Jenaraalli waraanaa fi michuu dhiyoon pireezidaanti Chaayinaa akkamiin iccitii nukilaraa US'f kennuun shakkame?

Chaayinaan tibbana jeneraalota waraanaa olaanoo biyyattii lama to'annaa jala oolchuun qorataa jirti.

Biyyattiin jeneraalootni kunneen ''naamusaa waraanaa fi seera cabsuun'' himannaa jedhu irratti kan dhiyeessite.

Kana malees, Iccitii nukilaraa Ameerikaaf dabarsanii kennuu fi yakka biyya ganuun shakee jette.

Jeneraalotni waraanaa kunneen ammoo waggootaa hedduuf ijaarsa Waraana Chaayinaa irratti akkasuma dhaabbilee gurgurguddoo biyyattiitti dhageettii fi ol'aantummaa kanneen qabaniidha.

Kana keessaa Jeneraal Zihang Yixihoo itti aanaan dura taa'aa Komishinii Waraanaa Giddugaleessaa fi michuu dhihoo Pireezidantii biyyattii Shii Jiin Piing isa tokkodha.

Kana malees, qondaalli sadarkaa olaanaa kan biraa Jeneraal Lihu Zeheenlii kanneen naamusaa fi seera cimaa cabsuun qorannoon irratti taasifamaa jiru akka ta'e gabaasaleen kan ibsan

Chaayinaa keessatti jeneraalotni waraanaa, keessumaa yeroo biyyattiiin Taayiwaan humnaan fudhachuuf fedhii ishee cimsataa jirtutti haala kanaan shakkamuun gaaffi kaasera?

Akkasumas, dandeettii waraanaa Chaayinaa shakkii keessa galcheera.

Jeneraalli ganna 75 to'annaa jala oolfaman kun, Itti aanaa dura taa'aa Komishinii Waraanaa Giddugaleessaa (CMC) fi miseensa Paartii Koominiistii Chaayinaa (CPC) turan.

Garee Paartii Koominiistii hogganaa biyyattii Shii Jiin Pingiin durfamu kan humna waraanaa to'atu qondaala kanaa jechuudha.

Tarkaanfiin kun qaama duula farra malaammaltummaa pireezidaant Shiin qondaaltota sadarkaa ol'aanaa irratti gaggeessaa jiru keessaa tokkodha.

CMC yeroo baayyee namoota torba kan of keessaa qabu yoo ta'u, yeroo amma miseensota lama qofatti galeera. Shii jiin Piing fi Jeneraala Zhang Shengmin qofa.

Kanneen biroo hundinuu tarkaanfii "farra malaammaltummaa" marsaa duraan erga hidhamaniin booda kaafamaniiru.

Jeneraal LI Zaang Sheengmiin, Onkoloolessa darbe yakkuma walfakkaatuun to'annoo jala oolan.

Dhaabbata Imaammata Hawaasa Eeshiyaa irraa Laayil Mooriis akka jedhutti, Shii fi jeneraalli CMC tokko qofti hafuun isaanii kanaan dura waan mul'atee hin beeknedha.

Mooriis BBC'tti akka himanitti, ''CMC'n jeequmsa keessa jira,'' amma waraana Chaayinaa keessatti ''bakki hoggansa guddaan'' duwwa akka jiru himan.

Sababoota jeneraalota olaanoo hedduun aangoorraa kaafaman ilaalchisee yeroo gaafataman, "oduu hedduun naanna'aa jira. Yeroo kanatti maaltu dhugaa fi maaltu soba akka ta'e murteessuu hin dandeenyu... garuu Shii Jiin Pingirratti miidhaa akka qabu beekamaadha, hoggansaafi to'annoo PLA irratti dhiibbaa qabaata."

Yunivarsiitii Biyyaalessaa Singaapoor irraa Piroofeesara gargaaraa kan ta'an Chong Ja Lan sababni to'atamuu jeneraalotaa waanti mirkanaa'ee akka hin jirre ibsan.

Garuu odeeffaannoon "iccitii nukilaraa Ameerikaaf dabarsuu hanga fonqolcha mootummaa fi waldhabdee gareewwanii shira xaxuutti waanta heddutu shakkama,'' jedhan. Beejiing keessa lola qawweellee akka jiru oduun himamaa jir,a" jechuun ibseera.

''Haata'u malee, dhimmi jeneraalota lamaanii Zaang fi Liyuu, kan mul'isu Shiin qormaanni guddaan fuuldura isaa akka jirudha."

Himannaan addaa jeneraalota kana irratti dhiyaachaa jiru ummataaf hin ibsamne. Fuuldurattis ibsamuu dhiisuu mala.

Haata'u malee, akka qoratamaa jiranitti maqaan isaanii eeramuun isaanii yoo xiqqaate murtiin hidhaa akka itti murtaa'u beekamaadhas jedhan.

Jeneraalota irratti xiyyeeffachuun waa'ee malaammaltummaa ta'uu danda'a, garuu waa'ee siyaasa aangoos ta'uu danda'a.

Chaayinaan yeroo Shii Jinping aangootti dhufan rakkoo malaammaltummaa guddaan rakkatti.

Garuu hogganaan ishee sochii farra malaammaltummaa isaa fayyadamuun, gareewwan sakatta'iinsa naamusa Paartichaa sodaataman bobbaasuun, dorgomtoota siyaasaa ta'uu barbaadan ykn kanneen sadarkaa mootummaa keessa jiran dabalateeti

Qondaaltota olaanoo waraanaa kunneen waraana keessatti waggoota dheeraaf muuxannoo qaban waan ta'eef, kasaaran inni waraanaa fi mootummaa Chaayinaa irratti qabu guddaa taasisa.

Wal amantaan waraanaa fi mootummaa dhabamuun Pireezidaant Shii mataa isaaf rakkoo yeroo dheeraa qabaata jedha Mooriis.

"Shiif haalli kun hamaa ta'uun isaa hin oolu, waggoota dhufaniif paartii biyya bulchu keessatti jeequmsi guddaan ni jiraata jedheen yaada."

Jeneraalota olaanoo ta'an kaasuun qondaaltota sadarkaa itti aanu kanneen eenyutu bakka bu'a jedhanii yaaduu danda'an irratti qorannoo geessisuu danda'a.

Xiinxaltoonni yeroo Chaayinaan odola ofiin bultu Taayiwaan qabachuuf yaaddutti ta'uun karoora sana gufachiisuu mala jedhu.

Iccitii niwukilaraa Ameerikaaf dabarfamee kennamuu ragaan kan hin jirre yoo ta'u, himanni kun yakkaa biyya ganuun adabbii gudaa kan hordofsiisudha.