Barreessaan asoosama Afaan Oromoo 'jalqabaa' Kuusaa Gadoo Gaaddisaa Birruu dhukkubsataniiru

Gaaddisaa Birruu fi kitaabilee isaanii

Afaan Oromoodhaan asoosama jalqabaati kan jedhamu Kuusaa Gadoo kan barreessan Obbo Gaaddisaa Birruu dhukkubstaniiru.

Kuusaa Gadoo kitaabota Afaan Oromoo jalqaba irra jiran keessaa tokko jedhamee beekama.

Barreessaan kitaabichaa Obbo Gaaddisaa Birruuti. Bara dukkanaa Afaan Oromoodhaan barreessuu fi dubbachuun cubbuu ture jedhamu sana keessa barreessun maxxansan.

Jaallatamummaa guddaas kitaaba horatedha.

Kana qofa osoo hin taane kitaabota akka Dhaamsa Abbaa, Burreen Bifa Tokko Miti, Fedhii Gam-tokkee jedhan fa'aas barreessuun maxxansaniiru.

Kuusaa Gadoo osoo hin maxxanfamiin dura gaazexessaa Saamu'eel Dhaabaan raadiyoo Itoophiyaa irratti torban 29 Dilbata ganama

'waa lama dhabuu' mata duree jedhuun seeneffamaa akka ture Obbo Gaaddisaa Birrruu BBCtti himaniiru.

Obbo Gaaddisaan kitaabicha ofumaan akka maxxansan himanii, yeroo sana mana maxxansaa tokko deemanii akka gaafatan dubbatu.

Haa tahu malee, manni maxxansaa sun waan sammuu kootti hin tolle dubbatanii ''Afaan Oromoo hin maxxansinu jalqaba gara Afaan Amaaraatti jijjiiri naan jedhan,'' jechuun dubbatan.

Anis baay'ee aaree dideen Afaan Oromoodhaan ofumakoo maxxansiisee baase jedhan.

'Waa itti naaf mari'

kitaabota Gaaddisaa Biruu keessaa

Madda suuraa, Abdiisaa Balaachoo

Kitaabichi erga maxxanee gabaa irra oolees qormaatni guddaan akka isaan mudataa ture kan himan Obbo Gaaddisaan, namootni kitaaba qubeen barraa'e qabatanii deemuuf iyyuu ni sodaatu ture jedhan.

''Hiriyaa koo tokkotu bakka hojiikoo dhufee kitaaba maxxansite jedhan mee naaf kenni na jedhe. Anis tolen jedhe. Waa itti naaf mari na jedhe. Inni nama guddaa fi beekamaadha.

Waa itti naaf mari jechuun isaa kitaabicha irraa qubeen waan mul'atuuf akka hin argamneefidha.

Ani immoo baay'ee waan itti boonuuf akkamitti akkas na jedha jedhee aarus ka'een gaazexaa kutee itti maree kenneef,'' jedhan.

Hoogganaan waldaa barressitoota Oromoo Obbo Yoomiyyuu Mul'ataa, kitaabni Kuusaa Gadoo aartii Oromoof kitaaba hulaa saaqedha jedhan.

Aabba Yoomiyyuun barataan kutaa gara gadii irraa eegalee kitaabni argatee dubbisa itti jalqabu Kuusaa Gadoo ture jedhan.

Bara namni kitaabicha irraa fuudhee gurguru hin jirree fi Afaan Oromoo dubbachuun qaanii tahe sanatti, maxxansanii baasuun gumaacha ol-aanaa nama bahatanidha Obbo Gaaddisaan jedhan.

Haa tahu malee barsiisaa fi barreessaan Oromoof oolmaa guddaa oolan kun, erga dhukkubsatanii ciisan ji'ootni shan darbaniiru.

Obbo Yoomiyyuun akka waldaa barreessitootaa Oromootti akka isaan jajjabeessaa turan himanii, ammayyuu deeggarsi isaan barbaachisa jedhan.

ObboGaaddisaa yeroo dubbisne afuurri isaanii addaan cicitaa kan dubbataa turan yoo tahu amma adeemuu akka hin dandeenye illee maatiin nutti himaniiru

Gaaddisaa Birruu eenyu?

Obbo Gaaddisaa Birruu Arsii Boqojjiitti dhalatanii guddatan.

Bara 1965 Kolleejjii Barsiisota Asmaraatti barachuun aartii Oromoo Guddisuu irratti kan xiyyeeffatan yoo tahu, boodas yuunivarsiitii Finfinneetti digirii isaanii Hog-barruu [Literature and Foreign Languages] xumuraniiru.

Waggoota jahas ogummaa barsiisummaan tajaajilaniiru.

Akkaadaamii Afaan Saboota Itoophiyaa kan jedhamu keessas hojjechaa kan turan yoo tahu, koree waaltina Afaan Oromoof jalqaba irraa eegaluun nama tumsa ol-aanaa bahatanidha.

Obbo Gaaddisaan namoota Waldaa Barreessitoota Oromoo bu'uuressan keessaas tokko yoo tahan, nama dadhabe osoo hin jedhiin waldicha cimsuuf dhama'aa turan akka tahes himama.