'Namni kitaaba barreessu kan sirriitti dubbiseefi muuxannoo gabbifate ta'uu qaba'

Warraaqsi Og-barruu Oromoo baroota dhiyoon asitti argaa jirru kan nama gammachiisuufi abdii namatti horudha," jedha barressaafi pirezidaantiin duraanii Waldaa Barreessitoota Oromoo Yoomiyyuu Mul'ataa.
Akka inni jedhutti sadarkaa kanarra salphaatti hin ga'amne.
Bu'uurri bara mootummaa ce'umsaa Itoophiyaa Afaan Oromootiif abbootiifi aanga'oota siyaasaa sabboontota ta'aniin lafa kaa'ame, har'a dhaloonni Qubee kitaaba Afaan Oromoo barreessuu dabalatee waan kan isaa ta'etti akka amanuufi ittiin boonu taasiseera jedha hogganaan duraanii Waldaa Barreessitoota Oromoo kun.
"Har'a gara barreessuutti dhaloonni dhufe kun firii bu'uura bara ce'umsaa sana abbootiin kaa'anidha jedheen amana."
Keessummaa bara 2011/12 irraa kaasee haalonni jiran kan abdii namaa kennudha kan jedhu Yoomiyyuun, bara 2017/18 irraa kaasee garuu kitaabonni Afaan Oromoo rabsuufi qulqullina irratti waan rakkoo qabu natti fakkaata jedha.
Qulqullina kitaabota Afaan Oromoo maalirra akka jiru baruudhaaf qorannoo kan barbaachosu ta'us, "akka nama waan kana keessa jiruutti nan barreessa, nan dubbisa, nan rabsasi waan ta'eef akkasumas Waldaa Barreessitoota Oromoo hogganee waanan argeef rakkoon qulqullinaa ni jira."
Qulqullinniifi gahumsi kitaabota afaan Oromoo guutummaan guutuuttis kan abdii nama kutachiisan miti kan jedhu barreessaan kun, sanuma keessa kitaabonni bilchinaan namoota gahumsa qabaniin barreeffamanis ni jiru jedha.
Yoomiyyuun akka jedhutti, yeroo tokko tokko kitaabonni Afaan Oromootiin barreeffaman 'qulqullina hin qaban' jedhamuun akkasumatti jumlaadhaan maqaa balleessuun jira. Kun garuu sirrii miti jedha.
"Kitaabonni Afaan Oromoon sirriitti qulqullina gaariin barreeffaman, dubbistoota amansiisaniifi jijjiiran hedduun jiru."
Rakkoon qulqullina kitaabota Afaan Oromoo maaliirraa madde?
Qulqullina kitaabota Afaan Oromoo waliin walqabsiisee komiin dhaga'amaa jiraachuun sirriidhuma kan jedhu Yoomiyyuun, kanaaf ammoo sababoota ijoodha jedhu lama kaasa.
Inni jalqabaa gahumsa dhabuu barreessitootaa waliin kan walqabatudha. Kitaabonni baayyeen namoota fedhii barreessuufi quuqama qabaniin barreeffamu malee ulaagaafi gahumsa barbaachisu guutamee miti jedha.
"Namni kitaaba barreessu kan sirriitti dubbiseefi muuxannoo gabbifate ta'uu qaba," jedha Yoomiyyuun.
Namni barreessu kan bal'inaan dubbbisuufi muuxannoo bu'aa ba'ii jireenyaa arge yoo ta'e, waan qulqulluufi gahumsa qabu barreessa jedheen amana kan jedhu dursaan duraanii Waldaa Barreessitoota Oromoo Yoomiyyuun, "namni jarjaree barreessuutti seenuun kun rakkoo qulqullinaas sababa jedheen yaada," jedha.
Barreessaan tokko og-barruu gahumsa qabu tokko barreessuuf og-barruuwwan Afaan Oromoon barreeffaman, kanneen afaan biroon barreeffaman kan biyya keessaa, Afrikaafi addunyaarra jiran dubbisee bilchaatee gara barreessuutti dhufuu akka qabu gorsa.
Kana malees, barreessaan tokko osoo maxxansiisee dubbisaa biraan hin gahiin nama muuxannoofi gahumsa qabu qabu ilaalchisuun barbaachisaa ta'uu hima.
Rakkoolee ijoo Og-barruu Oromoo lamaan olitti kaaseen alatti, fedhiin dubbisuu gadi aanaa ta'uu isaatiin barreessitoonni kitaaba lakkoofsaan hedduu maxxansaa hin jiran jedha.
"Barreessaan Oromoo ammayyu (uummata miliyoona 50 ol) keessaa bahee kitaaba kuma tokkofaa maxxansa. Kuma tokko kana keessaayyu gariin dubbisaa bira osoo hin ga'iin mana maxxansaatti ykn mana barreessaatti yeroo hafu mul'ata.
Namni kitaaba qabiyyee isaa ilaalee osoo hin taane nama ilaalee bita. Kun ammoo kitaabota barreeffaman dubbisanii hanqina jiru qeeqanii cimsataa deemuurratti rakkoodha," jechuun ibsa.
