Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humni Qilleensaa Itoophiyaa addunyaarraa sadarkaa kamirra jira, xiyyaarota akkamiifaa qaba?
Itoophiyaan tibbana waggaa 90ffaa hundeeffama Humna Qilleensaa sagantaa adda addaa fi agarsiisa xiyyaarota waraanaan wayita kabajju qondaalonni biyyattii damee kanaan milkaa'ina guddaa galmeessisuu ibsaniiru.
Agarsiisa humna qilleensaa maqaa ''Samii leencota gurraachaa (Black Lion Air Show 2026)'' jedhuun Bishooftuutti gaggeeffamee fi xiyyaaronni waraanaa Itoophiyaa fi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) irratti mul'atan kanarratti Ministirri Muummee Abiy Ahmad ergaa dabarsaniiru.
Waggoota 90 darban keessatti humni qilleensaa kun birmadummaa Itoophiyaa eegsisuuf cichoomina guddaa akka agarsiisee fi Kanaanis humnoota Itoophiyaa haleeluuf yaalan hedduu salphiseera jechuun jajan.
Mootummaa Federaalaa Itoophiyaatti Inistitiyuutii Dhimma Alaa irraa ragaan argame akka mul'isutti agarsiisi kun humni qilleensaa Itoophiyaa gama leenjii loltummaa, sirna xiyyaarota nama maleeyyii fi hariiroo humna waraanaa sadarkaa addunyaatti uummachuutiin guddina agarsiisuu mul'isa.
Agarsiisni kun Itoophiyaan mala waraanaa duubatti hafaa keessaa gara ammayyaawaatti ce'uun naannawa kana keessatti humna qilleensaa jabaa ijaarratteetti jedha ragaan kun.
Gama kaaniin dhaabbanni waggaa waggaan dandeettii humna waraanaa biyyoota addunyaa xinxaaluun sadarkaasaanii baasu Global Fire Power (GFP) jedhamu Itoophiyaan bara 2026 humna waraanaatiin biyyoota addunyaa 145 keessaa 47ffaarra jiraachuu ibse.
Dhaabbanni kun bara darbe (2025) Itoophiyaan jabina humna waraanan addunyarraa sadarkaa 52ffaarra jirti jedhee ture. Kun biyyattiin bara kana qabxii shaniin fooyya'iinsa argamsiisuu mul'isa.
Akka gabaasa kanaatti biyyoota Afrikaa keessaa biyyoota afur-Masrii, Aljeeriyaa, Naayijeeriyaa fi Afrikaa Kibbaa, qofaatu Itoophiyaa dursu.
Biyyi Itoophiyaa faana atakaaroo keessa jirtu Masiriin Afrikaa keessaa jalqabarra jirti, addunyaarraa ammoo 19ffaa.
Ollaan Itoophiyaa, Ertiraan addunyaarraa 119ffaarra jirti. Afrikaa keessaa ammoo sadarkaa 25ffaarra jirti.
Jaarmiyaan sadarkaa humna waraanaa biyyoota addunyaa baasu kun gabaasa isaa bara kanaa keessatti Humni Qilleensaa Itoophiyaa guddachuu agarsiiseera.
Haata'u malee gabaasa humna qilleensaa Masrii fi Itoophiyaa walbira qabuun dhiheesseen humni Masrii kan Itoophiyaa fagoo caaluu agarsiise.
Sirni kabaja waggaa 90ffaa hundeeffama Humni Qilleensaa Itoophiyaarratti xiyyaarota waraanaa nama maleeyyii agarsiifaman keessaa kan biyyattiin Raashiyaarraa argatte Sukhoi jedhamu qilleensarratti mul'ateera.
Dirooniiwwan waraanaa namaan oofamanis bal'inaan agarsiifamaniiru. Dabalataan michoota Itoophiyaa keessaa humni qilleensaa UAE agarsiisa kanarratti hirmaateera.
Itoophiyaan akka jettutti humni agarsiisa kanarratti mul'ate biyyattiin nageenya Galaana Diimaa fi Gaanfa Afrikaaf akkaan murteessituu ta'uushee mul'isa.
Guddinni gama humna waraanaan mul'ate kun Itoophiyaan humna qilleensaa haleellaa raawwatu qofa osoo hin taane kan haleellaa humna qilleensaa qolatus ijaaraa jiraachuu agarsiisa jedhu qondaalonni biyyattii.
