Barataan ari'ame barattuu eebba geesse shugguxiin ajjeesuuf yaaluun adabame

Yaaliin ajjeechaa kuni osoo barattuun kuni eebbifamuuf qorannoo dhiheessituuti mudate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yaaliin ajjeechaa kuni osoo barattuun kuni eebbifamuuf qorannoo dhiheessituuti mudate

Kibba Itoophiyaa Godina Guraageetti himatamaan barattuu waraqaa eebbaa dhiyeessaa turterratti yaalii ajjeechaa raawwate adabame.

Himatamaan kuni barattuu waraqaa qo’annoo eebbaa dhiyeessaa turte rasaasaan erga rukkutee booda meeshaa qara qabuun irra deddeebiin waraane.

Himatamaan Amaanu’eel Indiriyaas jedhama; naannoo Giddugala Itoophiyaa, Godina Guraageetti jiraataa aanaa Abashgeeti.

Himatamaan kun dhaabbata barnoota olaanaa naannoo Giddugala Itoophiyaatti argamu Yunivarsiitii Walqixxeetti barataa ture.

Haa ta’u malee, barnootarra osoo jiruu barattuu yunivarsiitichaafi miidhamtuu dhuunfaa maqaanshee hineeramne qoccoluun reebicha irratti raawwata.

Eeruun kun kan isa qaqqabe hoggansi yunivarsiitichaas barataan kun gochaa naamusaan alaa raawwateef waggoota lamaaf barnootarraa akka ittifamu irratti murteessa.

Yakki cimaan lubbuu namaa balleessuu akeekkates murtee yunivarsiitichaa kana hordofee raawwatame.

'Shugguxii qabatee seene'

Guyyaansaa ALI Caamsaa 21, 2016 ture. Barattuun yakki cimaan yaalii ajjeechaa irratti raawwatame barnootashee xummuruun eebbifamuuf daree waraqaa qo’annooshee itti dhiyeessitu keessatti argamteerti.

Daree kana keessas barsiisonni waraqaa qo’annoo barattootaa madaaluufii barattoonni waraqaa qo’annoosaanii dhiyeessan argamaniiru.

Haa ta’u malee yerichatti namni karaa seeraan alaatiin, meeshaalee seeraan alaa qabates daree sana keessatti argameera. Namni kunis barataa Seeneetiin Yunivarsiitichaa waggoota lamaaf barnootarraa ittise barataa Amaanu’el Indiriyaas ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amaanu’el, daree kana keessatti kan argame akka barattoota biroo waraqaa qo’annoosaa dhiyeessuuf hinturre.

Dhimmi daree kana keessatti akka argamu isa taasises haaloo inni ofkeessatti qabatee turedha.

“Barumsarraa ittifamuusaatiin baay’ee kan aare barataan kun “shamarreen tun barumsakoorraa na gufachiisterti” jechuun haaloo qabate” jedhu Poolisii Naannoo Giddugala Itoophiyaatti Hogganaa Kutaa Miidiyaa kan ta’an Komaandar Taajuu Nagaash.

Haaluma kanaan himatamaan kun guyyichatti meeshaa waraanaa shugguxiifii meeshaa qara qabu qabatee Yunivarsiitii Walqixxee keessa daree barnootaa miidhamtuun waraqaa qo’annooshee itti dhiyeessitu keessa seene.

Tilmaamaan guyyaa keessaa naannoo sa’aa 6 yemmuu ta’us barattuu miidhamtuun waraqaa qo’annoo eebbaaf hojjette barsiisota ishee madaalaniif dhiyeessuu eegalte.

Yeroo kanattis himatamaan haaloo qabatee daricha keessatti argame tarkaanfii karoorfatee dhufe raawwachuu eegale.

“Daree waraqaa eebbaashee itti dhiyeessaa jirtu keessatti duuba ishee taa’uun shugguxii al tokko dhukaasuun gateettiishee rukkute.

''Rifaatuudhaan fiigdee miliquuf yemmuu yaaltuus ishee qabee meeshaa qara qabu cuubeedhaan al jaha waraanee miidhaa irraan gahe” jedhan Komaandar Taajuun.

'Yaalii ajjeechaa cimaa…'

Himatamaan Amaanu’el Indiriyaas haleellaa kana osoo raawwatuu miseensonni Poolisii Federaalaa qaqqabuun to’annoo jala isa oolchuun lubbuu miidhamtuu baraaruu danda’aniiru.

Godina Guraageetti Poolisiin Aanaa Abashgees yakka yaalii ajjeechaa cimaa kana erga qorateen booda Qajeelchi Haqaa Godina Guraagee, Mana Murtii Olaanaa Godina Guraageetti himanna irratti bane.

Haa ta’u malee, himatamaan himannaa irratti dhiyaate ofirraa ittisuu waan dadhabeef murteen balleessummaa irratti murame.

Manni Murtii Godina Guraagees dhaddacha ALI Adoolessa 24, 2016 ooleen himatamaa Amaanu’eel Indiriyaas irratti hidhaa cimaa waggaa 10 murteessee jira.

“Barattuun kun barsiisotafii barattoota fuldurattidha rasaasafii cuubeedhaan kan miidhamte.

''Kanaaf taateen kuni dhiibbaa xinsammuu ulfaataa uumuu kan danda’udha” jedhan Komaandar Taajuu, “Madaanshee fayyuu danda’a, dhiibbaan xiinsammuu garuu ulfaataadha” jedhan.

Yeroo ammaas miidhamtuun tajaajila fayyaa argattee haala fayyaa gaariirra akka argamtus himaniiru.