Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Helikooptarri waraanaa Ameerikaa Bishooftuu qubate

Wayita Humni Qilleensaa Itoophiyaa waggaa 90ffaa itti hundeeffame qophii gara garaan kabajaa jirutti, helikooptariin waraanaa Ameerikaa Ospreey Helikooptar jedhamtu Bishooftuu qubatte. Helikooptariin kun Ministira Itti-aanaa Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaaw qabattee kan ture yoo ta'u, dippilomaatiin Ameerikaa olaanaa kun kabaja Humna Qilleensaa Itoophiyaarratti hirmaataniiru.

Guduunfaa

  • Helikooptarri waraanaa Ameerikaa Bishooftuu qubate
  • Dooniin guddaan Ameerikaa xiyyaarota waraanaa baatu Baha Giddugaleessaa dhaqqabe
  • UK'n michummaa Ameerikaa faana qabduuf jettee Chaayinaa hin qoolliiffattu - MM UK Istaarmar
  • Odeeffannoo biroof: marsariitii, Facebook, YouTube, WhatsApp irratti nu hordofaa.
  • Tiraamp qondaala mootii daangaa (border tsar) jedhamu Tom Homan Minisootaatti ramade
  • Finfinneetti dargaggeessa qunxurroo guutumatti ofirraa mure baqaqsanii yaaluun deebi'ee hodhameef
  • "Hiriyoonni koo walakkaan ajjeefamaniiru" - Shamarran waraanni hanga mana barumsaatti isaan hordofe
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daanyaan US daarektarri ICE akka mana-murtiitti dhiyaatu ajaje

    Tarkaanfiin humni federaalaa US dhimma immigireeshinii raawwachiisu (ICE) Minisootaa keessatti fudhataa jiru dubbii jabaa ta'ee itti fufeera.

    Wayita oppereeshinii gaggeessanitti narsii lammii Ameerikaa ta'e Aleks Pireet erga ajjeesanii booda mormiin ummataa ka'es cimee itti fufuun, aanga'oonni Minisootaa fi Pirezidant doonaald Tiraamp akka wal gaarerfatan godheera.

    Gavarnariin Minisootaa Tiim Waalz Pirezidant Doonaald Tiraamp humnoota ICE kumaan bobbaase akka baasuuf gaafateera.

    Akkaataa ajjeefamuu Aleks Pireet waliin walqabatee ammoo yaadni garaa garaa dhiyaachuun muddama daran hammeesseera.

    Kun osoo kanaan jiruu har'a daanyaan Konyaa Minisootaa Paatriik Shiilz bakka bu'aan daarektarri ICE Tood Liyoons Jimaata akka mana-murtiitti dhiyaatu ajajeera.

  2. 'Tokko ta'uu qabna' - Giiftiiduree US Melaaniyaa Traamp

    Haati warraa Pireezdaanti Tiraampi,Melaaniyaa Tiraamp tarkaanfii hamaa humnoonni ICE Miniyaapoolis keessatti fudhataa jiran hordofee ergaa "tokko haa taanu" jedhu dabarsite.

    Qophii Fox & Friends jedhamurratti haasawa gooteen: " Abbaan warraa koo, Pireezdaantiin, kaleessa bulchaa fi kantiiibaa waliin dubbachuu isaanii quban qaba, ookkaraa fi jeequmsi akka hin taane waliin hojjechaa jiru. " jette.

    "Jeequmsa nan morma. Mormii keessan karaa nagaatiin dhiyeeffadhaa."

  3. Dargaggeessi Itoophiyaa akkamiin qaama saalaa isaa ofirraa mure?

    Taateen Sanbata xiqqaa darbe dargaggeessi jiraataa magaala Finfinnee ta'e tokko ofirratti raawwate waan nama dhagahuufuu hin tolle.

    Namni ofirratti gara jabina hangamii mul'isuu akka danda'us waan akeekedha.

