‘Bakka sadii rasaasaan rukkutameen hafe’- Dargaggoota hidhattoonni Faannoo Walagga Bahaatti ajjeesanirraa kan oole

Maappii godina Wallagga Bahaa, aanaa Gidduu Ayyaanaa agarsiisu

Sadaasa 16, 2024 hidhattoonni Finxaaleyyii Amaaraa (Faannoo) godina Wallaga Bahaa Aanaa Limmuu-Galiilaa, ganda Fiixee Baqqoorraa gara Angar Guutee (Guttin) gabaa dhaqanii osoo galaa jiranii namoota afur butanii lama ajjeesanii, tokko madeessanii kan ammoo jalaa miliquu maatiin BBCtti himan.

Daraggeessa waggaa 20 kan ta’e Soorumaa Raggaasaa bakka sadii rukkutamee erga hallayyaatti kufeen boda du’eera jedhanii hidhattoonni kunneen dhiisanii sokkuu dubbata.

Soorumaan amma Hospitaala Naqamteetti wallaanamaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa sana akkamiin akka qabame akkas jechuun BBCtti waan yaadatu siree irra ciisaa jirurraa sagalee laafaan dubbata.

“Guyyaan isaa guyyaa Sanbat-duraadha, gabaa oollee galaa osoo jirruu qabamne. Guyyaa sana wanti argine jiraachuu baatus, isaan dura namoonni naannawaa sana keessatti qabaman [butaman] ni jiru," jedha.

Namoonni kun harka hidhattoota Faannoo guyyaa jahaaf erga turanii booda haleellan irratti raawwachuu hima.

"Tokko morma koo rukkute, tokko harka koo rukkute, kaan ammoo dugda koorra na rukkute. Gargaarsuma Waaqayyoon malee namni [dhiiga dhangala’e naaf hidhe] na bira hin jiru. Akkuma isaan na rukkutaniin hallayyaatti kufeeen yeroo isaan achii deeman ammoo achii ka’een bakka jijjiirradhe.

Waraanatu birmatee jennaanan achii bahe,” jechuun halkan ja'aafi guyyaa ja'a harka hidhattootaa kanaa turuu dubbata.

Hakiimota Hospitaala Naqamtee Soorumaa wallaanaa jiran keessaa tokko BBCf akka ibsanitti, dargaggoon kun yeroo hospitaala qaqqabetti bakka itti rukkutamerraa hanga fidanitti laga waan tureef madaan isaa daggalli itti naqamee, foolii godhateera jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bakka sadii rasaasaan rukkutamuu kan mirkaneessan hakiimni kun, harka isaa keessaa garuu rasaasa baasuu himan.

Guttiniifi naanawaasheetti namoonni hidhattoota Faannoo kanaan madaa'anii dhufuun haaraa miti kan jedhan ogeessi fayyaa Hospitaala Naqamtee, torbanuma darbe haadha warraafi abbaa warraa dabalatee namoonni rukkutamanii gara hospitaala kanaa dhufuu himu.

Isaan keessaa haati warraa hanga hospitaala qaqqabdutti dhiigni waan dhangala'eef lubbuun darbuu BBCtti himan.

Yeroo isaan hallaayyaatti gargalachanii itti dhukaasan utaalee hallayyicha keessa bu’ee nama du’a fakkaatee erga isaan sokkanii fayyaa kan jalaa miliqe ammoo dargaggoo Tolasaa Gaarradoo jedhama.

Tolasaan akka carraa ta’ee rasaasaan hin rukkutamne, garuu obboleessi isaa Iyyu’eel Gaarradoo achumatti lubbuun isaa baate jedhu gaddarra kan jiran obboleessi isaanii angafti Obbo Silashii Gaarradoo.

Dargaggoo Tolasaan hiraarfama keessa turerraa kan ka’een qalbiin isaa miidhamee waan jiruuf miidiyaatti dubbachuuf tasgabbaa’aa akka hin taane himu.

“Qaamuma isaati yeroo diidaan ilaalan fayyaadha malee, doorsisaafi dhiphina keessa turerraa ka’ee miirri isaa ammallee bibbirrataa jira.”

Maaltu mudate?

Ijoolleen kun bakka jiraatan ganda Fiixee Baqqoorraa ka’anii gara aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guutee (Guttin) gabaa deemanii turan jedhu Obbo Silashiin.

A L I Sadaasa 7, 2017 gabaa oolanii osoo galuuf deemaa jiranii magaalaa Angar Guutee ganda 01 bakka addaa ‘Afar Qullulii’ jedhamutti hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan osoo isaan Baajaajiin [konkolaataa miila sadii] deema jiranii dhaabsisanii akka butan dubbatu.

“Baajaajii sana keessa nama torbatu turan. Torban isaanii [sabaan] bakka lamatti erga qoodaniin booda obbolaan koo lamaan [tokko kan ajjeefame, tokko ammoo kan miliqe], ilmi adaadaa koo [kan Hospitaala Naqamteetti wallaanamaa jiru] fi afraffaan ammoo micaama qe’ee walumatti afur fudhatanii sokkan.”