Kan lamaffaa, jaarmiyaan/dhaabbanni og-barruu utubu dhabamuu isaati kan jedhu Yoomiyyuun, fakkeenyaaf akaadaamiin afaanii kan rakkoo qubeessuufi waalta'inaan walqabatu furu dhabamuu isaati jedha.
Akka inni jedhutti, jechoota ganamaa sirriifi bu'uuraa Afaan Oromoo baasanii ittiin barreessuu caalaa afaan biraa irraa (Amaariffa ykn Ingliffa irraa) hiikanii barreessuun ni mul'ata jechuun kanaaf jaarmiyaan xiyyeeffannoo kennee hojjetu akka feesisu kaasa.

Kaayyoon Waldaa Barreessitoota Oromoo itti hundeeffame keessaa tokko ququllina og-barruu Oromoo kana akka foyyaa'u gargaaruudha kan jedhu Yoomiyyuun, koree gulaallii hundeessaniicarraaqaa akka turan hima.
Ta'us garuu jedha Yoomiyyuun hojii ogummaa keessatti namuu qofaa qofaa deemuu malee aadaan jaarmiyaatti amanuufi jabeeffachuun dhalootatti dabarsuu irratti hanqinni jira jedha.
Namoonni ogummaafi beekumsa adda addaa keessaa dhufanii barreessan, jaarmiyaa keessatti leenjiifi qeeqa barbaachisu fudhatanii hojjechuun laafaa ta'uu dubbata.
Akka fala tokkootti, marsariitii Waldaa Barreessitoota Oromiyaa (WBO) jedhu akka hundeessan kan himu Yoomiyyuun, achi keessaan namoonni odeeffannoo ogummaa isaanii ittiin gabbifataniifi hanqinoota jiran ittiin guuttatan waan gargaaruuf namuu akka quba qabaatee itti fayyadamus ni dubbata.
Seenaan, aadaan, eenyummaan Oromoo jaarraa hedduuf Afoolaan darbaa turee baroota dhiyoo asitti ammoo Og-barruun isaa dagaagaa jiraachuun nama gammachiisa kan jedhan ammoo hayyuu aadaafi seenaa Oromoo itti dhiyeenyaan hordofan barreessaa Dr. Gammachuu Wiirtuuti.
Afaan Oromoo dhiyeenya afaan Og-barruu ta'uun isaa qaawwi yeroodhaaf mul'achuun kanuma jiru kan jedhan Dr. Gammachuun, kaka'umsiifi fedhiin dargaggoota biraa mul'achaa jiru waan nama gammachiisuuf qulqullina dabalatee hanqinoota jiran furachuudhaaf waan rakkisu miti jechuun abdiidhaan dubbatu.
Og-barruu Oromoo guddisuun kan isa barreessuu qofa miti...
Umurii dargaggummaan kitaabota Afaan Oromoo 50 ol kan barreesse akka barreessaa Eebbisaa Baayisaa fakkeenyaaf kaasuun, yeroo isaanii guddina Afaan Oromootiif haarsaa dhaloonni taasisaa jiran fedhiin dhaloota keessa jiru human nama jabeessa jedhu.
Fedhiifi kaka'umsa guddaan dhaloota bira jiru kun garuu abbootii qabeenyaa, namoota dhuunfaafi dhaabbileen dhimmi kun isaan ilaallatuun xiyyeeffannoo malu argachuu dhabuun isaa ammoo rakkoo guddaa ammuma fala barbaadu akka ta'e cimsanii dubbatu Dr. Gammachuun.
Keessumaa daldaltoonni, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen biizinasii gara garaa barreessitoota ispoonsara gochuufi hamilee cimsuurratti baayyee hafa jedhu.
Dhimmi Og-barruu Oromoo kan isuma barreessuu qofaa akka hin taane baramee, qaamni isa ilaallatu hunduu gahee isaa ba'achuu akka qabullee jabeessanii dhaamu Dr. Gammachuun.
Walumaagalatti, dubbistoonni Oromoo kitaabonni Afaan Oromoon barreeffaman heddummaataa waan dhufaniif achi keessaa hanqina qulqullinaa kan qaban mul'atu malee, kitaabonni bilchaatoon, ogeessota gahumsa qabaniin barreeffamaniifi jijjiirama fidan hedduu waan jiraniif dubbisuu qabu jechuun dhaama Yoomiyyuun.
Rakkoon qulqullina dhabuu Og-barruu afaanota biyya keessaafi addunyaa nu dura barreessuu jalqaban keessayyu ni jira kan jedhu Yoomiyyuun, "dubbisaan walitti qabeedhuma hanqina qaba jechuun maqaa kennuu dhiisee warra gaggaarii jiran osoo dubbisee wayya," jechuun hima.
"Barreessitoonni keenya garri caalan dargaggeeyyii waan ta'aniif, akka qorannoon tokko tokko jedhutti barreessaan nama umuriin isaa waggaa 40 ol ta'ee gaariidha. Sababiin isaa ammoo umurii kanaa gaditti hangi namni dubbise, argaa dhageettiifi muuxannoo inni gabbifate xiqqaachuu mala."















