Alii Ahimed Noorwich Siitiif goolii galchuu hordofee maaltu jedhame?

Abjuun Alii Ahimed Noorwiich Siitiitti milkaa'uu itti fufeera jedhan xiinxaltoonni.

Gabateen Shaampiyoonshiippii dursaa kan jiru Kooventarii kan mo'ate Noorwiich Alii Ahimed galchii injifannoo lakkoofsiseera.

Taphataan internaashinaalaa Kanaadaa fi maatii Oromoo irraa dhalate Alii Ahimed ji'a jijjiirraa taphattootaa Amajji kanaatti ture Noorwiich Siitii kan gale.

Kooventariin jalqaba galchii lakkoofsisan. Aliin kubba mijeessee waayila isaa Anis Been Siliimaanee jedhamuuf kennuun goolii galchanii wal qixxaatan.

Sana booda daqiiqaa 67ffaa irratti Aliin galchii injifannoo lakkoofsise. Torbee sadii dura Vaankoover Waayikaapsi irraa Noorwich kan gale Aliin galchii lama lakkoofsisee kubba lama ammoo mijeessee kenneera.

Roomaan Eessee galchii lakkoofsisuun Kooventarii yaalii yeroo dheeraa booda dirree isaaniin ala mo'achuuf turan.

Noorwich kufaatii irraa ooluuf qabxii afuriin ol fagaatee jira. Kooventariin duraan qabxii guddaan gabaticha dursaa ture amma gara qabxii sadiitti xiqqaateera.

Alii Ahimed eenyu?

Dhalataan Oromoo lammii Kaanaadaa Alii Ahimad kilaba Ingiliz Shaampiiyoonshiippii keessa taphatu Noorwiich Siitiif mallatteesse.

Noorwiich taphataan kilaba Kaanadaa Vaankooveer Waayit Kaap kun gareesaatti makamee lakkoofsa 21 uffatee akka taphatu mirkaneesseera.

Transfer Market akka ibsetti Aliin paawundii miliyoona lama ta'uun Noorwiichitti makame. Kontiraatnisaas hanga bara 2028/29 tura.

Taphataan sarara gidduu ganna 25 kun gara kilaba Ingiliz kanaa dhuufu wajjiin walqabatee yaada miidiyaa kilabichaaf kenneen ''waayee hiree kanaa yeroon dhagahe hedduun gammade'' jedhe.

''Noorwiich garee guddaa guddaadha. Anis qaama garee kanaa ta'uukootti baayyeen gammade.''

Noorwiich Siitiin bara 2019/20 fi bara 2021/2022 Pirimiiyeer Liigii keessatti kilaba dorgomaa tureedha.

Ali Ahimad bara 2023 irraa kaasee Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kaanaadaaf filamee taphataa ture.

Aliin bara 2021 kilaba Vaankover waliin hoojjechuuf garee daragaggotaatti makame. Achiis bara 2022 konitaraatasaa piroofeeshinaalaa kan jalqabaa mallateteesse.

Abbaafi haati isaa lammiilee Itoophiyaa, dhalootaan Oromoodha.

Waggoota 30 ol dura Harargee irraa gara Kanaadaa imalanii achi jiraachaa akka jiran maatiin BBCtti himan.

Inni garuu achumatti dhalatee guddate.

Akka maatiin isaa jedhanitti, ijoollummaa irraa eegalee kubbaa jaalata. ''Hedduu jaalata [kubbaa miilaa]. Amata [waggaa] afuritti kilaban geessuu ture isaafi obboleessa isaa,'' jedhu haati isaa Aadde Muntahaa Aliyyii.

Maqaan isaa guutuu Ali Afandii Ahimadidha. Maqaa biyyoota Lixaatti waamamuun miidiyaaleen Kanaadaa maqaa xumuraan Alii Ahimad jedhanii waamu.

Inumaa maqaa isaayyuu anatu baaseef jedhu harmeen isaa.

''Maqaan isaa maqaa abbaa kiyyaati. Anaatu baafate. ''

Maatiin Obbo Afandii ijoollee shan horatan keessaa Aliin afraffaarratti dhalate.

Taphataa ganna 22 dha. Kan kubbaa miilaa jaalatuufi taphatu garuu isa qofaa hin turre.

Obboleessi isaas ni taphata. Maatiin immoo isaan daawwatu.

''Manni kuni guutuun sookara [kubbaa miilaa] jaalatu turre,'' jedhu Aadde Muntahaan.

Aliin amma Noorwiich kufaatii keessaa baasaa jira. Biyya isaa Kanaadaafis abdii guddaa taheera.