Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Muddamni Iraan maaliif biyyoota Arabaa akkaan yaaddesse?
Yeroo muddamuu fi waldhabdeen Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru deebi'ee hammaatetti, yaaddoon biyyoota Arabaa Galoo Galaana akka malee dabaleera.
Waraanni Iraan irratti banamu, waldhabdee bal'aa guutuu baha giddu galeessaa tasgabbii dhabsiisuu danda'u uumuu mala.
Sa'uudii Arabiyaa, Qaataarii fi Omaan pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan irratti haleellaa waraanaa akka hin raawwanne dhorkuuf tattaaffii dippiloomaasii cimsaa jiru.
Tarkaanfiin waraanaa Ameerikaan Iraan irratti fudhattu balaan isaa biyyoota ollaa hin hanqatu.
"Biyyoonni Galoo Galaanaa waldhabdee Ameerikaa fi Iraan keessaa bilisa ta'uu hin danda'an. Jaalatanis jibbanis dirree waraanaa ta'uun isaanii waan hafu miti'' jedhu xiinxaltootni.
Waldhabdeen waraanaa Iraan hirmaachisu kamiyyuu balbala fi ollaa biyyoota Galoo galaanaa akka Sa'uudii Arabiyaa, Kuweet, Baahireen, Kaataar, Yunaayitid Arab Emireetis fi Omaa durtti kan raawwatamuudha.
Qondaalli Sa'uudii tokko akka jedhutti, biyyoonni Galoo Galaanaa sadan (Sa'uudii Arabiyaa,Kaataarii fi Omaan) pirezidaantiin Ameerikaa amansiisuudhaan hoggantoonni Iraan dhiifama akka gaafataniif jaarsummaa yaalaa jiru.
Tattaaffiin dippiloomaasii akka gaggeefamuu fi wal amantaa cimsuufis akkaataa biyyootni lamaan itti fufiinsaan mari'achuu danda'an irratti haala mijessuuf akka carraaqaa jiran gabaasaleen dhimmaa baha giddu galeessaa irratti xiyyeefatan kan eeran.
Yaaddoon kun kan madde biyyootni kunneen ollaa Iraan ta'uu isaanii irraayyi.
Sa'uudii Arabiyaa fi Iraan bara 2023 jaarsummaa Chaayinaatiin hariiroon isaanii deebi'ee fooyya'ee ture.
Waliigaltee nagaa fi haala dippilomaasii tasgabbaa'aa ta'e qabaachuuf dhimmoota isaan dandeessisuu fi dhimma keessoo walii gidduu seenuu irraa of qusachuu dabalatee dhimmota heddu irratti hariiroo isaanii fooyyessanii ture.
Biyyoonni Galoo Galaanaa Ameerikaa keessatti humna dinagdee guddaa fi invastimantii guddaa kan qaban yoo ta'u, akkasumas Chaayinaa dabalatee biyyoota gurguddoo addunyaa biroo waliin hariiroo madaalawaa ta'e qabatanii deemuu barbaadu.
Dippilomaasiin isaanii irra caalatti Iraan baraaruu utuu hin taane, naannoon Galoo Galaanaa waldhabdee kamirraayyuu bilisa akka ta'u gochuudha.
Barreessaa fi xinxalaa siyaasaa Omaan kan ta'an Ahmed Shizawi, biyyoonni Galoo Galaanaa sirna dippilomaasii gaarii ta'e biyyoota gurguddoo waliin qabaniin dhiibbaa uumuu akka danda'an ibsa.
Haa ta'uu malee ammatti Tiraamp jaarsummaa kanaan tarkaanfii fudhachuufi dhiisuu dandanda'aa? kan jedhu ifa miti.
Yaaddoo Dinagdee
Yaaddoon biraa biyyoota Galoo Galaana Arabaa inni bira dhimma nageenya al-ergii boba'aati.
Dhiyeessiin boba'aa addunyaa keessaa gara harka shanitti kan tilmaamamu karaa bo'oo dhiphoo Omaan fi UAE'n to'atamu 'Strait of Hormuz' jedhamu keessa darba.
Iraan haleellaa irratti raawwatamu haaloo ba'uuf ammoo bo'oo kana cufuuf ykn jeequuf waanti gootu kamiyyuu ulaa diinagdee biyyoota kanatti balbala cufuudha.
Haalli kun gabaa boba'aa addunyaa gara jeequmsaatti jijjiiruun diinagdee Galoo Galaanaa kanneen boba'aa fi gaazii al-ergii irratti baay'ee hirkatan kallattiin balaadhaaf saaxiluu danda'a.
Waggoota 20 darban keessa biyyoonni Galoo Galaanaa hirkattummaa boba'aa irraa ba'uuf diinagdee isaanii dameewwan adda addaa akka turizimii, teeknooloojii, eegumsa fayyaa, fi invastimantii irratti xiyyeeffachuuf yaalaaniiru.
Haa ta'u malee, jalqabbii kun ammallee haal-duree nagaa naannichaa irratti kan hirkatu yoo ta'u haleellaan Ameerikaan Iraan irratti raawwachuu dandeessu kamiyyuu dhiibbaa guddaa irratti qabaata.
Addunyaa irratti gaazii uumamaa dhangala'aa (LNG) alatti erguun ga'ee guddaa kan qabdu Kaataar keessumaa rakkoon nageenyaa fi Tasgabbii isheef balaa guddaadha.
