Kitaabni Lammii Beenyaa mana hidhaatti barreesseefi badhaafame maal hima?

Kitaabni qondaalli ABO Lammii Beenyaa barreesse badhaasa argateera

Madda suuraa, Lammi Begna

Ibsa waa'ee suuraa, Kitaabni qondaalli ABO Lammii Beenyaa barreesse badhaasa argateera

Kitaabni qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Lammii Beenyaa mana hidhaa yeroo ture barreesse badhaasa Hog-barruu Gaaddisaa bara 2024 damee 'Asoosama Bareedaan' injifateera.

Waggoota afran mana hidhaa ture keessatti Obbo Lammiin waggaa lama kitaboota lama barreessuu irratti dabarsuu hime.

Kan jalqabaa kitaaba Hundee Gaaffii Oromoo jedhudha. Inni jalqabaa kun dhimma siyaasaa Oromoorratti kan fulleeffatedha.

Kan inni ittiin badhaafame garuu asoosama Daayaa jedhamudha.

Badhaasni ogbarruu Daayaan damee asoosamaan mo’ate kunin barreessaa Asoosama Afaan Oromoo Gaaddisaa Birruu yaadachuuf maqaa ‘Badhaasa Gaaddisaa’ jedhuun kan moggaafamedha.

Asoosamni bara 2023 keessa maxxanfame kun waa'ee sochii ''Fincila Diddaa Gabrummaa'' barattoonni gaggeessaa turan irratti kan fulleeffatedha.

Sochiin mormii ummataa kuni bulchiinsi dhaaba ADWUI'n durfamu aangoorraa bu'ee bulchiinsi MM Abiy Ahimad gara aangootti akka ol bahu taasiseera.

Sochii sana keessatti miirri mul’ataa ture maal fakkaataa kan jedhu ibsa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Barataan waan baay’ee keessa seena: jaalala, hawaasummaa, argachuu dhabuutu jira, kufuufi ka’utu jira, namni biraa wareegamutu jira, yeroo namni biraa wareegamu ykn hidhamu warri hafan miira akkamii keessa akka seenan calaqqiisa Daayan,” jedha Obbo Lammiin.

Kitaaba kana barreessuuf kaka'umsa kan argate du'a obboleessa isaa osoo mana hidhaa jiruu dhagahe akka ta'e BBCtti himeera.

“Obboleessa kiyya ittin yaadachuuf, miira kiyya itti ibsuudhaaf ji’oota lama keessatti kitaaba kana barreessen xumure.”

“Garuu keessa deebi’ee hin gulaalle . Yaadni kiyyaa akka na jala jeeqamu hin barbaanne. Akkuma barreessen akka maxxanfamu ijoolletti hime.”

Kitaabichi Fulbaana 2023 gabaa irra oole. Akka Obbo Lammiin jedhutti namootuma gabaarraa bitaniitti dorgommiif dhiheessan.

Innis sagantaa beekamtii argachuu irratti affeeramee deeme.

“Baay’een gammada. Tokkoffaa iddoo ani ture sana keessatti, haala ani keessa ture, miira ani keessa ture kanaan waan kenname natti fakkaata,” jedha.

Kaan immoo mana hidhaa ta’anii 'hojii qulqulluu' hojjechuun akka danda’amu argisiisa jechuun ibsa.

“Sammuun namaa akka hin miidhamne , namni kamuu iddoo jiruutti waan guddoo hojjechuu akka danda’u argisiisa. Kanaaf mo’achuu kootti baay’een gammada.”

Turtii mana hidhaa

Miseensa Shanee Gumii (Koree Giddugalaa ABO) kan tahe Lammii beenyaa qondaalota ABO olaanoo kanneen akka Obbo Abdii Raggaasaa, Obbo Mikaa'el Booran, fi Gadaa Gabbisaa faa waliin hidhame.

Manni murtii bilisa jedhee yeroo baay’ee akka gadhiifaman ajajus, osoo hin gadhiifamin waggoota afur mana hidhaa turuu abukaatonni himaa turaniiru.

Yeroo sana keessatti Obboo Lammiin waajjiralee poolisii 15 keessatti hidhamuu dubbata.

“Akkataan itti hidhamaa turre sadarkaa namummaan gadiitti, rakkoo guddaa keessa dabarre. Bakka tokko teenyee hin beeknu.”

Kana qofa osoo hin ta’in qondaloonni ABO yeroo dheeraaf moggeeffamaa akka turan abukaatonni isaanii BBC’tti himani turan.

Dhaabbileen mirgaafi namootni siyaasaas akka hiikaman gaafachaa turan.

“Rakkoo hamaa keessa turre, beela guddaatu ture, daarutu ture, yaadda’uutu ture, maatiin nu daawwachaa hin turre yeroo dheeradhaaf.”

Yeroo kana keessatti gad ta’anii waa hojjechuun baay’ee ulfaata akka ture kan ibsu qondalli ABO kun qormaanni kaayyoo namaa danquu hin danda’u jedha.

“Namni kamiyyuu bakka jiruutti waa hojjechuu ni danda’a. Fedhiin, qophii fi murannoon jiraannaan namni waa hojjechuu inuma danda’a.”

Lammii Beenyaa dabalatee qondaaltonni Adda Bilisummaa Oromoo torba Fulbaana 5, 2024 wabiidhaan gadhiifamaniiru.

Lammii Beenyaa akka waliigalaatti kitaabota afur barreesseera. Afaan Qawwee Jalatti, Du'aafi Jireenya Gidduu, Hundee Gaaffii Oromoo fi Daayaa kan jedhaman.