Erga butanii fudhatanii sokkanii booda Godiina Wallagga Bahaatii fuudhanii gara Godiina Horroo Guduruu Wallaggaatti geessan.

ijoolleen kun lubbuun harka warra butanii kanaa guyyaa ja’aaf akka turan kan dubbatan Obbo Silashiin, lubbuu namoota afranii baraaruudhaaf waan jarri godhaa jedhan gochuuf oliifi gadi fiigaa turuu ibsu.

“Ijoollee kana of harka godhanii waan nuti isiniin jenne godhaa jechuun nu sossobaa turan. Waan isaan jedhan erga goonee booda garuu A L I gaafa Sadaasa 12, 2017 galgala Godina [Horroo Guduruu Wallaggaa] aanaa Abee Dongoroo bakka addaa Daalachoo jedhamutti gocha gara jabinaa kana ijoolleerratti raawwatan.”

Hidhattoonni finxaaleyyii kunneen erga maallaqa gaafatan Birrii 500,000 fudhatanii booda ta’uu kan dubbatan Obbo Silashiin, “ijoollee kana isiniif gadhiifna jechuun nu sossobanii jilbeeffachiisanii afran isaaniirratti [tarkaanfii fudhatan]. Jalqaba Iyyu’eel Gaarradoo fi Eliyaas Dhaabaa kanneen jedhaman lubbuun dhabamsiisani.

Mucaa Soorumaa jedhamu sana ammoo rasaasa sadiin rukkutani. Obboleessa koo ishee xiqqoo kana, Tolasaa ammoo rasaasa sadii itti dhukaasanii lubbuushee Waaqayyo hambise. Boodarras humna waraanaa qabatee [bakka kun itti raawwatame deemuun kan lubbuun hafes warra du’es akka fidan godhe.“

Obboleessa Soorumaa Raggaasaa kan Hospitaala Naqamteetti wallaanamaa jiruu kan ta’e Tamasgeen Raggaasaa, abbaa isaanii Fiixee Baqqoo bakka hojii qonnaa jiraniif gabaatti ergamee galaa osoo jiranii akka balaan kun isaan mudate BBCtti himeera.

Fiixee Baqqoon magaalaa Angar Guutee (Gutin) irraa gara lixaatti tilmaamaan kiiloomeetira 16 irratti argamti.

Sababa hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa hidhatan kanaan naannoo sana rakkoon yeroo baayyee akka mul’atu kan himu Tamasgeen, guyyaa sana ijoolleen butaman kunneen karaa lama Angar Guuteerraa gara Fiixee Baqqoo geesu keessaa isa nagaadha jedhanii yaadan filatanii galaa turan jedha.

Obboleessi isaa rasaasa sadiin rukkutame “raajiidhuma Waaqayyootiin hafe malee waan akka namaatti yaadnee kana jennuu miti” kan jedhu Tamasgeen, gaafuma qabaman galgala isaa Tulluu Angar Guuteerraa gara magaalaa Tullu Gaanaa geessuun bakka Daalachoo jedhamu dabarsanii bowwaa jiru tokko keessa geessun gocha hammeenyaa kana raawwachuu dubbata.

Akka Tamasgeen jedhutti tilmaamaan bakki kun magaalaa Angar Guuteerraa kiiloomeetira 30-40 ta’a.

“Bakka sana erga geessanii booda qarshii miliyeena tokko barbaadna jedhanii ture. Nuti ammoo qarshii hanga kanaa hin qabnuu ijoollee kana oolchuu waan barbaadnuuf nuuf hir’isaa jenne.

Osooma walin mariyannuu gara kuma 500tti butani. Jalqaba kuma 300 dabarsineef. Guyyaa sadaffaa ammoo bilbilli isaanii nu jalaa badee sagalee ijoollee nu dhageessisuu waan didaniif qarshii arganne hin dabarsiin turre.

Qarshii jalqabaa erga dabarsinee guyyaa tokko darbee isa hafe kuma 200 guyyaa lamaffaatti dabrsine. Qarshii sana akka argatan gaafa mirkaneeffatan galgaluma gaafa sanaa, galgala naannoo saatii lamaa ijoollee kana raashanan.”

Magaalaan Tullu Gaanaa Angar Guuteerraa gara kallattii bahaatti godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo keessatti argama.

Fiixee Baqqoon ammoo Angar Guuteerraa gama lixaan godina Wallagga Bahaa aanaa Limmuu Galiilaa keessatti ganda argamtudha.

Angar Guuteen (Guttin) garuu godinuma Wallagga Bahaa aanaa Giddaa ayyaanaa jalatti magaalaa argamtu taatee, Fiixee Baqqoo fi Tullu Gaanaa gidduutti argamti.

