Dargaggeessi ‘falfala natti hojjachiise’ jedhe Abbaasaa ajjeesee Adabame

Dargaggeessi ‘falfala natti hojjachiise narraa hiikuu didde’ jechuun abbaasaa ajjeesee reeffa bishaan keessatti gate hidhaan adabame.
Godina Baale Bahaa aanaa Gindhiiritti dargaggeessi maqaan isaa Maasrashaa Tasfaaw Caannee jedhamu, ALI gaafa Muddee 4, bara 2016 abbaa isaa Obbo Tasfaaw Caannee kan jedhaman ajjeessuudhaan kan himatame.
Itti gaafatamaan abbaa alangaa Godina Baale Bahaa, Obbo Mohaammed Huseen BBC’tti akka himanitti, ajjeechaa kanaan miseensonni maatii sadii shakkamanii too’atamanii akka turan.
Isaan keessaayis lama Ilmaan Obbo Taasfaaw Caannee yoo ta'an kan biraa haadha warraa miidhamaati.
Galmeen himannaa abbaa alangaa akka jedhutti, dargaggeessi kun sababa ‘falfala natti goosiste narraa hiikuu didde’ jedhuun erga haaloo itti qabachaa tureen booda ajjeechaa kana abbaa isaa irratti kan raawwate.
Yakkamaan kun abbaa isaa kana mana isaatti dullaan rukutee erga lubbuu baaseen booda, reeffa isaa harreetti fe’uun bakka haroo geessuun bishaan keessatti akka gate jecha mana murtiif kenneen amaneera jedhan.
Eeruu hawasarraa argameen reeffii miidhamaa kanaa bishaan keessaa baafamuun qorannoon erga taasifameen booda akka awwaalame himan angaa’aan kun.
Dhimmicha ilaalaa kan ture manni murtii olaanaa Godina Baale Bahaa himatamaa tokkoffaa Maasrashaa Xasfaaw jedhamuurratti ragaa gahaa argachuun murtii adabbii kan kenne.
Himatamtoota lamaan biroo (Ilma biraafi haadha warraa miidhamaa) irratti ragaa gahaa waan hin arganneef bilisaan gadhiifaman jedhaniiru.
Himatamaa tokkoffaan yakka kana raawwachuu isaa jecha waakkiifi amantaa kenneen kan amane yoo ta’u, abbaan alangaas ragaa gahaa erga dhiheesseen booda dhadhacha Caamsaa 30, 2016 ooleen dargaggeessi abbaa isaa haala sukaneessaan akkasiitiin ajjeese kui hidhaa cimaa waggaa 18 akka adabame Obbo Mohammad himan.
Yakkoota sukaneessoon akkasii yeroo raawwataman haalli fayyummaa sammuu yakkamtootaa waan ilaalamu qabaa? jchuun gaaffii BBCn dhiyeessee, Obbo Mohaammad, himatamaan kuni rakkoo akkasii qabaachuu wanti dhiheeffate akka hin jirre himan.
Miseensi maatii sababii garaagaraatiin yoo ajjeechaa miseensa maatii yk fira irratti raawwatan kun kan jalqabaa miti.
Yeroo dhiheenyaattin as namoonni sababii karaa jaarsummaatiin furamu danda'an salphaa kaasee haala sukkanneessadhaan lubbuu miseensa maatii saanii yoo dabaranii ofiiniis hidhaaf saalimana dhagahama.
Fakkeenyaaf dhiheenya kana jiraataa magaala Adaamaa haadhasaa 'qumaaraaf qarshii naaf kennuu didde' jechuun haala suukanneessaan' ajjeesetti adabbiin du'aa murtaa'uunsaa ni yaadatama.
Haaluma walfakakatuunis Kibba Itoophiyaa, Godina Konsootti ALI Mudde 19, 2016 Namichi abbaa, haadhaafi eessuma isaa dhukaasee ajjeese duuni itti murtaa'eera.
Namni kunis erga abbaafi haadha isaa akkasumas eessuma ''maallaqa na dhowwatan’’ jechuun rasaasa itti dhukaasee ajjeeseen booda, murtiin du’aa itti muramuu miidiyaan biyya keessaa gabaase ture.












