Obbo Battee Urgeessaa magaalaa Maqii keessatti ajjeefamanii argaman

Obbo Battee Urgeessaa

Madda suuraa, REPORTER NP

Qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Battee Urgeessaa magaalaa Maqii keessatti ajjeefamuu namootni isaanitti dhiyaatan BBCtti himan.

Hiriyyaa dhiyoo Obbo Battee namni ta'an tokko ganama kana ijoollee Obbo Battee bira turan irraa bilbilameefii ''ajjeefamee magaala keessatti gatamee argame'' jecuun itti himuu BBCtti himan.

Obbo Batteen qonna paappayyaa bakka dhalootaa isaanii kan taate Maqiitti argamu hordofuuf Jimaata darbe garas imaluu dhageenyeerra.

Akka hiriyyaan isaanii kun jedhanitti Obbo Battee magaalaa Maqii hoteela keessa turan irraa halkan naannoo sa'aa jahatti fudhatamanii ''rasaasaan ajjeefaman.''

Ammatti gocha kana eenyu akka raawwateefi haala itti raawwatame irratti odeeffannoo gahaan akka hin jirres himaniiru.

''Ammatti odeeffannoo qulqulluu hin qabnu. Akkuma beekamu Batteen yeroo baayyee hidhamee bahe. Hordoffii jala jira'' jedhan.

Obbo Batteen nama siyaasaa mootummaa morman ta'uufi irra deddeebiin hidhaafi dararaa arguu isaaniirraa ka'uun ajjeechaan isaanii mootummaa wajjin walqabata shakkiin jedhu dhagaahamaa jira.

Namni yaada nuu qoodan kuni ''qaamni biraan isa gaalfaachuuf gaadu maaltu jiraree'' jechuun sakkii kana jabeessaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajjeechaa magaalaa Maqiitti raawwatame kan ilaalchisee qaamota Poolisiifi bulchiinsa magalichaa hoggananirraa qulqulleeffachuuf yaallee bilbilli nuuf hin hojjenne.

Maddi keenya, odeeffannoo ajjeefamuu Obbo Battee erga dhagaahanii booda ''riifaatuu guddoo keessa turree, takka jennee waan mudate iyyaafachuuf deebisnee yoo bilbillu, bilbilli nu dide. Adda citeera'' jedhan.

Qaamni mootummaa naannoo Oromiyaas ta'e Federaala ahanga ammaa ajjeechaa kana irratti waan jedhe hin qabu.

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen ajjeechaa qondaala siyaasaa isaatti gadduu himee, qorannoon walabaa akka gaggeefamu gaafateera.

''Ajjeechaan seera malee qaroo siyaasaa fi aadaa Oromoorratti tooftaadhaan godhamaa jiru gochaa gaafatamummaan isa hanqatuufi barkurneef sirna ittiin sagalee Oromoo ukkaamsanidha'' jedheera.

ABO'n ibsa ajjeefamuu qondaala isaa kana ilaalchisuun baaseen, “Ajjeechaa artistii kabajamaafi jaallatamaa qaroo Oromoo Haacaaluu Hundeessaa ammallee akka haaraatti osoo yaadachaa jirruu, ammas akka sabaatti du’a gaddisiisaa lubbuu Oromoo dubbii beeku, kutataafi goota dhabne,” jedheera.

“Haalli akka sabaatti keessa jirru hunda keenyaaf rakkisaa ta’us, ABOn ajjeechaa kanarratti qorannoo dabalataa ni gaggeessa,” kan jedhe ibsi kun jaarmiyaaleen mirgoota namoomaa qorannoo walabaafi haqa-qabeessa akka taasisaniifis waamicha dhiyeesseera.

Dhaabichi ammatti gocha kanaaf ifatti qaamni himate hin jiru.

Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)s ibsa ajjeefamuu Obbo Battee Urgeessaa ilaachisuun baaseen gadda guddaa itti dhaga'ame ibsuun cimsee balaaleffateera.

Battee Urgeessaa bilisummaa ummata Oromootiif akka dubbate, hidhame, jiruufi jireenyasaa akka burjaaja’e, qaamni isaa akka miidhame ni beekama. Fedhii uummata Oromoo fiixaan baasuuf jedhee waan hin ta’iin akka hin jirre dhiyootti beekna.

Battee Urgeessaa namni guutuu jedhamu tokko uummatasaaf kan ta’uun irraa eegamu hundumaa kan raawwatedha. Dhaloota itti aanuufis fakkeenya guddaa ta’ee argameera jedha ibsi KFO kun.

Diinoti Ummata Oromoo dhaabbilee Ummata Oromoo akka Waldaa Maccaafi Tuulamaa diiganiiru kan jedhe KFOn, dhaaba siyaasaa adda duree ta’e akka ABO irratti duulaniiru; qabsaa’ota akka Battee Urgeessaa ajjeesaniiru. Haata’u malee, qabsaa’otaafi fedhii uummataa duubbatti deebisuu hin dandeenye, hin danda’anullee jedheera.

