Meeshaa waraanaan Yukireenii tumsuu ilaalchisee gaaffiin Firaansi irratti hammaate

Firaansi biyyoota Awurooppaa keessaa damee humna waraanaa fooyya'aa qabaachuun dursuuf osoo hojjechaa jiraachuu himattuu akkamiin deeggarsi Yukireeniif taasifte akkaan gadi aanaata'e? Kun gaaffii irra deddeebiin biyyattii kanaaf dhihaatuudha.

Namoonni gameeyyiin Yukireen dursuun dubbatan yeroo baayyee gaaffii kana kaasu. Pireesidant Imaanu'eel Maakroon meeshaa waraanaa dabalataa Yukireeniif akka kennan guyyuu ni gaafatu.

Xiinxala tibbana Poolaand fi Yukireen keessatti taasifameen deeggarsi meeshaa waraanaa Firaansi Yukireeniif taasiftu dhibbeentaa lama qofa.

Kun ammoo kan US-dhibbeentaa 49, Kan Poolaand dhibbeentaa 22 fi kan Jarmanii dhibbeentaa 9 irraa baayyee gadi bu'aadha.

Qondaalli Paaris tokko Firaansi baayyina gumaacha meeshaalee waraanaan boodatti hafuun dhuguma jedhan.

Garuu jedhan, ''kan barbaachisu baay'ina osoo hin taane qulqullinaa fi bu'a qabeessummaa meeshaalee waraanaati,'' jedhan.

Institiyuutii Qorannoo Tarsimoo Idil-addunyaatti gorsaa Awurooppaa kan ta'an François Heisbourg dabaluun, ''biyyoonni kaan meeshaa yeroon irra darbe heddumminaan yoo kennan, Firansi garuu kan ammayyaa'aa ta'e 18 kennite. Meeshaa kanatu dirree waraanaa irratti galateeffatamaa jira,'' jedhan.

Firaansi akuma biyyoota lixaa kaanii, waraana hololaa booda hamma meeshaa waraanaa ishee hir'isteetti jedhan.

Haata'u malee meeshaan waraanaa yeroo ammaa Yukireen harkaa qabdu hedudun kan Firaansi gumaahciteef.

Firaansi durumaanuu biyyoota Naanawa Saaheel fi Indoo paasifik jedhaman keessatti deeggarsa meeshaa waraanaa kenniti.

Meeshaa waraanaa dabalataan Yukireeniif kennuuf ergamni isheen biyyoota kunneen keessatti qabdu balaaf saaxilama.

Jérome Pellistrandi- qondaallihumna ittisaa Firaansi, ''Firaansi biyyota kaan biraa boodatti haftee miti, ga'ee irra eegamu ba'achuuf qophiidha,'' jedhan.

Aab Heisbourg gaaffiin Firaansi irratti ka'aa jiru biyyattiin akka deeggarsa kennuurraa duubatti deebitu ishee taasisa jedhan.

''Wayitan Kiiv keessa ture miirri akkasii hin turre. Firaansi ga'eeshee hin baane yaadi jedhu hin turre. Boodarra Firaansi qooda hin gumaachine kan jedhun dhagahe,'' jedhan.

Yukireen biyyoota meeshaa waraanaa isheen feetu dhiheessaafii jiraachu himtu waliin dubbachuu dandeessi, ammaaf Firaansi biyyoota kunneen keessa hin jirtu jedhan qondaalli kun.

Garuu Faransaayiif ammallee balaan biraa jira. Yukireen keessatti qoodi isheen qabdu dhabamuun damee ittisaan Awurooppaa keessatti dursa argachuuf carraaqqii gootu kan laamshessudha. Duraanis biyyoonni baha Awurooppaa hedduun pirezidaant Maakroon irraa of eeggachaa jiru, isaanis ji’oota jalqabaa waraana kanaa keessatti Vilaadmiir Puutiiniin garmalee ofitti qabeera jedhanii amanu. Yunivarsiitii Kuwiin Meerii Landanitti waa'ee nageenya idil-addunyaa irratti kan barsiisan Piyeer Haaroche'f, gaaffiin Firaansi irratti ka'u kun haqa qabeessa miti - akkasumas sababa Firaansi meeshaan waraanaa Yukireeniif kennitu gadi aanaa ta'eef miti. Haa ta'u malee, biyyoota Awurooppaa bahaa akka Poolaandi "hundi keenya fuula tokkorra jirra" jedhanii mirkaneessuuf, Faransaay gumaacha ishee guddisuu qabdi jedhan.