Liibiyaatti reenfi namoota 42 bakka tokkotti awwaalamee argame

Liibiyaan Jaarmiyaan namoota dhabaman barbaaduurratti hojjetu- Missing Person Authority jedhamu, magaalaa qarqara galaanaa taate Sirxi keessatti ammas awwaalcha jumlaa kan biraa argachuu beeksise.

Dhaabbati kun reenfi namoota achi buuteensaanii dhabamee turee 42 bakka tokkotti awwaalamee argamuu ibse.

Aanga’oonni mootummaa akka jedhanitti, eddoon awwaalcha jumlaa kunis dirree mana barnootaa durii keessatti argamudha jedhameera.

Eddoon amma awwaalchi jumlaa kun itti argame jedhame kunis bara 2015- 2016 jidduutti naannawa garee Bulchiinsa Islaamaa (IS) to’atame tureedha jedhameera.

Haaluma walfakkaatunis eddoon awwaalcha jumlaa lammiilee Itoophiyaa Kiristaanoota ta'an 34 gareedhuma IS kanaan ajjeeffamunsaanii ni yaadatama.

Eddoon awwaalchi jumlaa lammiilee Itoophiyaa 34 kunneen itti awwalamanis dhiheenya magaalaa Sirteetti argame ture jedhameera.

Bakkeen awwaalcah jumlaa kunis kan argame erga gareen IS yoo xinnaate dhiiroota miseesna isaa 28 ajjeesuu karaa viidiyootiin tamsaaseen waggoota sadiin booda ture.