  4. Dippiloomaatii olaanaan US Bishooftuu akka qubataniin maal jedhan?, Itoophiyaan biyya qofa osoo hin taane, biyya jabduu humna riijinichaati - Kiristoofar Laandaaw

    Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Itti-aanaa Kiristoofar Laandaaw kabaja Humna Qilleensaa Itoophiyaarratti hirmaatan Itoophiyaan biyya jabduu humna riijinichaati jeedhan.

    Dippilomaatiin US kun, "Itoophiyaa dhufuu kootti gammachuu guddatu natti dhagahama," jdhan.

    Preezdaant Tiraampii fi ministira dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo bakka bu’uun Humna Waraanaa Ameerikaatti Ajajaan Afrikaa (AFRICOM) Leetanaal Jeneraal Daagviin Andarsanii waliin Itoophiyaa dhufuu kan ibsan Kiristoofar Laandaaw, hariiroo waggoota dheeraa biyyoota keenya lamaanii cimsuun akeeka keenya jedhan.

    Ayyaana guddaa hundeeffama waggaa 90ffaa Humna Qilleensaarratti hirmaachuuttis gammachuu qaban ibsan.

    Hariiroo waraanaa fi siyaasaa keenya jabeessuuf hiika olaanaa kan qabu agarsisa qilleensaa kanarratti waggaa waggaadhaanis hirmaannaa keenya dabaluun ni argamnas jedhan Kiristoofar Laandaaw.

    Kun waltajjii hariiroo keenyaafis hiika qabeessadha.

    “Itoophiyaan akka biyya takka qofaatti hin lakkoofnu, humna jabduu riijinichaati. Wal taanee rakkoolee nageenyaa naannichaa waliin furuu dandeenya. Yeroo as turrutti qondaalota Itoophiyaa waliin akkaataa wa tumsuun hojjennuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabnurratti ni mari’anna,” jedhan.

    Kanaanis, biyyoota keenya nagaa kan qaban, cimoo fi badhaadhoo ni taasifna jedhu qondaalli kun.

  5. Humni Qilleensaa Itoophiyaa addunyaarraa sadarkaa kamirra jira, xiyyaarota akkamiifaa qaba?

    Itoophiyaan tibbana waggaa 90ffaa hundeeffama Humna Qilleensaa sagantaa adda addaa fi agarsiisa xiyyaarota waraanaan wayita kabajju qondaalonni biyyattii damee kanaan milkaa'ina guddaa galmeessisuu ibsaniiru.

    Agarsiisa humna qilleensaa maqaa ''Samii leencota gurraachaa (Black Lion Air Show 2026)'' jedhuun Bishooftuutti gaggeeffamee fi xiyyaaronni waraanaa Itoophiyaa fi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) irratti mul'atan kanarratti Ministirri Muummee Abiy Ahmad ergaa dabarsaniiru.

    Waggoota 90 darban keessatti humni qilleensaa kun birmadummaa Itoophiyaa eegsisuuf cichoomina guddaa akka agarsiisee fi Kanaanis humnoota Itoophiyaa haleeluuf yaalan hedduu salphiseera jechuun jajan.

  6. Dooniin guddaan Ameerikaa xiyyaarota waraanaa baatu Baha Giddugaleessaa dhaqqabe

    Dooniiwwan waraana galaanarraa of duukaa kan hiriirse dooniin waraanaa guddichi Ameerikaa xiyyaarota waraanaa fe'u Baha Giddugaleessaa dhaqqabuu qondaalonni olaanoon Ameerikaa lama Rooytarsitti himan.

    Torbaanotaaf mormii uummataa Iraan keessa ture hordofee Iraanirratti tarkaanfii akka fudhatan kan akkeekkachiisaa turan Pireedaant Tiraamp, dooniiwwan kunneen gara Baha Giddugaleessaa ergamuu torban dura beeksisanii turan.

