamitti shamarran marsaa laguu dursanii akka argan taasisa?

Dubartii daa'ima harka qabattee deemtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii daa'ima harka qabattee deemtu

Qorannoon haaraan akka agarsiisutti shamarran Ameerikaa marsaa laguusaanii jalqabaa dafanii argu.

Kanaaf ammoo faalama qilleensaaf saaxilamuun hanga tokko gumaacha qaba jedhameera.

Shamarran dhaloota durii wajjin wal biratti wayita madaalaman umurii ijoollummaatti mallattoollee gara dargaggummaatti ce’uu akeeku arguun waggoota kurnatti lakkaa’amuuf saayintistota addunyaa baayʼee yaaddesse.

Yeroo shamarran marsaa laguu isaanii isa jalqabaa argan kana saayintistoonni’ ‘age of menarche’ jedhanii waamu.

Umrii harmii guddachuu itti eegaluudha, umrii jijjiramni gara dargaggummaatti ce’uu itti eegalu.

Ijoolleen durbaa Ameerikaa yeroo ammaa jiran shamarran jaarraa tokko dura jiraatan waggaa afur dursanii laguu arguu jedhamee yaadama.

Ji'a Caamsaa darbe keessa ragaan haaraan bahe akka agarsiisutti, shamarran bara 1950 fi1969 gidduutti dhalatan umrii waggaa 12.5tti laguu arguu kan jalqaban yoo ta'u, ijoollleen durbaa jalqaba bara 2,000 keessa dhalatan ammoo giddu galeessaan waggaa 11.9tti laguu arguu eegalu.

Addunyaarrattis taatee walfakkaataan mul’achuun hubatameera.

Saayintistoonni Kooriyaa Kibbaa akkaataa ijoolleen durbaa mallattoolee dargaggummaa duraa dafanii agarsiisanitti yaadda’uu ibsan.

Ijoolleen durbaa harmi ijjoollummaan guddachuu ykn umurii saddeet dura laguu arguun bara 2008 fi 2020 gidduutti dachaa 16’n dabaluu ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yuunvarsiitii Imori, Atlaantaa, Ameerikaatti argamutti Tumsaa Pirofeesaraa kan ta’an Odirey Gaaskins, umuriin saafilummaa(puberty) hawaasa jiruu foyyee hin qabne birattillee hir'achuu himan.

"Kun yeroo dheeraaf fayyaa buleessa ta’uuf dhiibbaa guddaa qaba" jedhan Gaaskins.

Qorattoonni akka Gaaskins akka jedhanitti, umriin saafilummaa dursanii jalqabuun tartiiba taateewwan yeroo ga’eesuummaa booda jiranirrattillee dhiibbaa qaba.

Ragaaleen bahan akka agarsiisanitti, karaa itti hormaataaf gahuun baramu qofaa miti, dubartoonni kunniin booda dafanii laguu yoo dhaabuu qaqqaban, umuriisaaniillee gabaabsuu mala.

Umriin saafilummaa yeroo malee eegaluun dhukkuboota kaansarii harmaafi ovaariirraa kaasee hanga dhukkuboota akka furdina garmalee fi sukkaaraa, onneefi ujummoolee dhiigaatiin qabamuuf carraa guddaa akka uumuu irra deddeebiin ibsameera.

Saayintistoonni ammallee maaliif taateen kun akka uumamu hubachuuf yaalaa jiru, garuu Yunivarsiitii Kaalifoorniyaatti piroofeesara fayyaa hawaasaa kan ta’an Bireenda Iskinazii, seelonni qaamaa hormoonota saalqunnamtii kan akka istiroojiinii fa’aaf yeroo dheeraaf yoo saaxilaman yaad-rimeen jedhu jiraachu eeran.

Taateen kun carraa dhiitoo(tumour) saaxilamuu akka dabaluu taasisa jedhu, sababiin isaas hormooniin kun dabaluun seelichi akka guddatu kakaasa jedhan.

"Hormoonota kanaaf yeroo dheeraaf saaxilamuun carraa dhibee kaansarii walhormaataaf saaxilamu akka dabalu taasisa yaad-rimeen jedhan muraasni jiru," jedhan.

