Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoota Afrikaa 10 bara 2025 humna waraanaan jajjaboo tahan, loltuufi baajata isaaniin yoo ilaalamu
Gabaasa 'Global Firepower' humna waraanaa biyyoota Afrikaa gurguddoo 10 ilaalchisee kan bara 2025 baaseen Masiriin sadarkaa tokkoffaan dursaa jirti.
Kunis humna lafoo guddaa qabaachuu, hidhannoo meeshaa waraanaa ammayyaa, qaxanaa isaanii keessatti humna galaanarraa fi qilleensarraa jabaa qabaachuun kan madaalamaniidha.
Masiriin humna waraanaa jabaa, taankii fi konkolaattota yeroo waraanaaf oolan fi heelikooptera waraanaa hedduu qabaachuun dursiti jedha gabaasni baase.
Masiriin loltoota idilee 440,000 fi humna eeggataa baayee fi humnoota leenjii loltummaa gahaa qaban biroos qabdi.
Gabaasni kun baajata humna waraanaa Masirii waggaa tokkotti doolaara biliyoona 5.88 akka tah eibse.
2- Aljeeriyaa
Humni waraanaa Aljeeriyaa loltoota idilee fi eeggataa meeshaa waraanaa ammayyaa hidhatee fi waraana lafoo irratti meeshaalee ammayyaan gaggeeffamu kan hidhatedha.
Humni qilleensaa isaanii jabaa yoo tahu humni waraanaa Aljeeriyaa yero hundaa daangaa tiksuuf akka qophaa'etti kan taa'e jedhama.
Hamma Meeditiraaniyaaniitti dacha'uun humni waraanaa Aljeeriyaa jabaatee ijaarameera jedha gabaasni kun.
Humna waraana galaanarraa fi qilleensarraan yoo utubamu humna jabaadha jedhe.
Gabaasa 'Global Firepower' baaseen baajanni humna waraanaa Aljeeriyaa waggaatti sdoolaara biliyoona 25 taha jedhe. Bara 2023 doolaara biliyoona 23 ture.
Baajanni isaanii kan Masiriin dachaa shaniin caala.
3- Naayijeeriyaa
Naayijeeriyaan humna waraanaa ishee kan ilaaltu baay'ina loltuu qabduuni. Humna waraanaa qilleensarraa, humna waraanaa farra shororkeessaa biyya keessatti ijaarteen yoo ilaalamu waliigalaan humna guddaa sadaffaa Afrikaa keessaatti jedha gabaasichi.
Lakkoofsi humna waraanaa isaanii 230,000 yoo tahu, humna addaa biyya keessatti hidhattoota lolus qofaatti qabdi.
Baajanni waraanaa Naayijeeriyaa waggaatti doolaara biliyoona 3.16 taha jedhe.
Afrikaa Kibbaa
Humni waraanaa Afrikaa Kibbaa ogummaa guddaa qabaachuun beekamu jedhe. Humna ittisaa ammayyaa jabaa, humna waraanaa madaalawaa lafarraa, qilleensarraa fi galaanarraa qabu.
Biyyattiin xiyyaarota waraanaa ammayyaa kan qabdu yoo tahu, oppireeshinii galaanarraa milkaa'aa gaggeessuu danda'u.
Humni waraanaa isaanii waraana idilee fi nagaa kabachiisuuf leenjii gahaa kan qabanidha.
Lakkoofsi loltoota isaan qabanii dorgomtoota isaanii gadidha. Garuu gahumsaa fi meeshaalee waraanaa ammayyaa hidhachuun olaanoodha.
Baajanni waggaatti waraanaaf ramadan hedduu hin beekamu. Garuu kan bara kanaa gara doolara biliyoona 3.1 taha jedhame.
5- Itoophiyaa
Humni waraanaa Itoophiyaa irra caalaan isaa lakkoofsa loltoota lafoo irratti hundaa' jedhe gabaasni kun.
Waraana lafoo gaggeessaniinis humna waraanaa guddaa tahuu agarsiisaniiru jedhe. Biyyattiin lakkoofsa waraanaa guddaa hiriirsisuu fi humna waraanaa qilleensarraan utubuun beekamti jedha.
Humni qilleensaa Itoophiyaa qaxanicha keessatti isa jabaa tahuus ibseera.
Xiyyeeffannoo isaa humna lafoo ijaaruu, ittisa daangaa fi nageenya biyya keessaa kabachiisuu irratti kan xiyyeeffatedha jedhe.
'Global Firepower' gabaasa bara kanaa baaseen baajanni waraana Itoophiyaa gara doolaara biliyoona 2.10 taha jedhe.
6- Angoolaa
Angoolaan humna lafoo irratti investi gochaa turte. Humna qilleensaa gaarii tahee fi humna galaanarraas qabdi jedhe.
Irra caalaan humna waraanaa ishee kan ijaarame nageenya biyya keessaa kabachiisuu fi eegumsa daangaafi jedhe.
Baajanni waggaa waraana isheef qabatte kan bara kanaa doolaara biliyoona 1.1 akka tahes ibse.
7- Morookoo
Humni waraanaa Morookoo kan ijaarame humna waraana lafoo baay'ee, taankii ammayaa hedduu, konkolaattota waraanaa hedduu, xiyyaarota waraanaa fi galaanarraan ammoo hanga Meditiraaniyaanii fi Atilaantikitti socho'uun kan hojjechuu danda'udha.
'Global Firepower' baajata waggaa Morookoo gara doolaara biliyona 13 olidha jedhe.
DR Koongoo sadarkaa saddeettaffaa qabatti. Kunis lakkoofsa uummataa bal'aa qabdu keessaa loltoota hedduu leenjisuu isheen yoo tahu, meeshaalee ammayyaa hidhachiisuu fi leenjii ammayyaan garuu hanqina qabdi jedhe.
Baajanni waraana waggaa kan baranaa gara doolaara miliyoona 800 taha jedhe.
Sudaan biyyi ofiifuu waraana hamaa keessa jirtu kana dura humna waraanaa addaa nageenya biyya keessaa eega jedhamee leenji'e qabdi ture.
Garuu walii isaanii gidduutti waraanatti galan. Silaa humna lafoo fi qilleensarraa gaarii akkasumas humna waraanaa galaanarraa qabaachuun beekamti.
Baajanni waggaa kanaa doolaara miliyoona 342 taha.
Kudhannaffaa irra kan jirtu Liibiyaadha. Liibiyaan gulantaan ajaja waraana biyyattii haa cacabuyyuu malee duraan kan ijaarame humna lafoo jabaa, humna qilleensarraa fi galaanarraa waliin qindoomuun ture.
Liibiyaanis akkuma Sudaan rakkoo keessoo hamaa qabdi. Baajanni waraanaa waggaa kanaa doolaara biliyoona sadii akka caalu ibseera gabaasichi.