Qondaaltonni ABO torba hidhaa waggoota afur booda hiikaman

Dubbii Himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu suuraa qondaalota hiikaman dura taa'aa dhaabichaa waliin ka'an qoodaniiru

Madda suuraa, Lemi Gemechu

Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii Himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu suuraa qondaalota hiikaman dura taa'aa dhaabichaa waliin ka'an qoodaniiru

Qondaaltonni Adda Bilisummaa Oromoo torba waggoota afran darban mana hidhaa turan wabiidhaan gadhiifaman.

Qondaaltonni ABO kunneen yeroo adda addaatti manni murtii akka hiikaman murteessuus hidhaatti hafuu abukaatonni, akkasumas dhaabichi ibsaa tureera.

Dubbii Himaan dhaabichaa Obbo Lammii Gammachuu akka beeksisanitti, ''mana hidhaa buufata Poolisii Burraayyuu irraa mirga wabiidhaan gad lakkiifamanii jiru.’’

Qondaaltonni kunis Obbo Abdii Raggaasaa, Mikaa'el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Dr Gadaa Oljirraa, Gadaa Gabbisaafi Daawwit Abdataa akka ta'an eeran.

Kanneen yeroo dheeraaf hidhaa turan kana keessa Obbo Abdi Raggaasaafi Obbo Mikaa'el Booran miseensa koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaati.

Dhimmi hiikamuu qondaalota ABO kan dhagahame yeroo Ayyaana Bara Haaraa Itoophiyaa 2016 Godinaafi Aanaatti hidhamtoonni ‘’dhiifamaan’’ jiranidha.

Haa ta'u malee, dhimma kanarratti gama mootummaa wanti ammatti jedhame hin jiru.

BBC'n maddeenirraa akka odeeffateetti hoggantoota kana gadhiisuuf guyyaa har'aa adeemsi eegalee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaaltonni ABO kunneen keessumaa ajjeechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa waggoota afur dura raawwate hordofee to’ataman.

Himannaan garagaraa irratti dhihaates yeroo adda addaatti falmaa turan.

Nami dhimmicha itti dhiheenyaan beekaniifi BBC’n dubbise qondaalota kana 'har’a ganama mana hidhaa Buraayyuurraa baasanii turan,’ jedhan.

Nii hiikamu jedhamanii ‘’adeemsa seeraa akka xumuranif’’ bakka adda addaa geeffamaa akka turan dubbatan.

''Adeemsa garagaraa keessa erga darbanii booda galgala kana gara mana hidhaa Buraayyuu deebisan.

‘’Wanta hin xumuramnetu jira jedhan,’’ jechuun dubbatanii turan.

Akka maddi kuni jedhanitti, hoggantoota ABO ‘’hin gadhiisu jedhamee eegama’’ jechuun hiikamuu isaanii dura BBC'tti himani.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa baatii Caamsaa keessa xalayaa Parlaamaa Itoophiyaaf barresseen komii dhaabichaaf deebiin akka kennamu gaafatee ture.

Dhaabichi xalayaa kana dura boordichaaf barreessen manni murtii qondaalota isaa hiikuus hidhaarraa akka hin gadhiifamnee fi humnoota nageenyaan haala 'seera maleessa ta’een' tursiifaman jedhe.

Dhaabbileen mirgaafi namootni siyaasaas akka hiikaman gaafachaa turuun ni yaadatama.