Naa'ota: Barruuleen daa'immanii Afaan Oromootiin kan jalqabaati jedhame eebbifame

Barruu Naa'ote Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin maxxanfame

Barruun mata dureensaa Naa'ote jedhamuufi Afaan oromootiin kan jalqabaate jedhame tokko Dhabbata Pireesii Itoophiyaatiin qophaa'uun eebbifamuun iftoome.

Jechi Naa'ota jedhu kun hundeen isaa Naa'ol kan jedhurraa kan dhufee fi yeroo baay'atu ammoo 'Naa'ota' jechuu akka ta'e waltajjii sirna eebba barruu kanarratti ibsame.

Sirna Eebbaa Magaala Adaamaatti har'a Ebla 12, 2025 taasifame kanarratti hoji gaggeessaa Olaanaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa, Obbo Masaafinti Tafarraa, Barruuleen kun dhaloota egeree irratti hojjechuuf kan kaayyeffatedha jedhan.

"Uummata biyyattii keessaa ijoolleen waggaa 15 gadi ta'an walakkaa ummataa ta'u. Haata'u malee qabiyyeen miidiyaa kutaa hawaasaa kanaaf hojjetaman garuu baayyee gadi aanaadha," jedhan Obbo Masaafniti.

"Addunyaan biraa ijoolleef qofa qabiyyee miidiyaa ta'an erga jalqabanii waggaa hedduu ta'eeras" jedhan.

Kitaabota barnootaan alatti maxxansiwwan ijoolleef ta'an dhabamuun ijoolleen haala qabatamaa addunyaa fi naannoo isaanii hubachuurratti dhiibbaa guddaa akka qabus himan.

"Qabiyyeewwan ijoolleef ta'uufi akkaataa isaan hubataniin qophaa'an dhabamuun ijoolleen qabiyyee namoota gurguddoof qophaa'anii fi isaan hin barbaachisne ilaalaa akka guddatan taasise" jedhan hogganaan kun.

Jaarraa dijitaalaa fi miidiyaan hawaasaa haalaan babal'atee qalbii ijoollee hatee akkaataa guddina ijoollee irratti dhiibbaa uumaa jiru kanatti ijoolleen gara dubbisaatti akka fuulleffatan gochuun kaayyoo ijoo ta'uus eeran.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman mana marii bakka bu'oota uummataatti walitti qabaan koree dhaabbii Ijaarsa dimokiraasii Obbo Azmaraaw Addaamoo gama isaanitiin, Naa'otaan egeree biyyaa ijaaruuf tarkaanfii tokkodha jedhan.

"Ijoollee irratti wanti har'a baasnu egere ijoollee akkamii biyyaaf akka qopheessinu kan agarsiisu" jedhan dabaluun.

Barruuleen Naa'ota kunis biyya egeree ijaaruuf bu'uura cimaa tokko kaa'uu akka ta'es himan.

"Aadaa dubbisuu ijoollee guddachaa akka deemu, warra guddatee boru waan baayyee barreessu qopheessudha," jedhan.

Barruuleen Ijoollee Naa'ota jedhamu kun ji'atti yeroo tokko kan maxxanfamu yoo ta'u, qabiyyeewwan aadaa, seenaa fi saayinsii suuraan faayameen dhihaata.

Barruulee kanarratti maxxansawwan beeksisaa fayyadamuun seera biroodkaastiitiin kan dhorkamu waan ta'eef qaamoleen dhimmi ilaalu hundi maxxansichi akka itti fufuuf deeggarsa maallaqaa akka godhuufis gaafate dhaabbatichi.

Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa ji'oota muraasaan duras barruulee ijoollee 'bilaateenaat' jedhamu Afaan Amaaraatiin maxxansiisuu jalqabuunsaa ni yaadatama.

Dhaabbanni kun Bara 1968 irraa eegaluun Gaazexaa Afaan Oromoo kan jalqabaa ta'e, 'Bariisaa' maxxansiisuu kan jalqabedha.

Ammaan tanas gaazeexaa Afaan Amaaraa 'Addis Zaman, kan Ingiliffaa 'The Ethiopian Heraald' jedhaman guyyaa guyyaan kan maxxansiisuu yoo ta'u, gaazexaa Barsiisaa ammoo tobaniitti guyyaa tokko Afaan Oromootiin Gaazexaa Alalam ammoo Afaan Arabaatiin maxxansiisa.