Miseensi Kongireesii Ilhaan Omaar osoo haasaa taasiftuu dhagala'aa waliinsaa hin beekamneen haleelamte

Miseensi Kongireesii Mineesotaa Ilhaan Omar Kibxata kaleessaa galma walga'ii bakka isheen waltajjii irratti dubbataa turtetti dhangal'aa ammaaf waliinsaa hin beekamneen haleelamuu ishee poolisiin Miniyaappoolis beeksiseera.

Namichi tokko walga'ii ummataa sanarratti erga gara isheen waltajjii irra jirtutti dhiyaateen booda waan dhangala'aa wayii yeroo itti biifu viidiyoon agarsiisu qoodameera.

Omaar garuu osoo hin miidhamiin dhaabattee mul'atti. Namichi kun battalumatti to'annoo jala oolfamuu fi bakka balaan kun itti dhaqqabe sanatti qorannoon fooransikii gaggeeffamaa akka ture poolisiin ibseera.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ilhaan Omar waanti hin beekamne itti biifamuu irratti deebii kennaniin '' Anillee waa'ee ishee yaaduu hin barbaadu. Garuu soba natti fakkata. Isheenumti tarii akka ishee irratti gochuu hin oolle, Garuu hin beeknee." jedhan.

Tiraamp fi Ilhaan jechoota adda addaa walitti darbachuun kan jalqabame amma miti. Kana dura somaalotni kosiidha jechuu fi Isheen ammoo obboleessa isheetti heerumtee jechuun qeeqaa ture.

Hiriirri ummataa tibbana magaalaa Miniyaappooliis keessatti geggeeffamaa kan ture yoo ta'u, Ilhaan Omaar gocha hojjatootni Immigireeshiinii fi Gumurukaa Minisootaa keessatti raawwatan balaaleffachaa ture.

"Gargaartoota ishee keessaa tokkotu yaadannoo irraa waa ilaaltu ykn waan akkasii isheef kennuudhaaf ol ba'e natti fakkaate," jette dubartiin Jaakulaayeen Goosling jedhamtu kan galma sana keessa turte.

Waanti biifame sun fooliin badaan isaa kutaa guutuu keessatti kan dhaga'amu ta'ullee dubbate.

Ilhaan Omaar toora miidiyaa hawaasaa X irratti "Ani nagaadha. Lubbuun ooleera. Jeequmsi xiqqaan kun hojii koo akkaan hin hojjenneef na sodaachisuuf hin ta'u. Namoonni nama doorsisan akka na mo'atan hin hayyamu"jette.

Ilhaan utuu namichi dhangal'aa san itti biife hin to'atamin dura haleellaa biraa akka irra hin geenye qolachuuf harka ishee ol kaasa turte.

Achiis yeroo gabaabaaf erga dhaabbattee booda haasaa ishee itti fufte. "Itti fufna... nuti jajjjabdoota Miniisootaati" jette.

Hirmaataan walga'ichaa biraa Alfireed Filowers jedhamu BBC'tti akka himanitti, ''hamilee fi kutannoo isheen hanga walga'icha xumurtutti galma magaalattii keessa turte na ajaa'ibsiisa'' jedhe.

Viidiyoon bakka sanarraa argame akka agarsiisutti namootni wayita namicha dhangal'aa sana biife kutaa keessaa wal'aansoodhaan baasani fuudhanii deeman mul'ata.

Namichi kun eenyu akka ta'eefi maaliif gocha akana raawwachuu akka barbaade ammatti gabaasni bahe hin jiru.

Dhangala'aan inni Omaar irratti biifee foolii oomisha keemikaalaa wajjin wal fakkaatu qaba ture jedha gaazexeessaan BBC kutaa sana keessa ture.

Jaaylaani Mohaameed Huseen pirezidaantiin dhaabbata mirga namoomaa Miniyaappoolis Keer jedhamu waa'ee miseensa mana maree kanaa ibsaniiru.

"Ilhaan Omaar waliin haasa'eera. Nageenya ishee naaf mirkaneessiteetti," jedha.

Haalli magaalichaa yeroo ammaa tasgabbaa'aa ta'uuniis ibsaniiru.

Kantiibaan magaalaa Miniyaappoolis Jaakoob Fireey miidiyaa hawaasaa irratti "Jeequmsi fi sodaachisaan Miniyaappoolis keessatti bakka hin qabu. Amalli akkanaa magaalaa keenya keessatti hin obsinu."

Bara 2019tti, Omaar lammii Somaaliyaa-Ameerikaa dhaloottuu Afrikaa jalqabaa fi dubartoota Musliimaa Ameerikaa lamaan jalqabaa Kongireesii Ameerikaa keessatti tajaajilan keessaa tokko taate .

Miseensi Kongiresii Ameerikaa Ilhaan Omaar arrabsoo Doonaald Tiraamp irraa irra deddeebiin irratti raawwatamu jeequmsa siyaasaa kaasuun rakkoo hammaataa fiduu akka danda'u akkeekkachifte turte.

Ilhaan Omaar, pirezidaanti Tiraamp Somaalootni biyyattii keessaa akka kaafaman erga gaafatee guyyoota muraasa booda haasawaa taasisaniin, afaan Tiraamp kan nama aarsu ''sadarkaa gidiraa dhala namaa isa hamaa ta'e'' jechuun ibsite.

Kana dura gaazexaa Gaardiyaanitti akka himteetti, ''namoonni na ajjeesuuf yaalanii to'annoo jala oolan jiru.

"Namoota na ajjeesuuf doorsisuun himataman jiru. Kunis waan sammuu keenya keessa jiruudha, garuu namoonni sun nama na fakkaatu Miniyaapoolis ykn guutuu biyyattii keessatti argachuun ana se'anii miidhaa irraan geessisuu danda'u jedhee na yaaddessa," jette.

Baatii darbe keessa qondaalli immigireeshinii tokko lammii Ameerikaa Renee Good rasaasaan rukutee erga ajjeeseen booda Minsisootaa keessa tasgabbiin hin jiru.

Torban darbes lammiin Ameerikaa Aleeksi Pireetiin jedhamu ergamtoota Immaigrisheeniin rasaasaan rukutamee lubbuun isaa darbuu hordofee mormiin hammatera.

Galma magaalattii keessatti Omar Immigireeshinii fi Gumuruuka (ICE) akka ''haqamu'' gaafachuun, barreessituu Ministeera Biyya Keessaa Kiristi Nohem ''hojii gadhiisuu yookaan aangoo irraa kaafamuu akka qabdu'' dubbatte. Yaadota kana booda ture namichi kan halellaa kana raawwate.

Qondaaltonni miseensa Kongireesii kun walga'ii ishee galma magaalattii akka adda kuttuuf gaafataa turan isheen garuu hanga xumuraatti itti fufte.