Boorana Bahaatti namichi haadha warraasaa albeen qalee ajjeese hidhaa waggaa 23n adabame

Himatamaa haadha warraasaa qalee ajjeesse

Madda suuraa, CBB

Manni Murti Olaanaa Godina Boorana Bahaa namicha haadha warraa fi haadha ijoolleesaa taate Albeedhaan morma qalee ajjeese hidhaa cimaa waggaa 23n adabe.

Bakka bu’aa itti gaafatamaa waajjira haqaa Godina Boorana Bahaa Obbo Qaallicha Qanaa BBC’tti akka himanitti, yakki ajjeechaa sukaneessaan kuni kan raawwatame gaafa ALI Amajjii 06,2016 godina Boorana Bahaa aanaa Madda Walaabuu ganda Madda jedhamutti.

Himatamaan Obbo Abdurahmaan Hasan jedhamu kunii fi haadha warraa isaa kan turte miidhamtuun Aadde Leeyilaa mohaammad ijoollee lama waliin qabu.

Yeroo hedduu dhibdee gidduu isaaniitti mudataa tureen waliin jiraachuu hin dandeenyu jechuun dhimma isaanii jaarsummaan erga ilaalaniin booda miidhamtuun kun daa’ima tokko qabachuun gara mana haadhashiitti deebi’uu galmeen qorannoo ni ibsa.

Miidhamtuun kun daa’imashii waliin mana haadhashii deemtee guyyaa sadaffaatti abbaan warraashii kun achi deemuun daa’imaa fi obboleettiishii mana keessa turan malaan manaa akka deeman erga godheen booda ajjeechaa kana raawwate.

Mana murtii murtee hidhaa dabarse

Madda suuraa, CBB

“Obboleettishiitiin dhaqaatii re’oota laalaa jedhee akka manaa deeman godhe. Ergasii na dhiistee nama biraatti heerumuufidha jechuun albee itti qophaa’ee qabatee dhufe sanaan akkuma horiitti morma qalee lafatti dhiisee deeme” jedhan Obbo Daalachi.

Abbaan Alangaa ragaa namootaa walitti qabateen himatamaan kuni haadha warraasaa kana akka ajjeesu itti dhaadachaa akka ture namoonni ollaallee dhagahaa turuu ibsa.

“Miidhamtuun kun Abdurahmaan na ajjeesa jettee maatii fi ollaatti himachaa turte. Yoo na ajjeeselleen reeffi kiyya badheetti akka hin hafne manumatti yoo na ajjeesse naaf wayya jechaa turuu ragaan abbaan alangaa namootarraa walitti qabe ni hima,” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimmicha ilaalaa kan ture manni murti olaanaan Godina Boorana Bahaas, himatamaan kuni yakka ajjeechaa raawwate itti yaadee fi haala sukaneessaadhaan ta’uu ibsuun, gama biraan himatamaan kun ammaan dura kuusaa yakkaa akka hin qabne tilmaama keessa galchuun dhadhacha gaafa AlI Amajjii 28 bara 2016 ooleen hidhaa cimaa waggaa 23n adabeera.

Yakki sukaneessaan dubartootarratti raawwatamu akkanaa naannawa sanatti hedduu dhagahmee kan hin beekne akka ta’e kan himan Obbo Qaallichi, gochi kuni aadaa fi safuu hawaasaa kan cabse ta’uus himan.

Miidhaa fi ajjeechaa sukkanneessaan akkanaa, abbaa warraa fi dhiiroota kaaniin dubartootarra raawwatamu dhiheenya keessa irra dedebiin Oromiyaa eddoowwan garaa garaatti dhagahamaa jira.

Dhiheenyuma kanas Godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaatti abbaan warraa dubartii waggaa jahaaf gaa'ilaaniin waliin jiraachuun ijoollee lama waliin argatan asiidiidhaan gubee miidhaa qaamaa cimaa irraan gahuu gabaasne turre.

Keessattuu ajjeechaan akkanaa hawaasa Booranaa kan ummanni jaarsolii biyyaatiif ulfina olaanaa qaban keessatti raawwatamunsaa, waa'ee aadaa fi safuu hawaasa Oromoo irratti waan akeekkuu qabaataa laata?