'Hooggantoota karaa nagaan qabsaa'uuf galan hidhanii hidhattoota waliin mari'achuun hiika hin qabu'

Bitaa gara mirgaatti Obbo Abdii Raggaasaa, Obbo Mikaa'el Booran, Obbo Lammii Beenyaa

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa

Qondaaltonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) qabsoo karaa nagaa filatanii biyya galan osoo mana hidhaa keessa tursifamanii jiranii, hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) bosona jiran waliin mari'anna jechuun waan hin yaadamne jedhan qondaalli ABO Obbo Battee Urgeessaa.

Mootummaan tibbana miseensota Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (ABBUT/TPLF) kanneen waraana Tigraayiin walqabatee hidhee ture himata irraa kaasuun wayita bilisa godhu, qondaaltota ABO himata malee mana hidhaa jiran dagachuun daba jedhan Obbo Batteen.

Mootummaan Itoophiyaa koree hundeessuun hidhattoota bosona jiran waliin mari'achuu akka eegale ibsa.

Hidhattoonni gamasaaniin mariif fedhii qabaachuu ibsanii, garuu qaamni isaan dubbise akka hin jirre himan.

Hidhattoonni WBO kan mootummaan Shanee jechuun waamuufi shororkeessummaan farraje, marii nagaaf qophii ta'uu wayita ibsan, ulaagaa kaa'an keessaa tokko hooggantoonni siyaasaa akka hiikamaniidha.

Obbo Battee Urgeessaa akka jedhanitti, qondaaltonni ABO waggoota sadan darbaniif murtii seeraa tokko malee, kaan osoo himannaan irratti hin dhihaatin, gariin ammoo manni murtii bilisa baasee osoo jiruu ammallee hidhaa jiru.

''Warra karaa nagaan qabsaa'uuf galan hidhaa keessa tursiisaa, kaan waliin mari'anna jechuun waan milkaa'u miti,'' jedhan.

''Waggoota sadiif hidhaa seeraan alaa keessa''

Angawoonni ABO torba Obbo Abdiisaa Raggaasaa fi Obbo Mikaa'el Booran (Miseensota Shanee Gumii ABO), Obbo Kennasaa Ayyaanaa (Miseensa Gumii Sabaa ABO), Obbo Lammii Beenyaa, Gadaa Oljirraa, Obbo Daawwit Abdataa, Obbo Gadaa Gabbisaa Qajeelcha Poolisii Buraayyuu jiru.

Obbo Battee Urgeessaa namoonni kunneen waliin hidhaa turanii, dhukkubbii itti hammaannaan hidhaadhaa baafaman.

''Angawoonni kunneen himata tokko ofirraa hin qaban. Abbaan Alangaa dhimma isaanii hordofu hin jiru. Poolisiin qorannaa tokkollee irraa hin qabu. Walumaagala qaamni dhimma kanaafan hidhe jedhu tokkollee hin jiru,'' jedhan Obbo Batteen.

''Akkanumatti ukkaamfamanii taa'aa jiru.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aanga'oota TPLF kanneen waraana keessatti hirmaatanii mootummaan lolaa turuun isaanii himamu bilisaan gadhiisanii, kan ABO garuu himata tokko malee mana hidhaatti tursiisuun rakkoo hammeessa jedhan.

''Jaarsummaa hedduudhaan itti demameera. Abbootiin amantaa, abbootiin Gadaa dhimma kana haasaan furuuf yaalaniiru. Ta'us hanga ammaatti bu'aan argame hin jiru,'' jedhan.

Namoonni kunneen hidhamuu qofa osoo hin taane dhukkuba adda addaan dararamaa jiru jedha Obbo Battee.

''Kan baayyee nama gaddisiisu isa kana. Jaal Gadaa Gabbisaa dhukkuba tiruun akkaan miidhamee mana hidhaatti qoricha fudhataa jira. Jaal Kennasaa Ayyaanaas dhukkubsachuun sadarkaa kiraanchiidhaanillee dhaabbachuu hin dandeenyerra ga'eera,'' jechuun haala namoonni kunneen keessa jiran ibsan.

Yeroo ammaatti haala namoota kunneenii mana hidhaatti kan hordofu maatii, qondaaltota paartichaafi abukaatoo qofadha kan jedhan Obbo Batteen, ''akka aangawoota siyaasa deeggartootaafi jaallattoota hedduu of jalaa qabaniitti dhimmisaanii xiyyeeffannaa hin arganne,'' jedhan.

''Qaamoleen siyaasaa dhiibbaa uumuu malan dhimma hooggantoota kunneenii dagataniiru. Mootummaanis qooda namoonni kunneen dhibdee siyaasaa biyya kanaa furuu keessatti qaban xiqqeessee ilaaleera,'' jedhan Obbo Batteen.

''Kan nagaan qabsaa'u hidhaa, kan hidhate araarfachuun''

Anggawoota akkanaa hidhaa kaa'anii araara buusna jechuun madda rakkoo osoo hin tuqin rakkoo furuuf yaaluudha jedhan Obbo Battee Urgeessaa.