Komishanarri Olaanaan Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa (PhD) X gubbaatti ibsa gabaabaa baasaniin ajjeechaa kanarratti qorannoon walabaa akka gaggeefamu waamicha godhan.

''Qorannoon saffisaa, walabaa fi guutuu ta'e mootummaa naannoo Oromiyaafi aanga'oota mootummaa Federaalaan gaggeefamee yakkitootni seeratti dhiyaachuu qabu'' jedhan.

Obbo Batteen ji'a tokko dura gaazexessaa lammii Faransaay waliin af-gaaffii osoo gochaa jiranii shororkeessummaan shakkamanii hidhamanii turan. Boodas Manni Murtii Magaala Finfinnee Kutaa Magaala Boolee wabii birrii kuma 100 tahuun akka mana hidhaatii gadhiifaman murteessee jennaan hidhaarra bahan.

Sana duras bara 2022 ji'ootaaf himannaa walfakkaataan qondaaltota ABO kaan waliin mana hidhaa turanii rakkoo fayyaa jabaa isaan mudateen walqabatee hidhaarra gadhiifaman.

Obbo Battee Urgeessaa jijjiirama bara 2018 dhufe hordofee ABO gara biyyaatti erga deebi'ee booda namoota siyaasaa dhageettii guddaa horatan keessaayi.

Dhaabbichi yeroo adda addaa dhiibbaa alaafi kessoon rakkoon wayita isa mudatuttis ejjennoo dhaabaasaa cimsee qabachuuf miidiyaalee adda addaarratti kaayyoo dhaabasaa himuun beekama.

Hubannoo siyaasa Oromoo fi Itoophiyaarratti qabaniinis dhaaba ABO keessatti dhaloota haaraa abdiin irra kaahame turan.

Obbo Baatteen gaheessa jalqaba ganna afurtammaniirra jiran yoo ta'u, abbaa ijoollee afuriiti.

Obbo Batteen abbaa ijoollee dubaraa sadiifi ilma tokkooti.

Obbo Battee Urgeessaa qondaaltota ABO hidhaman biroo gaafachuuf ALI gaafa 11/07/2013 konkolaachisaa isaanii waliin gara magaalaa Buraayyuu deemanii ji'ootaaf hidhaa turan.

Wayita mana hidhaa Buraayyuu turanitti sirna jiruufi qabinsa mirgaa irratti falmaa gochuuf lagannaa nyaataa guyyootaaf adeemsisaa turaniin booda dhukkubii jabaaf saxilamanii fayyaan isaaniis yaaddoo guddaa uumee ture.

Akka maddi BBC'n dubbise jedhutti maatiin Obbo Battee ganama kana boqochuu isaanii dhagaheera. Gara Maqiitti qajeeluus himaniiru.

'Abdii hin kutannu. Abdii kutachuufis as hin jirru' Obbo Battee

Ji'oota dura haala qabsoo karaa Nagaa Itoophiyaa keessa jiruu irratti BBCn xiinxala namoota siyaasaa adda addaa dubbisuun qopheesse keessatti Obbo Batteen yaada ''qabsoon karaa nagaa yeroo kamiyyuu caala haala yaadessaarra jira'' jedhu kennanii ture.

Erga filannoo bara 2021 dirreen siyaasaa qabsoo karaa nagaaf wanti abdii ta'u mul'ateraa? gaaffii jedhuuf Obbo Batteen ''homtuu wanti abdii horu hin mul'anne, inummaayyuu wanta sana caalaa abdii kutachiisaatu jira'' deebii jedhu kennu.

Obbo Batteenis hireen filannootti hirmatanii injifachuu cufaameera yaada jedhu qabaachuu malee, qabsoon karaa nagaa gaggeessan filannoorratti hirmaachuun gamasittis dhiibbaa qaama biyya bulchuun osoo harka hin kenniin itti fufa jedhu.

''Abdii hin kutannu. Abdii kutachuufis as hin jirru. Kan abdiirraa kutannu, hiree filannoorratti hirmaatanii mootummaa uummatni filate ijaaruuti. Diddaa sirna cunqursaarratti qabnu ittuma fufna. Hamma uummatni kun jirutti diddaan kun ittuma fufa.''

Siyaasa Oromoo keessatti namootni buleeyyiin hirmaannaa siyaasa keessatti qaban xiqeessaa fi callisaa dhufuun isaanii irratti gaaffii dhiyeessinee turreef deebii yoo kennan, dhalootni akka isaanii abdii ta'u jiraachuu dubbatanii ture.

''Namootni muraasni beekaman qabsoo dhiisan jechuun, uummatni qabsoosaa hin dhiisa jechuu miti'' kan jedhan Obbo Batteen, dhalootni akka isaanii kanneen isaan dura turan irraa barachuun qabsoo karaa nagaatti akka cichanis dubbatan.