Hog-barruu Oromoo guddisuuf barreessitoota badhaasuu

Dhiyeenya kana dhimmi Badhaasa Hog-barruu Oromoo marsaalee hawaasaa irratti baay’inaan barreeffamaafi qoodamaa jira.
Namoonni badhaasni hojii hog-barruu Oromoo jiraachuu akka qabu kaasuun kun ammoo qaama dhimmi ilaallatu akka Waldaa Barreessitoota Oromootiin abbummaan yoo gaggeeffame bu'a qabeessa akka ta'e dubbatu.
Kanarraa ka'uunis Waldichi dhimmuma kanarratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
“Badhaasichi guddina hog-barruu Oromoo irratti bu’uura guddaa buusa jennee abdanna,” Pirezidaantii Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Obbo Roobinaan Shuumii. Badhaasicha kan qopheessu ammoo Waldaa Barreessitoota Oromiyaati- miseensota 200 ol kan qabufii erga hundaa’ee waggoota 10 ol kan lakkoofsiseera.
“Badhaasni gama garagaraatin kennamaa ture barreessitoota hin yaadanne. Hog-barruu Oromoos namni yaadate hin jiru jechuu dandeenya,” jedhan pirezidaantiin waldichaa Obbo Roobinaan Shuumii.
Kunis guddina hog-barruu Oromoo irratti dhiibbaa geesisuu himan.
“Badhaasichi guddina hog-barruu Oromootif bu’uura guddaa buusa jennee abdanna” kan jedhan Obbo Roobinaan, kana booda badhaasichi waggaa waggaan kan adeemsifamu ta’uu BBCti himaniiru.
Badhaasichi barreessitootni hojii jabaa qabatanii gara hawaasatti akka dhufan kan kakaasu akka ta’es dubbatan.
Sirni badhaasichaas dhuma waggaa irratti kan adeemsifamu yoo ta’u, kan bara kanaas Adoolessa 23 bara 2014 adeemsifamuuf sagantaan qabamuu himaniiru.
Yaadannoo barreessaa Gaaddisaa Birruu…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Badhaasa Hog-barruu Oromoo bara kanaatin barreessaan Gaaddisaa Birruu akka ittiin yaadatamu Pirezidaantiin Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Obbo Roobinaan Shuumii ni himu.
Kana malees, kana booda badhaasichi maqaa barreessaa kanaatin mogga’eera. Badhaasa Gaaddisaa (Gadisa Award) jedhamuunis waamama.
“Dhimma maqaa badhaasichaa koreen waldaas, boordiinis yaada garagaraa kaasee irratti murteessee jira. Kana boodas ‘Gadisa Award’ maqaa Badhaasa Hog-barruu Oromooti,” jedhan Obbo Roobinaan.
“Obbo Gaaddisaan akkuma hedduun keenya beeknu barreessaa hangafaati. Yeroo Afaan Oromoo qubeedhaan barreeffamu mitii yeroo dubbachuun ija biraa keessa si galchu ture yeroon isaan asoosama kana (Kuusaa Gadoo) itti barreessan” jedhan.
Arsii Boqojjiitti dhalatanii kan guddatan Obbo Gaaddisaa Birruu nama yeroo jalqabaaf asoosama Qubee Afaan Oromootiin barreessuun maxxansiisan akka ta’an himama.
Kitaabni asoosamaa isaanii mata-duree ‘Kuusaa Gadoo’ jedhu qabu bara 1983 maxxanfame.
Kitaabileen Dhaamsa Abbaa, Burreen Bifa Tokko Miti, Fedhii Gam-tokkee jedhanis hojiilee isaanii keessaati.
Yunivarsiitii Finfinnee keessatti Akkaadaamii Afaan Sabootaa Itoophiyaa kan jedhamu keessas hojjechaa kan turan Obbo Gaaddisaa Birruu, namoota Waldaa Barreessitoota Oromiyaa hundeessan keessaas tokko turan.
Badhaasni hog-barruu maalif?
Kanaan dura adeemsi fi hojimaatni ogeeyyii hog-barruu Oromoo itti jajjabeessan fi itti badhaasan jiraachuu dhabuun guddina hog-barruu Oromoo irratti dhiibbaa geesisuu Prizedaantiin Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Obbo Roobinaan Shuumii ni dubbatu.
“Dhimmi hog-barruu Oromoo kun sadarkaa badhaasaatti ol siiqee kan mul’atu yoo ta’e guddina hog-barruu Oromoo keessatti qooda guddaa qaba” jedhan.
“Hafuura dorgommii cimaa waan uumuuf guddina hog-barruu Oromoo keessatti shoora olaanaa akka taphatu abdii guddaa qabna” jechuunis himan.
Waa’ee badhaasichaa…
Badhaasni Hog-barruu Oromoo bara kana badhaasa tokko qofaan eegala. Baroota itti aananitti immoo dameelee garaagaraan kaadhimamtootni dorgomanii injifatan ni badhaafamu.
“Amma (badhaasicha) hawaasatti beeksisuudha, ummata Oromootti ifa taasisuudha. Amma booda ogummaa kanarratti akkamiin kennama kan jedhu kan jalqabu,” jedhan Pirezidaantiin Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Obbo Roobinaan Shuumii.
Gosootni ykn dameeleen hog-barruu badhaasichi gara fulduraatti itti kennamus asoosama dheeraa fi gabaabaa, walaloo, iskiriiptii fiilmii, kitaabilee al-asoosamaa fi kkf ta’uu akka danda’an himaniiru.
“Nuti nama osoo hintaane hojii badhaasna. Hojii kamtu badhaafamuu qaba kan jedhurratti xiyyeeffannee badhaasni akka kennamu taasifama” jedhaniiru.