''Isa karaa nagaan qabsaa'uuf filate hidhaa, qaama hidhate ammoo ni araarfanna jechuun waan hin fakkaanne akka ta'e hubachuu qaba mootummaan,'' jedhan.

''Namoonni kunneen kaleessa waraana hoogganaa turan. Karaa nagaa qabsoofna jedhanii hidhannoosaanii hiikkatan. Har'a ammoo dararaatu irra ga'aa jira.''

Qaamni hidhatee jirus kanarraa waan ilaallatuuf, hidhannoo lafa kaa'ee biyya galee karaa nagaan qabsaa'uuf hireen jedhee yaaduurraa abdii kutata jedhan.

''Mootummaan hooggantoota kunneen ukkaamsee kaa'uunsaa dhibdee jiru karaa nagaan mari'atanii furuutti carraa cufaa jira,'' jedhu Obbo Battee Urgeessaa.

Hooggantoonni ABO kunneen guyyaa tokko mana hidhaa buluuf sababi hin jiru kan jedhan Obbo Battee, ''dararaa waggaa sadan darbe irra ga'eef beenyaa argachuu qabu,'' jedhan.

Mootummaan ''hooggana paartichaa ugguree, kaan hidhee, waajjira keenya bakka maratti cufee osoo jiruu nuti ammallee dhibdeen siyaasaa biyya keenyaa karaa nagaan akka furamu feena'' jedhan.

Biyya kana keessatti aanga'oota mormituu hidhanii tursiisanii olaantummaa seeraa kabachiisna jechuun yeroo garaagaraatti yaalamee hin milkoofne kan jedhan Obbo Batteen, ''ammas marii hunda hirmaachise qofatu furmaata,'' jedhan.

''Poolisiin isaan qabee jirullee dhimmasaanii hin beeku''

Namoota kunneen poolisiin isaan qabee jirullee dhimmasaanii hin beeku kan jedhan Obbo Battee Urgeessaa wayita waliin hidhaa turanillee eenyu akkasaan to'ate gaafataa turanii, osoo deebii hin argatin akka ba'an himan.

''Maaliif akka hidhamne, eenyu akka nu hidhe ajajaa poolisii gaafataa turre. Hanga yoomiitti turra, himati keenya maali, maal nurraa barbaaddu? Hamma waan kana barrutti jennee nyaata lagataa turre.''

Gaaffiin kun ammallee hiikoo hin arganne jedhan Obbo Batteen.

''An sababa haalli fayyaa koo sadarkaa dhumaarra ga'eef achitti du'uurra jedhanii gadi na dhiisan. Warri na biraa hafan garuu ammallee akkasumatti jiru.''

Hidhamuun hooggantoota siyaasaa kunneenii hidhamuu siyaasa walabaa Oromiyaa keessaati jennee hubanna jedhan.

''Ammas taanaan nuti hooggantoonni kunneen haal-duree tokko malee akka hiikaman gaafachaa jirra.''

Mootummaanis yoo dhugumaan nagaa barbaada ta'e akkuma warra kaan wajjin mariidhaan rakkoo furuu eegale, Oromiyaa keessatti qaama na galcha jedhu hunda waliin mariidhaan dhibdee furuu qaba jedhan Obbo Batteen.

Waa'ee hidhaa fi himata anga'oota ABO

Hooggantoonni ABO baayyeen shoroorkaafi jeequmsa kaasuun himatamuun waggoota sadan darbaniif mana hidhaatti argamu.

Hedduun isaanii akka gadhiifaman mana murtiitiin ajajni darbuullee ammas hidhaarratti akka argaman ibsameera.

Miseensa Shanee Gumii ABO kan ta'an Obbo Abdii Raggaasaa Guraandhala 28, 2020 ajjeechaa qondaala mootummaan shakkamanii erga hidhamanii ammallee hin ba'in jiru.

Obbo Abdii Raggaasaa yeroo 48 mana murtii dhiyaachuun yakkarraa bilisa ta'uun itti himamus garuu ammallee mana hidhaa jiru.

Obbo Mikaa'el Booran, Obbo Lammii Beenyaa, Obbo Daawwit Abdataa Adoolessa 2020 hookkara kakaastan jedhamuun hidhaman.

Namoonni kunneen yeroo garaagaraatti mana murtiin bilisa jedhamanis hanga yoonaa hidhaa jiru.

Obbo Battee Urgeessaa ammoo namoota hidhaman gaafachuuf gara magaala Buraayyuu deemanii ALI gaafa 11/07/2013 konkolaachisaa isaanii waliin to'ataman.

Ergasii himati irratti baname jiraachuu baatus yeroo dheeraa erga hidhamanii booda dhihoo kana ba'an.

Obbo Batteen waahillan isaanii waliin nyaata lagachuun mormii dhageessisaa kan turan yoo ta'u, mana hidhaatti sababa akkaan dhibamaniif gadhiifaman.

Abukaatoon hidhamtoota siyaasaa kunneenii Obbo Tuulii Baayyisaa dhimma hidhamtoota kunneenii qaama gaafannu wallaalle jedhan.