    Pireezdaant Doonaald Tiraamp humni waraanaa isaanii Baha Giddugalessaa cimuu qofa osoo taane Iraanirratti tarkaanfii akka fudhachuu malanis eeran.

    Dooniin xayyaarota waraana feete, USS Abraham Lincon, akkasumas hidhannoowwan misaayelootaa gara Baha Giddugaleessaa kan socho'an ajaja Giddugaleessaa waraanaa Ameerikaatiin ta'uu eerame.

    Tiraamp torban dura meeshaan waraanaa Ameerikaa gara dhiyeenya Iraanitti ergamuu yoo ibsan,"Itti hin fayyadamnu jedheen abdadha," jedhanii turan.

    Muddamni Ameerikaa fi Iraan jidduu hammaachuu hordofee meeshaaleen waraanaa jalqaba ji'a kanaatii kaasee Eeshiyaarraa gara baha jiddugaleessaa ergamuu eegalaniiru.

    Dooniiwwan lolaa malees, Ameerikaan jettiiwwan lolaa gara Baha Giddugaleessaatti dhiyeessuu Peentaagoon beeksise.

    Mormii uummataa Iraan irratti Iraan mormitoota kan ajjeesuu itti fuftu yoo ta'e Ameerikaan gidduu akka seentu dhaadataa ture Tiraamp.

    Asiin duras muddamni baha jiddugaleessaa gaafa hammaatu Ameerikaan dooniiwwan waraanaa ishee gara riijinichaatti siksaa turte.

  7. Helikooptarri waraanaa Ameerikaa Bishooftuu qubate

    Wayita Humni Qilleensaa Itoophiyaa waggaa 90ffaa itti hundeeffame qophii gara garaan kabajaa jirutti, helikooptariin waraanaa Ameerikaa Ospreey Helikooptar jedhamtu Bishooftuu qubatte.

    Helikooptariin kun Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Itti-aanaa Kiristoofar Laandaaw qabattee kan qubate yoo ta'u, dippilomaatiin Ameerikaa olaanaa kun kabaja Humna Qilleensaa Itoophiyaarratti hirmaataniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Itti aanaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaaw waliin, Humna Waraanaa Ameerikaatti Ajajaan Afrikaa (AFRICOM) Leetanaal Jeneraal Daagviin Andarsaniifi Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaa saganticha irratti argamaniiru.

    Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa fi Ajajaa Ol’aanaa Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa dabalatee qonaalonni ol’aanoon Raayyaa Ittisa Biyyaa mooraa Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessatti keessummoota kanneen simataniiru.

  8. UK'n michummaa Ameerikaa faana qabduuf jettee Chaayinaa hin qoolliiffattu - MM UK Istaarmar

    Dhiyootti Chaayinaa daawwachuuf qophiitti kan jiran Ministirri Muummee UK Sir Kiir Istaarmar, UK'n michummaa Ameerikaa faana qabduuf jettee Chaayinaa hin qoolliiffattu jedhan.

    UK'n carraawwan diinagdee Chaayinaan dhiyeessituuf hin diddu jedhan Istaarmar.

    Gaaffiif fi deebii Bloomberg News,waliin tolchaniin Kiir Istaarmar, daawwannaan isaanii kun kaampaanota Biriitishiif "hireewwan murteessoo" fidee dhufa jedhan.

    UK'n Chaayinaa faana hariiroo qabduu fi michummaa cimaa US waliin qabdu jabeeffachuu keessaa walii tokko filachuuf hin dirqamtu jedhan.

    Byyoota humna jajjaboo lamaan Ameerikaa fi Chaayinaa jidduu dorgomiin daldalaa waggoota dhiyoo dabalaa dhufeera.

    UK'n hariiroo jabaa daldalaa, nageenyaafi waraanaa US waliin qabdu ni cimsatti, garuu Chaayinaa qoolliffachuudhaan miti , sun waan hiika qabus miti jedhan Istaarmar.

