Dallaalaa 'ani obboleessa kantiibaa Finfinneeti' jechuun birrii 900,000 ol waliin dhahe qorataan jira - Poolisii

Madda suuraa, Addis Mayor
Dallaalaa ani obboleessa quxisuu Kantiibaa Magaalaa Finfinneefi abbaa seeraa mana murtii olaanaati jechuun namootarraa birrii 900,000 ol waliin dhahuun shakkame to'atee qorataa akka jiru Poolisiin Finfinnee beeksise.
Akka poolisiin magaalaa Finfinnee beeksisetti, namni badii kanaan shakkame Taaddala Getaahun jedhama.
Haa ta’u malee, akka maqaan isaa Taaddala Abeebee jedhamuu ibsuun waraqaa eenyummaa sobaa qopheessee waliin dhahaa ture jechuun galmeen poolisii ibseera.
Poolisiin suuraa shakkamaa kanaas kan gadhiise yoo ta'u, himannaa irratti dhihaaterratti shakkamaan ammatti waan jedhe hin beekamu.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee jedhamu. Maqaa aangawoota mootummaa garagaraan yeroo addatti badiin akka raawwatu kana dura gabaafameera.
Akka poolisiin magaalaa Finfinnee ibsetti, shakkamaan kuni ''karaa sobaan dhimma keessan nan fixachiisa,'' jechuun walbara.
Haaluma kanaanis, birrii Itoophiyaa 970,000 waliin dhahuu isaafi isa dabalatee namoota lama to’atee qorataa akka jiru ibsi poolisii ni agarsiisa.
Kanneen shakkamaa kanaan gowwomfamuu poolisiif ibsan keessaa tokko shakkamaan kuni mootummaan lafa kaaree 140 akka kenneefi birrii 800 akka isaan liqeessu gaafatamu himu.
Nami kunis ani obboleessa kantiibaa magaalaa Finfinneeti waan jedheef jalqaba birrii 600, eegasii birrii 200 maqaa namni kuni itti galchaa jedheen baankitti galchuu poolisiin ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo kaanis shakkamaan kuni nama biraatti dhihaatee mana ijaaruuf birrii miiliyoona afur akk isa barbaachisuufi birrii 500,000 akka kennaniif gaafatuu poolisiin ibseera.
Kana keessaas birrii 105,000 fudhachuu isaa ragaadhaan mirkaneessuu poolisiin beeksise.
Haaluma kanaan magaalaa Adaamaattis nama wal bareen obboleessa kantiibaa magaalaa Finfinnee ta’u ibsuun 'Finfinneetti lafa siin kennachiisa' jechuun birrii 10,000 akka fudhates poolisiin ibseera.
Yeroo kaanimmoo nama paasportii baasuuf waajjira immigireeshinii dhaabatanitti dhihaachuun 'ani obboleessa kantiibaa Finfinneeti' akkasumas 'abbaa seeraati' jechuun burjaajessuu ibsa poolisiin.
Akkaatuma kanaanis, kanneen dhimmakee dafanii hin raawwanne yoo jiraatan ‘’walitti qabeen hiisisisa’’ jechuun akka dhimmi isaanii dafee xumuramu birrii 80,000 gaafachuu hima.
Kana keessaa 10,000 burjaajessee fudhateera jechuun poolisiin odeeffannoo walitti qaberraa mirkaneeffachuu ibse.
Eenyummaan nama kanaa gaafa qoratamu fira kantiibaa magaalaa Finfinnee akka hin taaneefi dallaallaa ta’e hojjetaa akka jiru odeeffachuu poolisiin Finfinnee ibseera.
Akkaatuma kanaanis, namicha kana dabalatee shakkamtoota sadii to’achuun qorannoo itti fufuu odeeffannoo har’a baasen beeksise.
Poolisiin akka beeksisetti namoonni fira aangawaa abaluuti jechuun waliin dhahaan jiru.
Osooma ta’anillee seeraan ala dhimma isinii fixachiisna kanneen jedhanirraa akka of eegan hawaasatti dhaame.
Kanneen kana keessa qooda qabaniifi beekanis yoo jiraate akka saaxilan poolisiin magaalaa Finfinnee waamicha dabarseera.












