Ajjeechaa Obbo Batteerratti 'qoraannoon guutuu ta'e' akka gaggeefamu US gaafatte

Madda suuraa, Bureau of African Affairs
Ministeera Haajaa Alaa UStti Waajirri Dhimmoota Afrikaa ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaarratti qorannoon guutuu ta'e akka gaggeeffamu waamicha Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa taasise akka deeggaru hime.
''Haqaa fi gaafatamummaa mirkneessuun maraamartoo badiisaa cabsuuf murteessaadha'' jedha ibsi gabaabaan waajirichaan bahe.
Waajirichi maxxansa Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani'el Baqqalaa(PhD) X gubbaa maxxansan qooduun ejjennoosaa ibse.
Daani'el ibsa baasan keessatti ''qorannoon saffisaa, walabaa fi guutuu ta'e mootummaa naannoo Oromiyaafi aanga'oota mootummaa Federaalaan gaggeefamee yakkitootni seeratti dhiyaachuu qabu'' jedhan.
Qondaalli siyaasaa Dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Battee Urgeessaa qaamolee nageenyan Finifnneetti hidhamanii wabii birri kuma 100n erga gadhiifamanii ji'a tokko booda Kibxata galgala magaalaa Maqiitti ajjefamanii argaman.
Ajjeefamuun nama siyaasaa qabsoo karaa nagaatti amanan kanaa biyya ajjeechaan namoota maqaa qabanii irra deedeebiin itti dhagaahamu kana rifaasiseera.
Dhaabbatni Mirga Namoomaaf falmu, Hiyuumaan Raayits Waach karaa daayireekatara isaa damee Gaanfa Afrikaa, Latiishiyaa Baader, ibsa gabaabaa baaseen ajjeechaan Obbo Batteerratti raawwate ''qorannoo amanamaa barbaada'' jedheera.
Ajjeechaa kanaan walqabatee dura taa'aan koree Hariiroo alaa Seeneetii Ameerikaa Been Kaardin ibsa baasaniin ''hoggansi ABO Obbo Battee Urgeessaa ajjeefamuun rifaasisaafi kan nama aarsuudha'' jedhan.
''Aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa ajjeechaa Obbo Battee qaama idila addunyaa walabaafi amanamaa ta'een akka qoratamu akka hayyaman jabeessinee gaafanna'' jedha ibsi Been baasan.
''Ajjeechaan seeraan alaa, hiraarsuufi daraaraan sababa siyaasaan qaqqabu Oromiyaa keessatti baratamaa ta'eera. Bulchiinsi Abiy dhaabbilee siyaasaa, miidiyaa fi mormitootarratti Oromiyaatti qofa osoo hin taane guutuu biyyattii keessatti tarkaanfii fudhachaa jiruun tasgabbii dhabuu babal'ataa jiruuf gahee bahaa jira.''
Qaamoleen yakkoota kana raawwatan saaxilamanii gaafatamummaan irratti mirkaneeffamuuf yeroon isaa qaata gahee jedhan qondaalli kun.
Mootummaan Ameerikaa rakkoon siyaasa WBO fi mootummaa Federaalaa gidduu jiru akka furamu gahee jaarsummaa bahaa jirti.
Marii marsaa lamaan Taanzaaniyaatti hoogganota lameen gidduutti godhamees akka milkaahu hojjetaa ture.