    MM Istaarmar faana dureeyyiin UK hedduun Chaayinaa ni deemu jedhameera.

    Ministirri muummee Teresaa Meey erga bara 2018 Chaayinaa daawwatanii waggoota saddeet booda dha minisitirri muummee UK Istaarmar Chaayinaa daawwachuuf kan jiran.

    Torbaanota dhiyoo, Preezdaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, michuuwwan Ameerikaa Giriinlaadnirratti dura dhaabbachuun wal qabatee taarifaan doorsisaa ture.

    Tiraamp Kaanaadaan Chaayinaa faana waliigaltee daldalaa yoo seente Ameerikaan oomisha Kaanaadaarra taarifa parsantii 100 keessi jechuun dhaadatanii jiru.

    Ministirri muummee Kaanaadaa tibbana Chaayinaa daawwachuun ni yaadatama.

  9. Finfinneetti dargaggeessa qunxurroo guutumatti ofirraa mure baqaqsanii yaaluun deebi'ee hodhameef

    Taateen Sanbata Xiqqaa darbe dargaggeessi jiraataa magaala Finfinnee ta'e tokko ofirratti raawwate waan nama dhagahuufuu hin tolle.

    Namni ofirratti gara jabina hangamii mul'isuu akka danda'us waan akeekedha.

    Magaala Finfinneetti dargaggeessi umriin isaa naannoo ganna 20 ta'e itti yaadee, karoorfatee qaama saalaa isaa ofirraa muree lafa buuse.

    Hospitaala Ispeeshaalayizid Alartitti Ispeeshaalistii yaala pilaastik sarjarii kan ta'an Dr. Abdurazaaq Alii taatee kana ilaalchisuun gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, dargaggeessi kuni 'sababa mataa isaatiin qaama saalaasaa ofirraa mure' jechuun ibsu.

    Halkan keessaa naannoo sa'aatii ja'aatti qunxurroosaa kan ofirraa mure dargaggeessi kuni, deeggarsa maatiitiin gara buufata fayyaa naannoo jirutti geeffame.

  10. Tiraamp qondaala 'mootii daangaa'(border tsar) jedhamu Toom Hoomaan Minisootaatti ramade

    Qondaalli immigireeshinii Ameerikaa US, Miniyaappoolis keessaa akka bahu eegamaa jira

    Kunis Waayit Haawus tarkaanfii seera raawwataa jiruun lammiileen Ameerikaa lama ajjeefamuun booda adeemsa laaffisuu akeekeera.

    Komaandarri To’annoo Daangaa, Giriigoorii Boovinoo achii bahuu hordofee ''mootii daangaa'' kan jedhamu Toom Hoomaan seera raawwachiisuu Minisootaa muddamni itti jabaate hogganuuf jira.

    Murtoon Tiraamp kuni tarkaanfii cimaa guutummaa biyyattiitti godaantota irratti geggeessaa jiru duubatti deebisaa jiraachuu agarsiisuu mala.

    Tahus godaantota gaadanii qabachuun itti fufuun tarkaanfii kuni akka hin dhaabbanne agarsiisa.

    Boovinoon yeroo narsiin Pireetii jedhamu ajjeefamu tarkaanfii fudhatamaa ture nama hogganaa ture dha.

    Hogganaan to’annoo daangaa kuni Pireetiin ''poolisoota federaalaa fixuu barbaade,'' jechuunsaa ammoo dheekkamsa guddaa itti kaaseera.

    Waajirri Nageenyaa Biyya Keessa Ameerikaa seera raawwachiiftonni of irraa ittisuuf jedhaniit itti dhukaasan, qawwee hidhatee ture hiikkachiisuuf jennaan dide jedhan Sambata darbe.

  11. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Haala bulchiinsa Minisootaa keessa jiru akkasumas odeessaalee biyya keessaa fi alaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!