Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinneetti dargaggeessa qunxurroo guutumatti ofirraa mure baqaqsanii yaaluun deebi'ee hodhameef
Taateen Sanbata Xiqqaa darbe dargaggeessi jiraataa magaala Finfinnee ta'e tokko ofirratti raawwate waan nama dhagahuufuu hin tolle.
Namni ofirratti gara jabina hangamii mul'isuu akka danda'us waan akeekedha.
Magaala Finfinneetti dargaggeessi umriin isaa naannoo ganna 20 ta'e itti yaadee, karoorfatee qaama saalaa isaa ofirraa muree lafa buuse.
Hospitaala Ispeeshaalayizid Alartitti Ispeeshaalistii yaala pilaastik sarjarii kan ta'an Dr. Abdurazaaq Alii taatee kana ilaalchisuun gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, dargaggeessi kuni 'sababa mataa isaatiin qaama saalaasaa ofirraa mure' jechuun ibsu.
Halkan keessaa naannoo sa'aatii ja'aatti qunxurroosaa kan ofirraa mure dargaggeessi kuni, deeggarsa maatiitiin gara buufata fayyaa naannoo jirutti geeffame.
Buufanni fayyaa inni deemes qaama saalaa inni ofirraa muree lafa buuse kana cabbii keessa kaa'uun bakka yaala fooyya'aa itti argachuu danda'u barbaacha hospitaalotatti bilbilan.
"Buufanni fayyaa dargaggeessi kuni yaalaaf geeffame gara Hospitaala Alartitti bilbilanii yaalii kana akka qabnu nu gaafatan. Nu biratti yaala argachuu akka danda'u erga itti himnee booda dargaggeessa kanaa fi qaama saalaa inni ofirraa kute ambulaansiidhan ergan," jedhan Dr. Abdurazaaq.
Sanbata Xiqqaa halkan kan ofirraa kute, Hospitaala Alartitti kutaa baqaqsanii yaaluu kan qaqqabe ofirraa kutee sa'aatii sagal booda akka ta'e himu.
Garee baqaqsanii yaaluu qaama saalaa guutumatti murame kana deebisanii suphuu kana kan dursan Ispeeshaalistiin pilaastik sarjarii fi deebisanii ijaaruu qaamaa kan ta'an Dr. Abdurazaaq Aliiti.
Akka isaan jedhanitti, dargaggeessi kuni yeroo hospitaala isaaniitti yaalaaf dhufu dhiigni baayyeenis kan hin dhangalaanee fi fayyummaa gaariirra kan ture akka ta'e himu.
Garee isaanii waliin ta'uun qaama saalaa guutumatti murame kana deebisanii suphuu yaalii sa'aatii ja'aa ol fudhate milkaa'inaan raawwachuus dubbatan.
"Sa'aatii sagal ta'ee jira yeroo nu bira gahu. Qaamni murame kuni sa'aatii kana hunda sochiin dhiigaa irraa dhaabbatee oksijiiniis hin argatu ture. Guutummaan guututti muramee waan tureef."
"Dargaggeessi kuni yeroo nu bira dhufu haaal adda ta'erra hin turre. Baayyee dhiiguus hin qabu. Miira dhukkubbii xiqqoo qofa qaba. Buufanni fayyaa inni deeme qunxurroo murame cabbii keessa awwaalanii gara keenya fidan," jedhan.
Qaama saalaa murame kana cabbii keessa awwaaluun sochii dhiigaa adda cite kuni hanga deebi'ee walitti suphamutti yeroon akka argamuu fi seelonni achi keessa jiran akka dafanii hin duuneef gargaara.
Qunxurroon murame milkaa'inaan deebifamee itti hodhame
Akka Dr. Abdurazaaq jedhanitti, qaama saalaa murame deebisanii hodhuun ammaan dura Itoophiyaa keessatti yaaliin godhaman turanis yaalii milkaa'inaan raawwatame akkanaa garuu kan jalqabaa akka ta'e himu.
"Kana dura Itoophiyaa keessatti yaaliin akkanaa yaalamee beeka. Kana dura kan ture garuu hiddawwan dhiigaa fi narvoota tokko tokkoon deebisanii suphuu osoo hin taane qaamuma murame deebisanii itti hodhuu ture. Ujummoo fincaanii fi utubaawwan isaa qofatu hodhama ture"
"Bu'aan isaas irra hedduun milkaa'ina hin qaban ture. Muraasni kan bu'a qabeessa ta'an jiru. Sadarkaa yaalaa nuti miilana hojjenne kanaan yoo hojjetamu garuu yaala jalqabaati," jedhan.
Qaamni namaa guutumatti yoo murame deebi'ee yaaliidhaan suphamee milkaa'uuf turtiin erga muramee ture gahee guddaa akka qabu kan himan ogeessi kuni, bakki qaama muramees gargaarummaa fiduu akka malu akeeku.
"Akka qorannowwan agarsiisanitti, qunxurroo irra irreewwan waan hin jirreef muramee hanga sa'aatii 16 turuu danda'a. Qaama gara kaan bakka irreen jiru yoo ta'e irreewwan kuni dafanii waan du'aniif sa'aatii afur caalaa turuu hin danda'u," jedhan.
Qunxurroo guutumaan guututti muramee cabbiidhaan awwaalamee dhufe kana bakka irraa murametti deebisanii hodhuun sa'aatii ja'aa ol kan fudhate yoo ta'u, hojiin sa'aatii dheeraa fudhate hidda dhiigaa fi narvoota deebisanii walqunnamsiisuu ta'uus himu.
Qunxurroon kuni deebi'ee qunnamtii saalaa gochuu danda'aa?
Yaaliin kuni yaalii milkaa'inaan xumurame kan jedhan Dr. Abdurazaaq, dargaggeessi kunis ta'e qaamni saalaa deebi'ee hodhame kuni adeemsa fayyiinsaa gaarirra jiraachuu himu.
"Amma ujummoo gooneefiiti kan fincaan fincaa'u. Yeroo torbee sadii keessatti qaama saalaasaa fayyadamee fincaa'uu ni eegala," jedhu.
Dargaggeessi gara jabinaan qunxurroo ofirraa mure kuni turtii ji'oota sadii booda qamani saalaasaa kuni qunnamtii saalaa raawwachuuf gahaa ni tahas jennee abdannas jedhu.
"Qaamni saalaasaa kuni amma yoo dhaabachuu jedhe hojii amma hojjetameefii jiru kana balleessuu danda'a. Narvootni guyyaatti milimeetira tokko guddachaatii fayya. Kanaaf, hanga ji'a sadii hin heeyyamamu. Ji'a sadiin booda guutumatti qophii ta'a jennee abdanna," jedhan Dr. Abdurazaaq.
Seelonni miiraa qunnamtii saalaaf kakaasan hanga guutumatti deebi'anitti hanga ji'oota shanii turuu akka malus dabaluun ibsan.
Dhiiroti qaama saalaa ofii muran yeroo baayyee kan rakkoo fayyaa sammuu qabaniifi gargaarsi hatattamaa isaan barbaachisu akka tahe qorannoowwan yeroo gargaraa geggeefaman ni agarsiisu.
Haalli kuni dhimma akkaan darbee, darbee mudatu yoo tahu, namoonni kunneen amala of miidhuu jabaa tahe kan agarsiisanidha.
Haatahu malee, BBC'n haalli nama gabaasa kana keessatti seenaansaa barreefame dhibee fayyaa sammuu wajjin hidhata qabu qabaachuu hin mirkaneessine.