Gaazexeessaa Faransaay waliin kan to'ataman Obbo Batteen wabii dhorkaman

Madda suuraa, Reporter NP
Qondaalli ABO ''Shaneefi Faannoo qindeessuun Finfinnee keessatti hookkara uumuuf'' sosso’uun kan himataman Obbo Battee Urgeessaarratti manni murtii guyyoota qorannoo dabalataa shan eeyyame.
Manni Murtii Magaalaa Finfinnee dhaddacha Boolee har’a ooleeni wabii dhorkuun poolisiin guyyoota dabalataa Obbo Battee itti qoratu gaafate keessaa guyyoota shan kan eeyyame.
Qondaalli ABO Obbo Batteen gaazexeessaa Faransaay Antuwaan Gaalindoo waliin kan to’annoo jala oolan torban darbe ALI Kamisa Guraandhala bulti 14, 2016 ture.
Eegasii guyyaa Sambataa lamaan isaanii mana murtii erga dhihaatan booda Gaazexeessaan Faransaay Kamisa kaleessaa ‘’murtee mootummaan’’ hidhaatii hiikamee biyyaa bahuu isaa abukaatoon isaa BBC’tti himaniiru.
Obbo Batteen har’a yeroo lammataaf mana murtii dhihaataniini guyyaan qorannoo dabalataa shan kan irratti kenname.
Poolisiin Obbo Battee qorachuuf guyyoota dabalataa 14 gaafate.
Dhaddacha har’aa irratti ‘’Shaneefi Faannoo qindeessuun Finfinnee keessatti hookkara uumuuf, gaazexeessichimmoo akkamiin akka gabaasu tarsiimoo baasaniiru.
‘’Kuni harka keenya keessa seeneera,’’ jechuun poolisiin dubbachuu isaa abukaatoon isaanii himaniiru.
Dabaluunis, ‘’Shanee waliin hariiroo akka qaban ragaa waan argachaa jirruuf, ragaan bilbilaas qoratamaa waan jiruuf, guyyaan qorannoo 14 naaf haa kennamu,’’ jedhee gaafachuu abukaatoon himu.
Abukaatoon Obbo Battees ‘’namichi yakka dalage jedhame gadhiifameera. Inni gadhiifamee osoo jiruu (Battee Urgeessaa) irratti yakki haaraan barbaadamaa jira. Kuni sirrii miti,’’ jechuun falmuu BBC’tti himan.
Dhimma qorannoo bilbilaa ilaalchisee bilbilli Obbo Battee harka isaanii akka hin jirreefi harka poolisii akka jiru ibsuun wabiin dhorkamuu akka hin qabne gaafatuu isaanii himan.
Manni murtii gaaffii bilbila qorachuu poolisiin kaase simachuun ‘’akeekkachiisa waliin yeroo xumuraaf’’ guyyoota qorannoo shan eeyyamuu abukaatoon BBC’tti himaniiru.
Gaazexeessaan Faransaay akkamiin hiikame?
Aantiwaan Gaalindoo dhaabbata teessoosaa Faransaay godhate, Afrikaa Intelejens, jedhamuuf hojjeta.
Gaazexeessaan kuni torban darbe Obbo Battee Urgeessaa waliin gaaffiifi deebii osoo godhuu magaalaa Finfinnee keessatti kan to'atame.
Aanga'ootni mootummaa Itoophiyaa Kamisa Guraadhala 29, 2024 akka inni gadhiifamuufi tikkeetni atattamaan qophaayee fi akka biyyaa bahu Embasii Faransaay Itoophiyaa jirutti dursanii himuu abokaatoon gaazexeessichaa BBC'tti himaniiru.
Yaa'ii Gamtaa Afrikaa gabaasuuf torban lama dura gara Itoophiyaa kan seene gaazexessaan kun, himannaadhuma Obbo Batteerratti dhihaatetu irratti dhihaate.
Embasiin Faransaay Finfinnee jiru dhimma gaazexessaa kanaa xiyyeeffannoon hordofaa akka tureefi qondaaltotni embasichaa mana hidhaa deemanii akka isa fudhatan, achiis sa'aatii muraasaaf Embasii turee gara buufata xiyyaaraa adeemuu abukaatoon isaa himaniiru.

Madda suuraa, INDIGO PUBLICATIONS
Abukaatoon maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan kun, gaazexeessichi ''qondaalota eembaasiin dabaalamee gara buufata xiyyaaraa adeeme'' jedhan.
''Qondaaltotni embasichaa bakka itti hidhame demuun gara mooraa eembasii isa fudhatan. Hanga galgala sa'aa lamaa erga achi turee booda gara buufata xiyyaaraa kan deeme eembasichaan dabaalameeti.''
Akka abukaatoon jedhanitti, Obbo Batteefi gaazexeessaan lammii Faransaay "miseensota tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa uffata siviilii uffataniin,'' to'ataman.
Dhaabbatni idila addunyaa mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJn mootummaan Itoophiyaa gaazexeessaa kana saffisaan akka gadhiisu ibsa baaseen gaafachuun isaa ni yaadatama.












