Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ilhaan Omaar Pireezidant Tiraampiin akka ''daa'ima ganna saddeetiitti bulchita'' jette
Miseensii Koongireesii Ameerikaa fi dhalattuun Somaaliyaa Ilhaan Omaar Pireezidant Tiraampiin akka ''daa'ima ganna saddeetiitti bulchita'' jechuun ciigde.
Miseensi Kongireesi US Ilhaan Omaara Pirezidaant Doonald Tiraamp biyyaatti akka ‘daa’ima ganna 8'tti bulchaa,” jira jechuun ciigde.
Ilhaan yaada kan kan kennite erga Tiraamp haasaa duula na filaadhaa isaaniirratti maqaa ishee dhahanii qeeqani booda. .
“Sababa isheettiin Minisootaa keessatti ni mo’anna'' jedhan Tiraamp haasaa isaanii keessatti.
"Akkamtiin akka biyya keenya bulchinu nutti himtaa, biyyaa keetti akkamiin bulchaa turtee? Biyyi kee akkamitti jira? Akkamiin biyya keenya akka bulchinu nutti himuu barbaaddi,” jechuun Tiraamp waa’ee ishee dubbatan."
Ilhaanis haasaa isaanii kanaaf Tiwiitara gubbaatti deebii yeroo kennitu jalqaba, kun biyyakooti miiseensaa qaama aangoorra si kaasuuf murteesse keessan jiras jechuun katabde.
Itti dabaluunis ''lammaffaa ammoo, umurii ganna 8'tti waraana baqadheen as dhufe. Daa’imni ganna 8 biyya hin bulchitu ta’us garuu ati akka daa’ima ganna 8tti biyya bulchuutti jirta'' jetteetti.
Ilhaan Somaaliyaa keessatti kan dhallatte yoo ta’u bara 1990’n keessa yeroo waraanni biyyatti keessatti ka’eetti maatiin ishee biyyatti baqatanii ba’ani.
Bara 2016'tti mana mare Minisoota keessaatti filatamuun lammii Somalii –Ameerikaa ishee jalqabaa taatetti.
Kana duras Tiraamp ejjennoo baqattootarratti qaban irraa kan ka'e irra deddeebiin Ilhaaniin jechaan ciga'ee beeka.
Dubartoota Musliimaa miseensa Koongirasii ta'an qubaan lakkaawamn keessaa tokko kan taate Ilhaanis irra deddeebiin Pireezidant Tiraampiin jechaan cigaateetti.
Minisootaan filannoo pireezdaantumma Sadaasa keessa gaggeeffamuuf bakka ijoodha jedhamee yaadama.