Iluu Abbaa Booritti dubartoonni summiidhaan miseensoota maatii tokkoo sadii ajjeesan adabaman

Madda suuraa, Getty Images
Himatamtoonni yakkicha duuba jiran Taarikee Raggaasaa fi Gannat Tolaa jedhaman; Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Aalleetti jiraattota ganda Gabra Diimaati.
Miidhamtuu tokkoffaafii haadha ijoollee lamaa kan taate Baarituu Guutaas abbaa warraasheefii ilma obboleessashee waliin ganduma kana keessa jiraachaa turte.
Himatamtoonni lamaanfii miidhamtuun ollaa waliiti, taateewwan hawaasummaa garagaraas waliin qooddataniiru.
Haa ta’u malee yeroo keessa himatamtuu tokkoffaa kan taate Taarikee Raggaasaafii miidhamtuu tokkoffaa Baarituu Guutaa gidduutti walshakkiin uumamuu eegale.
Himatamtuun tokkoffaa Taarikeen, miidhamtuun dhuunfaa Baarituun “abbaa warraakoo waliin hariiroo jaalalaa qabdi” jechuun shakkuu eegalte.
Dhimmichi shakkii dhuunfaa qofaanis hindhaabbanne, himatamtuu Taarikeen dhimmicha michuusheefii himatamtuu lammaffaa kan taate Gannat Tolaa waliin irratti mari’atte.
Xummurri marii isaaniis gochaa maatii miidhamtuu tokkoffaa akkaan miidhuu danda’u raawwachuu kan jedhu ture.
“Himatamtuun tokkoffaan himatamtuun lammaffaan summii bittee mana maatii miidhamtuu Baarituu Guutaa seentee nyaata qophaa’ee jirurratti summii kana akka dabaltu waliigalan” jedhan Abbaa Alangaa Godina Iluu Abbaa Boor kan ta’an Toomaas Taarraqanyi.
Haaluma kanaan himatamtuun tokkoffaan himatamtuu lammaffaan gochaa irratti waliigalan kana akka raawwattuuf qarshii 1,000 itti laatti.
Himatamtuun lammaffaas Amajjii 30, 2016 tilmaamaan guyyaa keessaa sa’aatii 6:00 yemmuu ta’u gara mana miidhamtuutti qajeelte.
“Himatamtuu lammaffaan bu’uuruma himatamtuu tokkoffaa waliin waliigalteen summii hantuutaa bituun mana miidhamtootaa seenuun nyaata qophaa’e firfirii buddeenaatti naquun waliin makte” jedhan Abbaan Alangaa.
‘Nyaata qophaa’ee ture sooratan’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guyyichi Amajjii 30 bara 2016 ture. Maatiin miidhamtuu tokkoffaa Baarituu Guutaa iddoo hojii oolanii gara manaa galan.
Maatiin “hojii dhuunfaatii yemmuu galanitti isheen (miidhamtuun) ‘nyaata sila qopheesseen deeme’ jettee nyaata dhiyeessanii nyaatan” jechuun obboleettii miidhamtuu kan taate Caaltuu Guutaa BBC’tti himan.
Maatiin miidhamtuu nyaaticha erga sooratanii booda miirri fayyummaa itti dhagahamuu dide. Haa ta’u malee sababnisaa summii ta’a jedhamee akka hinshakkamne obboleettiin miidhamtuu kun himu.
“Booda hundisaanii erga dhukkubsatanii booda shakkiidhaan gara buufata fayyaa geessan, jarris hatattamaan gara Hospitaala Kaarl Mattuutti dabarsan” jedhan.
Summii himatamtoonni soorata waliin makaniin jalqaba kan lubbuun dabarte mucaa obboleessa miidhamtuu kan ta’e daa’ima waggaa 12 akka ta’e kan himan obboleettiin miidhamtuu miseensota maatii sadeen hafan hospitaala Kaarl Mattuu keessatti yaalchisaa turuu himan.
Haa ta’u malee miidhamtuu tokkoffaa Baarituu Guutaafii ilmishee umriinsaa waggaa 10 ta’e tajaajilli yaalii taasifamaafii osoo jiruu boqotan.
Abbaan warraa miidhamtuu garuu yaalii taasifameefin lubbuun hafuu danda’eera.
Qorannoo Abbaa Alangaafi Poolisii
Taateen lubbuu namoota sadii galaafate kun gaafi kan itti uume hawaasni naannoo shakkii qabanirraa ka’uun dhimmichi qaamolee seeraan akka qoratamuuf eeruu laatan.
Haaluma kanaan Abbaan Alangaa Godina Iluu Abbaa Boor fi Poolisiin godinichaa garee qorannoo yakkaa hundeessuun dhimmicha qorachuu eegalan.
Xummuramuu qorannichaan boodas Abbaan Alangaa shakkamtoota jalqabaa kan ta’an Taarikee Raggaasaa fi Gannat Tolaa irrattis Mana Murtii Olaanaa Godina Iluu Abbaa Booritti himata bane.
“Himatamtoota kana yakka ajjeechaa summiidhaan namoota sadirratti raawwatame akkasumas nama tokkorratti (abbaa warraa miidhamtuu) yaalii ajjeechaa raawwachuun Seera Yakkaa bara 1996 bahe Keewwata 540, yakkoota dacha daddabalamaafii himatawwan gosoota afur irratti hundeesse” jedhan.
Abbaan Alangaa akkaataa ijoo himataatiin ni hubachiisa kan jedhe ragaa namaa, ragaa naannoo akkasumas ragaa barreeffamaa bu’aa qorannoo yaalaa Hospitaala Kaarl Mattuu irraa barreeffame dhiyeeffate.
Himatamtoonni lamaan himata irratti dhiyaate ofirraa ittisuuf carraan kennamuufis ofirraa ittisuu hin dandeenye.
Manni Murtii Olaanaa Godina Iluu Abbaa Boor dhaddacha Waxabajjii 27 bara 2016 taa’een tokkon tokkon himatamtootaa irratti hidhaa cimaa waggaa 16 fi ji’a jaha murteessee jira.
“Manni Murtiifii Abbaan Alangaa dhimmicha abbummaan fudhatanii duukaa deemanii xiyyeeffannoo kennanii qorachuu isaaniitiif guddaan galateeffadha” kan jedhan obboleettiin miidhamtuu Caaltuu Guutaa, murteen kenname garuu garaa akka hingeenye himan.
“Murteen kenname anaaf gahaa miti. Gochaan raawwatamefii murteen kenname kan wal madaalu miti. Namni tokko lubbuu nama tokkoo baasera yemmuu jedhamu kan du’aan adabamu, hidhaan umrii guutuu kan itti murtaa’u jira. Kuni garuu lubbuu nama sadiitu du’e” jedhan.
Gama biraatiin waldhabdeewwan jiruuf jireenya keessatti uumaman karaa seeraa qofaan furuun akka barbaachisu kan himan Abbaa Alangaa Toomaas Taarraqanyi, “waldhabdee uumamu humnaan, haaloo bahuun akkasumas yakka raawwachuun osoo hintaanee akkaataa seerri jedhuun dhimma Mana Murtiitti dhiyaachuu qabu Mana Murtiitti dhiyeeffachuun mirga ofii gaafachuu akka qabnu kan agarsiisudha” jedhaniiru.