Ummata nagaa butuun, ajjeesuufi saamuun waan haaraa miti…

Finxaaleyyiin Amaaraa hidhatan kunneen ummata nagaarratti xiyyeeffatanii ajjeesuun, qabeenya saamuufi gubuun naannawaa sanatti haaraa miti kan jedhan Obbo Silashii Gaarradoo, “kaleessuma [Sadaasa 24, 2024] galgala aanaa Giddaa Ayyaanaa jalatti kan argamtu bakka Dhakaa Jigii ykn Bishaan Gonfaa jedhamutti jarumti kun konkolaataa ummataa rukkutanii nama tokko madeessaniiru,” jechuun gochi badii isaan raawwatan taatee guyyuu ta’uu himu.

Maaliif hikkachiisuun hin danda’amne…?

Obboleessa isaa quxisuu gocha gara jabinaa finxaaleyyii kanaan kana dhaban Obbo Silashiin, mootummaa hidhattoota kanneen hiikkachiisuu hin dandeenye jedhu.

“Mootummaan [hiikkachiisuuf yaalii gochuu hin dhiisne garuu finxaaleyyiin kun lagatti galu eessatti arga.”

Mootummaan hiikkachiisuudhaaf yaalii godhus isaan hiikkachuu hin barbaadne kan jedhu Tamasgeen, hidhannoo qabaniin ummata nagaa ajjeesuufi saamuu itti fufaniiru jechuun ibsa.

Hidhattoonni ijoollee kanneen arfan buttan lakkoofsaan ja’a ta’uu odeeffannoo obboleessa isaarraa argachuu kan himu Tamasgeen, “isaan keessaa sadii kilaashii isa gurraacha [yeroo baay'ee raayyan ittisaa qabatu] kan qabatanii turan yoo ta’u sadii ammoo kilaashii isuma duraan beekamu qabatu” jedhe.

Jiraattonni Godina Wallagga Bahaafi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa waggoota afran darban haleellaa hidhattoota mootummaan 'finxaaleyyii Amaara' jedhuun yeroo garaa garaa irratti raawwatamaa tureen qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'aniiru.

Hidhattoonni mootummaan 'finxaaleyyii Amaaraa' ittiin jedhu kunneen uummata qe'eerraa buuqqisuu, namoota nagaa ajjeesuu, qabeenya samuufi sarbama mirga namoomaa garaa garaa irratti hirmaataa turuu jiraattota, qondaalota mootummaafi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waabeffachuun BBCn gabaasaa ture.

Hidhattoonni kunneen aanaalee godina Wallagga Bahaa kanneen akka Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuu, akkasumas aanaalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa kanneen akka Jaardagaa Jaartee, Amuruufi Abee Dongoroo keessatti waggoota afran darban keessa yeroo garagaraatti namoota nagaafi hojjetoota mootummaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachaa turan.

'Finxaaleyyiin kunneen yoo hiikkatan malee ammayyuu wabiin hin jiru'

Waggaa lama dura, haleellaa hidhattooti 'finxaaleyyii Amaaraa' kunneen Godiina Wallagga Bahaa Aanaa Kiramuutti raawwataniin jiraattonni gandoota 19 keessa jiran Giddaa Ayyaanaatti baqachuu aanichi beeksisee turuu BBCn gabaaseera.

Gandoota Aanaa Giddaa Ayyaanaa warra akka Nageessoo, Haroo Ayyaanaa, Dooroo Oborraa, Aliifi Andoodee Dichoo keessa jiraatanis waggoota sadan darban keessa sababa haleellaa 'finxaaleyyii Amaaraa' kanaan qe'eerraa buqqa'anii dararama keessa jiraachuu dubbatu.

Haleellaa finxaaleyyiin Amaaraa gaggeessan kanaan abbaasaa dabalatee miseensonni maatii 15 kan jalaa ajjeefaman Zalaalam Abdannaa ammayyuu haleellaan hidhattootaa kun namoota karaa imalan irratti xiyyeeffatee akka gaggeeffamu BBCtti himee ture.

Jiraattonni godina Walagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuu haleellaa yeroo garagaraatti finxaaleyyiin Amaaraa hidhatan irratti raawwataniin qe’ee isaaniirraa buqqa’an osoo qe’ee isaaniitti hin deebiyiin waggoonni sadii ol darbuu dubbatu.

Akkuma kna aanaa Giddaa Ayyaanaatti jiraattonni gandoota Andoodee Dichoo, Alii, Dooroo Oborraa, Haroo Ayyaanaa, Nageessoo, Ejeree; akkasumas gandoota aanaa Kiiramuu baayyee keessaa bara 2021 irraa kaasee hidhattoota kanneeniin namoonni nagana hedduu ajjeefamuufi qabeenyi isaanii samamaa turuun gabaafameera.

Mootummaan finxaaleyyii kanneen hiikkachiisuuf yaalus ammallee hidhatanii badii raawwachuu hin dhaabne kan jedhan jiraattonni godinaalee Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa, hanga isaan guutummaan guutuutti hiikkachiifamanitti ummanni qe'eerraa buqqa'e deebiyuun wabii hin qabu jedhan.