Battee Urgeessaa wabii birrii kuma 100n akka gadhiifamu manni murtii ajaje

Qondaala ABO, Battee Urgeessaa

Madda suuraa, Reporter NP

Manni Murtii Magaala Finfinnee Kutaa Magaala Boolee qondaalli ABO Obbo Battee Urgeessaa wabii Birrii kuma 100 tahuun akka mana hidhaatii gadhiifaman murteesse.

Qondaala siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo kan tahan Obbo Battee Urgeessaa Gurraandhalaa 26, 2024 gaazexeessaa lammii Faransaayi waliin too’aataman ture.

Boodarra gaazexeessichi bilisa jedhamee gadhiifamuun gara biyya isaatti akka deebi’u godhame.

Obbo Batteen ammaan dura Bitootessa 01, bara 2014 mana murtii kan dhihaatan yoo ta’u, poolisiin guyyaa qorannoo dabalataa waan gaafateef gaafa Roobii Bitootessa 05, 2024tti beellamamee ture.

Dhimma isaanii ilaalaa kan jiru Magaala Finfinneetti mana murtii Kutaa magaala Booleeti.

Abukaatoo Obbo Battee kan tahan Obbo Boonaa Yaazoo, poolisiin akkaataa jedheen waan qorate qabatee mana murtiitiif waan hin dhiheessineef mirga wabii itti gaafanne jedhu.

“Beellama darberratti poolisiin qorannoo moobaayilaan walqabatun dhiheessa jechuun yeroo dabalataa kan gaafate. Haa ta’u malee poolisiin bu’aa sanas hin dhiheessine. Ragaa biroos walitti qabachaan jira jechuun yeroo dabalataa gaafatani.”

“Nutimmoo gama keenyan adeemsi qorannoo seera kan hin hordofnee fi adeemsi amma jiru yakka irratti barbaadaa jiraachuu kan agaarsiisu waan ta’eef, himatamaan kuni nama hojii dhaabbataa qaban, maatii fi iddoon jireenyaa isaanii beekamu waan ta’eef yeroo kamuu dhihaachuu waan danda’aniif mirgi wabii kabajameefii haa bahan jechuun falmine” jedhan Obbo Boonaan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manni murtiis yaadota gama lamaanii ergaa ilaaleen booda Obbo Battee Urgeessaa wabii birrii kuma 100 akka mana hidhaatii gadhiifaman murteesse jedhan.

Hanga ammaatti yeroo sadii mana murti kan dhihaatan Obbo Batteen, beellama sadan irrattuu ijoon himannaa isaanii haaraa fi kan jijjiiramu akka ta’es himan obbo Boonaan.

''Gaafa jalqaba Gaazexeessaa sana waliin qabame ‘Iccitii biyyaa dabarsee kennuu'' kan jedhu ture.

Gaafa lammataa''Faannoo fi ABO shaneen waliin ta’uun akkamitti Finfinnee jeeqna'' kan jedhutti jijjiirame. Boodammoo dhimma isaanii shanee qofaan wal qabsiisan. Kuni adeemsa seeraa miti” jedhan.

Qondaalonni ABO akka Abdii Raggaasaa, Daawwit Abdataa, Lammii Beenyaa, Mikaa'el Booran fa'aa erga hidhamanii waggootni darbeera.

Yeroo adda addaatti manni murtii bilisaan akka gadhiifaman ajajus poolisiin gadhiisuu diduun hidhaarra akka turan abukaatoon isaanii BBCtti himaa turan.

Gariin isaanii irratti ammayyuu osoo himanni hin banamiin waggootaaf hidhamaa jiraachuus himaniiru.

Qondaalonni ABO irra caalaan isaanii erga MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufanii waamicha isaaniif godhameen qabsoo nagaa gaggeessuuf Eertiraa dabalatee biyyoota adda addaarraa gara biyyaatti kanneen deebi'anidha.