Sababiin isaas ergiin ishee hundi jechuun ni danda'ama bo'oo Hormuz keessa darbuu qaba.
"Nagaa fi dinagdee isaanii eeguuf akkasumas biyyoonni isaanii waldhabdee idil-addunyaa keessatti dirree waraanaa akka hin taaneef, yeroo hunda tarkaanfii waraanaa fudhachuu caalaa mootummaa Ameerikaa daandii dippilomaasii irratti harkisuu kaayyeffatanii dippilomaasii fayyadamu'' jedha Barreessaa fi xiinxalaan siyaasaa Omaan kan ta'an Ahmed Shizawi.
Ameerikaa waliin tumsa uumuu itti fufaniiru, yeroo wal fakkaatutti ammoo ollaa isaanii guddaa kan taate Iraanittis michoomuu ni barbaadu. Waashingitan waliin tumsa uumuu fi Tehran waliin michoomuu gidduu turuun kun ammallee isaanif qormaata guddaadha.
Mootummaan Iraan amma jiru kufuun dantaa biyyoota Galoo Galaanaati?
Akka xiinxaltootni jedhanitti Iraan keessatti milishootni walmorkatan akka uumaman ykn gareewwan fottoqan akka hin jiraanne waan sodaataniif, biyyoota kanneen keessatti kufaatii mootummaa Iraan mudachuu malu irratti shakkii fi yaaddoon guddaa qabu.
Akka maddeen BBC'tti himanitti taatee akkanaa Iraan qofa irratti kan daangeffamu hin ta'u.
Iraanis haleellaan Ameerikaa irraa ishee irratti raawwannaan buufataalee waraanaa Ameerikaa naawwa baha giddu galeessaa keessa jiran irratti haleellaa akka raawwattu irra deddeebiin akeekkachiifterti.
Ameerikaan biyyoota baha giddu galeessaa heddu keessaa buufata qabdi.
Kana malees, mootummaan Ameerikaa fi Israa'eel dura dhaabbatu kuffisuun dhiibbaa Israa'el Iraan irratti qabdu akka dabalu yaaddoo qabu
Lammiin Sa'uudii fi hayyuun siyaasaa Baha Giddu Galeessaa Hisham Gahannam akka jedhanitti, mootummaan Iraan amma jiru "rakkoo keessoo" qabaatus, dhimma addunyaa irratti xiyyeeffata.
Mootummaan aangoo irra jiru erga kufee booda eenyu aangoo akka fudhatu mirkanaa'aa waan hin taaneef ,biyyoonni Galoo Galaanaa kufaatii tasaa caalaa jijjiirama sirna suuta suutaan taasifamu filatu jedhee amana.
Hayyuun Siyaasaa kun jijjiiramni mootummaa Iraan amma jiru kamiyyuu sadarkaa kanaan dura hin argamneen finxaaleyyii haaraan akka uumamaniif karaa saaquu akka danda'u akeekkachiisu.
"Kufaatiin Iraan kufaatii sirna Saadaam Huseen Iraaq keessatti caalaa balaa qabaata.
Sababni isaa waldhabdee sabaa fi amantii Iraan keessatti uumamee fi gareewwan hidhattootaa ishee waliin hidhata qaban magaalota gurguddoo Arabaa tokko tokko keessatti babal'achuu isaaniitiin." jedhu.
Walitti bu'iinsi walxaxaan akkasii namoota miliyoonaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqisuu, rakkoo namoomaa fi balaa nageenyaa adda addaa fiduu danda'a.
Akkasumas, milishoonni Iraaq, Libaanos, Yaman fi biyyoota biroo Iraan waliin hidhata qaban, mootummaan giddu galeessaa yoo kufe, "garee shororkeessummaa" walaba ta'uu danda'u.
Kun ammoo yaaddo balaa nageenyaa naannichaa daran hammeessa.
Ahmad Shizawiin kufaatiin mootummaa Iraan yeroo kanatti faayidaa biyyoota Galoo Galaanaa akka hin taane amana.
Sababiin isaas biyyoonni kunneen erga mootummaan amma jiru kufee booda mootummaan mata jabeessi biraa akka hin uumamneefi. Akka isaan jedhanitti, qaawwi siyaasaa kamuu nageenyi akka hammaatu fi miirrii farra Arabaa akka uumamu taasisa.
Kufaatiin mootummaa Iraan buqqaattootni gara biyyoota Galoo Galaanaatti akka baqatan, akkasumas meeshaaleen waraanaa seeraan alaa gara biyyoota kanneenitti galuu fi nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf balaa guddaa kan fidu ta'uus himu.
Gabaabumatti, tattaaffiin biyyoonni Galoo Galaanaa gama tokkoon waldhabdeen waraanaa akka hin kaane ittisuuf, gama biraatiin ammoo sirni Iraan "qeeqa isa mudachaa jirus" mirkaneessuuf godhan akka qaama mala "balaa hir'isuu" ta'uutti ilaalama.
Adeemsi kun mala waggoota dhiyoo asitti dippilomaasii biyyoota gurguddoo Galoo Galaanaa tokko tokkoo keessatti mul'atudha.
Kanaaf, biyyoonni gurguddoon Galoo Galaanaa, waldhabdee kallattiin naannicha keessatti ka'u isaan waan yaddessuuf gama dippiloomaasittin Waashingitan amansiisuuf carraaqqii isaanii itti fufu.