Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liibiyaatti namoota 28 godaantota ugursiisuun Birrii Biliyona 2.1 walitti qabatanirratti himanni baname
Abbaan Alangaa Federaalaa, namooota godaantota "karaa seeraan alaa daangaa Itoophiyaa" keessaa erga baasanii booda Liibiyaa keessatti ugguramanii maallaqni akka irratti gaafatamuufi karaa "baayyee hamaa" ta'een akka gidirfaman godhaniiru jedhe 28 irratti himata banuu beeksiseera.
Godaantota himatamtoota kanaan daddabarfaman kanneen keessaa lama lubbuun isaanii darbee, namoonni 15 "eessa akka bu'an akka hin baramiin," ibsameera.
Shakkamtoota himanni irratti baname keessaa namoota saddet qofaan maallaqni walitti qabame "Birrii Biliyoona 2.1" akka ta'e Abbaan Alangaa beeksiseera.
Akka odeeffannoo Ministeerri Haqaa Kibxata har'aa, Amajji 17, 2026 baase agarsiisuutti, himannaan kun kan baname, "karaa toora Liibiyaatiin daddabarsitoota gurguddoo dhala namaa daldalan irratti xiyyeeffachuun" qorannoo taasifame ka'umsa godhachuunidha.
Dhaabbileen federaalaa qorannoo kanarratti hirmaatan keessatti Ministeerri Haqaa, Poolisiin Federaalaa, Tajaajilli Tikaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa, akkasumas Nageenya Odeeffannoo Faayinaansii keessatti argamu.
Himannaan Abbaan Alangaa Mana-murtii Olaanaa Federaalaa irratti bane kun, namoonni kunneen "garee yakkamtootaa gurmaa'aa ijaaruun" akkasumas "dallaalota xixiqqoo biroo isaan jalatti hojjetan qacaruun" godaantota daddabarsaa akka turan ibsameera.
Odeeffannoon Ministeerri Haqaa baase, "himatamtoonni kunneen naannoo Baahir Daariifi Gondaritti qacaramtoota namoota karaa daangaa Sudaan daddabarsan qopheessuun karaa al-idilee ta'een biyyaa baasaa turaniiru," jedha.
Godaantota, "karaa seeraan alaa daangaa Itoophiyaa keessaa erga baasaniin" booda "Liibiyaa geessuun magaazinoota keessatti ugguraa" akka ture ragaan kun ni mul'isa.
Magaazinoonni godaantonni keessa tursiifaman, kanneen "himatamtoonniifi warri isaan waliin hojjetan" bulchan akka ta'e kan eeru ragaan kun," nyaata lubbuun akka turan isaan gahu qofa akka argatan gadhu," jechuun dabaluun ibsa.
Maatiin godaantotaa "maallaqa guddaa" akka kaffalaniif gaafataa akka turaniifi hanga maallaqni kaffalamuttis namoota "akka idaatti qabatanii turan" jechuun himatamaniiru.
Godaantonni "saffisaan maallaqni" hin kaffalamneef "haala baayyee sukkaneessaa ta'een tumaafi gidirsaa viidiyoo waraabaa gara maatii isaaniitti ergaa maallaqa akka kaffalaniif dhiibbaa taasisaa turaniiru," jechuun himateera.
Walumaagalatti namoonni himanni irratti baname namoota 1,800 karaaseeraan alaa akka daddabarsan kan ibse Ministeerri Haqaa Itoophiyaa, isaan keeessaa eenyummaan godaantota 85 adda baafamuu ibseera.
Warra eenyummaan isaanii adda baafame keessaa lama lubbuun isaanii kan darbeefi lama ammoo "sababa reebichaatiin dhukkubaaf " saaxilamuun isaanii mirkanaa'eera jedheera.
Namoonni 15 ammoo "bakka isaan bu'an kan hin baramiin" ta'uu mirkanaa'uu beeksiseera.
Akka himanni Abbaan Alangaa bane ibsutti, warra ugguraman hiiksisuudhaaf maallaqni kaffalamu kanb sassaabamu "baank akkaawontii [herrega baankii] himatamtoota saddetiifi warra isaan waliin hojjetan fayyadamuun" jedhameera.
"Karaa namoota saddet maallaqa sassaaban qofa Biririn 2,160,863,361 sassaabamuu galmeen Abbaa Alangaa ni mul'isa," jechuun Ministeerri Haqaa ibseera.
Maallaqa sassaabama "daddafanii" yeroo itti fayyadamaniifi "warra isaan waliin hojjetaniif kaffaltaa" raawwataa turan kan jedhu ragaan kun, maallaqni "baasii daddabarsuurraa" maallaqa hafe biyya alaafi biyya keessatti qabeenyi ittiin horatameera argamuu ibseera.
AAbbaan Alangaa shakkamtoota to'ataman 28 irratti himannaawwan sadii akka bane ibseera.
Himanni jalqabaa, "yakka cimaa dhala namaan daldaluu" yoo ta'u, "maallaqa ykn qabeenya gocha yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuu" gochi jedhus himannaawwan kanneen keessaati.
Himanni sadaffaan ammoo, "daddabarsa maallaqaa seeraan alaa hojjechuun yakka qabeenya miliqsuu" akka ta'e ibsameera.
Manneen, konkolaataawwan, akkasumas Birriin miliyoona 71 ol ta'u himatamtoonni horatan, "beenyaaf akka ta'utti" dhorkamuu Ministeerri Haqaa beeksiseera.