Hojiin humna qilleensaa ammayyeessuu yoo haala kanaan itti fufe Itoophiyaa naannawa ishee keessatti humna guddaa akka ishee taasisu abdii qaban ibsan.
Kun ammoo nageenya biyyoota akka Ertiraa, Sudaan, Somaaliyaa, Masrii fi biyyoota Galoo Galaanaa kaaniif akka barbaadamtu ishee taasisa jedhan.
Sirna kanarratti Ministirri Muummee Abiy Ahmad kanaan booda humna qilleensaa Itoophiyaa dirqama nageenya biyyaalessaa fi naannoo eegsisuuf ga'umsa akka qabaatuuf kun agarsiistuu guddaadha jedhan.
Agarsiisa kanarratti xiiyyaaronni waraanaa UAE F-16 fi helikooptaroonni AH-64 Apache jedhaman hirmaachuun humna qilleensaa Itoophiyaatti naatoo horan.
Kun ammoo hariiroo Itoophiyaan gama humna waraanaan biyyoota addunyaa waliin qabdu biyyoota Afrikaa bira darbuun biyyoota Galoo Galaanaa faanallee cimaa jiraachuu agarsiisa.
Itoophiyaan xiyyaara agarsiisaaf dhiheessite Su-30k jedhamu man kuusaa humna qilleensaa Hindii xiyyaarota haaressan irraa argatte.
Xiyyaara waraanaa kana Raashiyaan bara 1990oota keessa humna qilleensaa Hindiif kennite. Xiyyaarri kun bara 2007 Raashiyaaf erga deebi'ee booda gara Beelaarus ergame.
Xiyyaarri waraanaa Su-35 ''Flanker-E) jedhamus qaama agarsiisa kana ature. Ragaaleen akka mul'isanitti Itoophiyaan xiyyaara waraanaa kana saddeet argachuuf adeemsa eegalteetti.
Humni Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara nama maleessa ykn diroonii Orion-E MALE jedhamus agarsiiseera.
Kun dirooniiwwan duraan Turkii irraa bitatte Bayraktar TB2 jedhaman irratti wayita dabalamu guddina humna qilleensaa Itoophiyaaf guddoo gumaacha.
Gabaasi Global Fire Power humna qilleensaa Itoophiyaa fi Masrii walbira qabuun gabaasa bara 2026 baase keessatti Itoophiyaan waliigalatti xiyyaarota waraanaa 104 qabaachuu ibse.
Biyyoota Gaanfa Afrikaa keessattuu mootummaa Ertiraa fi Itoophiyaarraa gama kanaan ragaa jiru argachuun rakkisaadha.
Jaarmiyaan kun gabaasa isaa 2025 keessatti humni qilleensaa Itoophiyaa addunyaarraa 55ffaarratti akka argamu ibsee ture.
Akka gabaasa kanaatti Itoophiyaa fi Ertiraan irra guddeessan xayyaarota waraanaa Raashiyaan omishte kan Mig fi Su jedhaman fayyadamu.
Jaarmiyaan kun gabaasa isaa bara darbee keessatti xiyyaarri ammayyaa Itoophiyaan hidhattee jirtu xiyyaara Raashiyaa Su-27 ta'uu ibsee ture. Barana garuu Itoophiyaan xiyyaara Su-30k agarsiisuu fi inumaa xiyyaarri Su-35 qaama agarsiisa kanaa ta'uu fi hedduun karaarra jiraachuu ibsiteetti.
Itoophiyaan xayyaarota waraanaa bara Hayilasillaaseefi Dargii akkasumas bulchiinsa ADWUI turan kanneen akka F-5, Mig-21, MiG-23 fi helokoptaroota waraanaa (attack helicopters) jedhamanis ni fayyadamti.
Global Fire Power gabaasa bara kanaa keessatti Itoophiyaan xiyyaarota waraanaaf qophii ta'an 25 qabaachuu ibsuun addunyaarraa sadarkaa 46ffaarra kaa'e.
Gabaasi kun Itoophiyaan helikooptaroota 33 fi kanneen haleellaa raawwatan (Attack Helicopters) 7 akkasumas xiyyaarota leenjistoota ta'an (Trainers) 34 qabaachuu ibse.