Sana booda dhiibbaa hawaasummaa qaqqabsiisu qabaachuu mala.

Shamarran dursanii gara saafilummaatti ce’an carraan saalqunnamtii dursanii raawwachuu isaanii guddaa akka ta'u Iskenaziin ibsan.

"Ameerikaatti ulfa baasuun seeraan ala yeroo ta’u fi malli ittisa ulfaa hin argamne haalichi rakkisaadha," jetti.

Garuu guddinni daa’immanii haala kanaan maaliif saffisaa jira?

Furdina garmalee fi faalama qilleensaa

Jalqabni saafilummaa(puberty) qaama keessatti toora qunnamtii bal’aa lama; haayipootaalaamiik-pituutarii-adrenal (HPA) fi haayipootaalaamiik-pituutarii-gonaadaal (HPG) jedhamuun ajajama.

Isaan kanatu kutaa sammuu haayipootaalaamas jedhamu, xannachoota hormoonii adda addaa maddisiisan waliin walqabsiisa.

Haayipootaalaamasiin kutaa sammuu hojiiwwan qaamaaf barbaachisoo adda addaa kan akka beela fi hamma ho'a qaamaa to'atudha.

Gaskins akka jettutti, saayintistoonni waggoota 10 hanga 20 dura sababni tokkichi yeroo malee dargaggoomu fidu daa'immummaatti furdina garmaleef saaxilamuu qofa jedhanii tilmaaman turan.

Pirootinoonni seelii coomaa ‘adipokines’ jedhamaniin uumaman haayipootaalaamiik-pituutarii-adrenal (HPA) fi toora haayipootaalaamiik-pituutarii-gonaadaal (HPG) kakaasuuf qooda qabu.

Dhiheenya kana wantootni biroo gumachaa qaban dubbatame jetti.

Qorannoowwan waggoota sadan darban keessa gaggeeffaman sababni biraa,– faalama qilleensaa ta’uu akeekan.

Qorannoon kun harki caalan saayintistoota Kooriyaa Kibbaatiin qorataman.

Qorannichi magaalota addunyaarratti faalamni qilleensaa itti ammaatu 100 tarreeffaman keessaaa kan akka Se’ool, Busaan fi Incheyoon keessatti gaggeeffaman.

Firiin dhiheenya kana Yunivarsiitii Dubartoota Ewha jedhamu Se’oolitti argamuu maxxanfame faalama wantoota naannoo faalaniif irra deddeebiin saaxilamuun saaxilamuun umrii malee saffisaan dargaggoomu fida jedhe.

Gaazonni summa’oo kanneen akka salfar daayi’oksaayidii, naayitiroojiinii daayi’oksaayidii, kaarboon monoksaayidii fi ozoonii fa’aa yoo ta’an, hundi isaanii karaa konkolaataatiin ykn balfa warshaaleen baasiiniin qilleensatti dabalamu.

Bara 2022 qorannoo saayintistoonni Poolaandii miidhaa dhagaa cilee warshaalee keessatti gubatu qaqqqabsiisu adda baasuuf dubartoota1,257 qorannoorratti hirmaachisan.

Qorattoonni kun dubartoonni gaasii naayitiroojiiniif saaxilamuun ijoolleen durbaa umrii waggaa 11 dursanii laguu akka argan taasisan jedhan.

Yaaddoon kana caalu ammoo paartikiloonni ijaan hin mul’anne, garuu iddoowwan ijaarsaa gadhiifaman, bosonni gubachuun, bufataaleen anniisaa elektirikii maddisiisan, motorri konkolaataa fa’aarraa qilleensaatti gadhiifamu qilleensa faalusaaniiti.

Waxabajjii bara 2023 keessa, Gaaskins fi waahillan ishee shamarran Ameerikaa hamma PM2.5 –paartiikilii daayameetira 2.5 μm gadi ta’e qabu fi ijoolleen durbaa dafanii laguu ijoollummatti akka argan taasisuuf saaxilamoo ta'uu eeran.