Paarlaamaan komii ABO'f deebii akka kennu boordiin filannoo gaafate

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa xalayaa A.L.I Caamsaa 19, bara 2016 Koree Dhaabbii Dhaabbilee Dimokiraasiitiif barreesseen, erga qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Battee Urgeessaa ajjeefamee haala angaa’ota dhaabichaa mana hidhaa jiranii irratti boordichatti irra deddeebiin iyyachaa turuu eere.
Dhaabichi xalayaa amma dura Boordii Filannoof barresseen aangaa’onni olaanoon ABO yeroo dheeraaf mana hidhaa turan torba, Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Dr. Gadaa Oljirraa, Daawwit Abdataa fi Girmaa Xurunaa haala lubbuu isaaniif yaaddessaa ta’e keessa jiraachuu ibse.
Aangaa’onni kunneen ammaan dura mana murtiitiin bilisaan kan lakkifaman ta’ulleen hanga ammaatti hidhaarraa kan hin gadhiifamnee fi qaamolee nageenyaa biyyattiin haala seera maleessa ta’een hidhaarra waan tursiisaniif furmaanni akka kennamuuf gaafate.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ammaan dura ji’a Amajjii keessa koree dhaabbii Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaaf komii dhaabichi irra deddeebiin dhiheessef kana xalayaan beeksisuus eera.
xalayaa koree dhaabbiif erge kana keessattis aangaa’onni ABO torba maqaan isaanii eerame manni hidhaa akka itti jijjiiramu, bakki itti hidhaman ifatti kan hin beekamnee fi mana murtiittis akka hin dhihaanne fi qabiinsi isaanii yaaddessaa ta’uu dhaabni kuni komachuu ibse.
Kana malees komii dhaabichi Boordii Filannoof dhiheesse kana boordichi ofiin qulqulleeffachuuf yaaliin godhe akka hin milkoofneefis xalayaa koree dhaabbii mana marii bakka bu’oota uummataatif barreesse kanarratti caqasuus eera.
Haa ta’u malee komii dhaabichi irra deddeebiin boordichaaf dhiheessee fi boordichi ammoo koree dhaabbii gaafate kana irratti koreen dhaabbii hanga ammaa deebii akka hin kenninee fi wanti ququlleefate yoo jiraate ammoo akka isa beeksisu boordichi xalayaa kanaan kan gaafate.
Hogganaan Sabqunnamtii Uummataa ABO Obbo Lammii Gammachuu dhimma kana ilaalchisuun yaada BBC’f kennaniin haalli qondaalonni dhaabichaa keessa jiran yaaddoo guddaa waan qabuuf irra deddeebiin qaama dhimmi ilaallatu beeksisaa turre jedhan.
“Jarri kuni hogganoota siyaasaati. Kan isaan hidhee jiru seera osoo hin taane warra aangoo of harkaa qabu. Angaa’onni dhaabaa kuni amma haala yaaddessaa keessa jiru. Fayyaan isaanii keessumaa kan Jaal Kennasaa fi jaal Gadaa Oljirraa hedduu hubamanii jiru”
“Hiraarsa walfakkaataa fi dhibee adda addaatif saaxilamanii magalaa Buraayyuutti hidhamanii jiru. Dhaabni qaama nadhagaha jedhu hundatti iyyachaa jira. Boordii Filannoo, Gamtaa Awurooppaa, Gamtaa Afrikaa fi komishinii mirgoota namoomaatti irra deddeebiin iyyachaa jirra” jedhan.
Hoggantootni ABO maal keessa jiru?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga MM Abiy Ahimed bara 2018 aangoo qabatanii Eertiraa irraa gara biyyatti kan gale Addi Bilisummaa Oromoo osoo oolee hin buliin rakkoo siyaasaaf saaxilame.
Kun qormaata biyyattiin keessa jirtu tahus, waraanni isaa duraanii WBO gara qabsoo nagaatti akka deebi’uuf gaaffiin erga dhihaatee booda hidhattoonni gariin deebi'anis kaan hin deebi'in hafaniiru.
Kanarratti Hayyu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa wayita ejjennoosaanii ibsan ''waraana kana abbootii Gadaatti dabarsee kenneera'' jechuun dubbatanii turan.
Paartichi ifatti waraana irraa adda bahuu fi waraana bosonatti hafes akka hin ajajne labsus kun qondaalota isaa hidhaarraa hin oolchine.
Gaggeesitootni paartichaa akka Obbo Daawud Ibsaa fi Itti aanaa isaanii kan turan Obbo Araarsoo Biqilaa gidduutti wal dhabdeen uumameera.
Obbo Araarsoon Hayyuu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa kora sabaa gaggeeffameen aangoorraa kaafamanii ani bakka bu’eera jedhanii ture.
Kun hoggantoota paartichaa kaan biratti ammoo hin fudhatamne. Boordiin filannoo biyyaalessaa Hayyuu Duree paartichaa akka Obbo Daawud Ibsaa tahe mirkaneesse.
Wal dhabdeen gidduu isaanii akkuma jirutti tahee waajjirri isaanii olaanaa cufamee ture. Mootummaan humna nageenyaa achitti ramaduun egamaa ture.
Yeroo kana ture Obbo Daawud Ibsaa yeroo dheeraaf hidhaa manaa jala kan turan. Konkolaataan ittiin socho’an humnoota nageenyaan jalaa fudhatamee akka hin deebineef qondaalli paartichaa tokko BBCtti himanii ture.
Amma Obbo Daawud hidhaa manaa sana jalaa bahanis socho’uun hojii siyaasaa hojjechaa jiraatanis waajjirri olaanaan dhaabichaaa qamolee nageenya mootummaatiin too’atamee jiraachuu fi hidhamuun qondaalota olaanoo dhaabichaa gufuu cimaa ta’uu Obbo Lammiin himan.
Miseensa Gumii Shanee ABO kan tahan Obbo Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa dabalatee qondaalotni paartichaa biroos erga mana hidhaa galanii bubbulaniiru.
Manni murtii qondaalota paartichaa bilisa jedhus poolisiin gadhiisuu diduun manneen hidhaa adda addaa keessatti hidhaarra jiru.
Dhiyeenya ammoo mana hidhaatti dhukkubsataa turee yaalaaf hidhaatii kan bahe Battee Urgeessaa hidhaarraa bahee ji’oota muraasa booda bakka dhalootasaa Maqiitti ajjeefamee argame.
Kun qondaalota isaa kaaniifis yaaddoo akka tahe ABO’n hima.












