Joon Daani'el fa'i shororkeessummaan gaafatamuu mormuun abukaatoon falman

Kanneen shororkeessummaa raawwachuun qorannoon irratti eegale keessaa afur (Yohaannis Daani’el, Yididiyaa Natsaana, Naatinaa’el Wandiwasan, fi Illeenii Kinfa)

Madda suuraa, ETH Federal Police

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen shororkeessummaa raawwachuun qorannoon irratti eegale keessaa afur (Yohaannis Daani’el, Yididiyaa Natsaana, Naatinaa’el Wandiwasan, fi Illeenii Kinfa)

Namoonni jaha xiyyaara Itoophiyaa gara Maqalee imalu keessaa bu’uu diduun falmii kaasan yakka shororkeessummaan qoratamuu hin qaban jechuun abukaatoon isaanii mana murtiitti falman.

Abukaatoon isaanii Jamiilaa Masfin dhaddacha har’a ALI Hagayya 21, 2016 namoota jaha galmee Yohaannis Daani’el [Joon Daani’el] jalatti eeraman mana murtii yeroo dhihaatanitti dubbatan.

Torban darbe ture xiyyaara Finfinneedhaa gara Maqalee balali’uuf qophiirra tureerratti kanneen falmii kaasan irratti qorannoo yakka shororkeessummaa eegaluu Poolisiin Federaalaa beeksisee ture.

Guyyaa sana haalli qilleensaa hurrii makate waan tureef xiyyaarri balali’uu akka hin dandeenye ibsamee ture.

Haa ta’u malee, kanneen xiyyaara gubbaa koranii turan ‘’hin buunu’’ jechuun hojjettoota daandii xiyyaaraa waliin falmii keessa yoo seenan viidiyoo miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamaa turerra mul’ataniiru.

Oolmaa mana murtii guyyaa har’aa booda BBC’tti kan dubbatan abukaatoo shakkamtoota kanaa kan ta’an Jamiilaan, yakka shororkeessummaan qoratamuu hin qaban jedhan.

Aadde Jamiilaan shakkamtoonni wabiin akka gadhiifaman dhaddacha har’aarratti falmuu isaanii himan.

''Maamiloonni keenya yakka shororkeessummaan gaafatamuu hinqaban. Akkaataa Labsii lakk. 1197/2012 keeyyata 3’tti namni tokko yakka waraanaa raawwachuuf walitti qabame kan jedhamu kaayyoo siyaasaa, amantiifi ilaalcha walfakkaataa galmaan gahuuf yaadaniifi karoorsanii yoo socho’anidha.

‘’Dhimma kanarratti maamiloonni keenya kan wal argan dhimma garagaraaf gara Maqalee balali’uf osoo qophaa’aniiti,’’ jedhaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daandiin qilleensaa maamiloonni isaanii 'sababa garagaraa dhiheessaa' balalii isaanii turse malee yeroon balalii namoota jahaa garagara ture jedhan abukaatoon isaanii.

‘’Miira keessa seenanii hin buunu jechuun isaanii badii naamusaati,’’ kan jedhan abukaatoon, ta’us kuni yakka shororkeessummaan ilaalamuu hin qabu jechuun falman.

‘’Bu’aa gaafa jedhaman ‘kaampaanii (daandii qilleensichaa) hoteela Iskaay Laayititti nu bulchaa yookiin tikkeeta keenya nuuf sirreessaa halkan kanaan eessayyuu deemuu hin dandeenyudha’ kan jedhan.

''Kuni yakka seeraa keewwata 440 jalatti ajaja qaamni mootummaa kennu fudhachuu diduu jala bu’a,’’ jedhaniiru.

Abukaatoon akka jedhanitti taanaan, maamiloonni isaanii kan isaan gaafatamuu qaban isa ‘’ajaja fudhachuu diduun’’ jedhu qofa ta’u qaba jechuun falmuu himan.

Ajaja diduun ‘’hanga waggaa tokko adabsiisuu danda’a. Yakki hanga waggaa tokko adabsiisummoo wabii hin dhowwachiisu,’’ jedhaniiru.

Abukaatoon isaanii teessoo jireenyaa dhaabbataa ta’e akka qaban, osoo wabiin bahan ragaan balleessan akka hin jirre eeruun wabiin akka gadhiifaman gaafachuu dubbatan.

Akka abukaatoo isaaniitti, maamiloonni isaanii miidiyaa hawaasumaa ‘waan gaariif’ kana dura akka fayyadamaa turan dubbachuullee ibsan.

‘’Yohaannis Daani’el kana dura kanneen Booranaafi Goofattii rakkatan gargaaraa ture. Inumaa miidiyaa hawaasummaa waan gaariif fayyadamaa akka ture sirnaan dhaddachatti ibsineerra,’’ jedhan.

Poolisiin Federaalaa gama isaan namoonni kuni seeraafi hojimaata sivil aviyeeshinii cabsuun, nageenya daandii xiyyaaraa balaarra buusuufi namoota tikaa viidiyoon waraabuun daandii xiyyaarichaarratti haleellaa raawwachuuf socho’aa turan jechuun himate.

Dhaddacha har’aa irratti Yohaannis daani’el (Joon Daani’el), Amaanu’el Mawucaa, Naatinaa’el Wandiwasan, Eliyaas Dirribaa, Yididiyaa Natsaannat fi Illeenii Kinfa jedhamanirratti qorannoof guyyoota dabalataa 14 poolisiin federaalaa isa gaafate manni murtii eeyyameera.