Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, 'Yeroon Iraan dhumataa jira' jechuun Tiraamp akeekkachiisan

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Iraan sagantaan nukilaraa isheerratti mari'achuuf ''yeroon [jalaa] dhumataa jira'' jechuun akeekkachiisan.

Guduunfaa

  • Iraaq Maaliki Ministira Muummee gooti taanaan US gargaarsa irraa kutti- Tiraamp
  • Pirezidantiin Naayijeeriyaa erga Turkiitti gulantaarraa kufee booda amma fooyya'eera
  • Helikooptarri waraanaa Ameerikaa Bishooftuu qubate
  • Dooniin guddaan Ameerikaa xiyyaarota waraanaa baatu Baha Giddugaleessaa dhaqqabe
  • UK'n michummaa Ameerikaa faana qabduuf jettee Chaayinaa hin qoolliiffattu - MM UK Istaarmar
  • Odeeffannoo biroof: marsariitii, Facebook, YouTube, WhatsApp irratti nu hordofaa.
  • Tiraamp qondaala mootii daangaa (border tsar) jedhamu Tom Homan Minisootaatti ramade
  • Finfinneetti dargaggeessa qunxurroo guutumatti ofirraa mure baqaqsanii yaaluun deebi'ee hodhameef
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Humnoonni federaalaa lama Aleeks Pireetiitti dhukaasuu qorannoon dursaa akeeke

    Eegdonni gumrukaa fi daangaa US lama Sanbata duraa darbe Aleeksi Pireetiitti meeshaa dhukaasuu gabaasni gara Kongiresiitti ergame ni mul'isa.

    Gabaasni kun, akka ejensii eegdota gumrukaa fi daangaa jedhutti "qorannoo duraa" yoo ta'u. ejensicha jalatti waajjira qorannoofi gaafatamummaa ogummaa jedhamuun gidhame.

    Taatee kanaan wal qabsiisee ibsi qondaalota Miniyaapolisii fi bulchiinsa Tiraampi kan wal faallessu ture.

    Gabaasni kun akka mul'isetti gareen immigireeshinii oppireeshinii gaggeessaa yeroo turetti dubartoonni lama akka isaan achii sokkan itti himaa turan.

    Dubartiin takka gara Pireetii fiiguun akka humnoonni immigireeshinii "gara ishee fi Pireetii socho'anii karaarraa isaan baasaniif kakaasaa turte."

  2. Ameerikaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa gargaartee?

    Kabaja waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa irratti Ministir Di'eetaan Ministira Dhimma Alaa US Kiristoofar Laandaaw argamaniiru.

    Isaan waliinis Ajajaan Waraana Ameerikaa Damee Afrikaa (AFRICOM) Jeneraal Daagvin Andarsan dhufanii turan.

    Janaraalli kuni yeroo Itoophiyaa daawwatan Ameerikaan humna qilleensaa Itophiyaa hundeessuu gargaaruu himan.

    Bara 1935 yeroo Itoophiyaan dhiibbaa jala turtetti, Koloneel Joon Roobinsan dhufee akka Humna Qilleensaa ijaaruuf Mootii Haayilesillaaseerraa waamichi isaan qaqqabeef deebii kennan jedhan.

    ''Wal-ta'iinsi isaa wal-ta'iinsa waraanaa qofa osoo hin taane, Daandii Qilleensa Itoophiyaas akka ijaaramu gargaarera - Daandii Qilleensaa guddaa Afrikaa,'' jechuun ibsan.

    ''Joon Roobinsan qaama leegasii sanaa ta'uu isaatti baay'een gammada. Xayyaarri Booying Dream Liner tokko maqaasaaniin moggaafameera.

    ''Daandiin Qilleensa Itoophiyaa maqaa Joon Roobinsaniin moggaasuun isaa nuuf kabaja guddaadha,'' jechuunis himan.

    Janaraalli Ameerikaa kuni hariiroon Itoophiyaafi Ameerikaa humna waraanaarrayyu kan darbe jechuun dubbatan.

  3. Mootummaan Ikuwaadoor humnoonni ICE qontsilaa isaa Miniyaappoolis seenu balaaleffate

    Mootummaan Ikuwaadoor humnoonni Immigireeshinii qoonsilaa isaa Ameerikaa Miniyaapoolis jiru seenuuf yaalii gochuu balaaleffate.

    Humnoonni kunneen battala yaalii kana godhanitti qondaalota qoonsilichaa, hojjettoota qoonsilaa lammiilee Ikuwaadoor tiksuuf gaafatamummaa qabaniin, ittifamuu hime ministeerri dhimma alaa Ikuwaadoor ibsa kaleessa baasen.

    Mootummaan Ikuwaador, kan pireezdaantiin isaa michuu Tiraamp ta'e, taatee kana mootummaaf gabaaseera.

    Akkaataa Konveenshinii Veenaa 1963, dhimmoota Qoonsilaa jalatti tumameen, waajjirri qoonsilaa biyya tokkoo "hin sarbamu" aangawoonni bakka qoonsilaa sanaa heyyama hogganaa qoonsilaa sanaa malees "seenuu hin danda'an".

    Viidiyoon miidiyaan Ikuwaadoor qoode, kan BBC'n adda hin baafatin, akka agarsiisutti, qondaalli qoonsilaa gara seensaa fiigaa yoo humnoota immigireeshiitiin, "Kun qoonsilaa dha, seenuun isiniif hin heyyamamu" jedhuun ni mul'ata.

    qondaalli immigireeshiniimmoo, "yoo na tuqxe sin qabeen deema" jehaan.

    Qondaalli qoonsilaa ammas, "as seenuu hin dandeessu, kun qoonsilaa dha, kun waajjira mootummaa biyya biraa ti", jedhaan balbala cufuun dura.

  4. Konkolaachisaan Finfinneetti birrii 100,000 maaliif adabame?

    Magaalaa Finfinneetti konkolaachisaa daandii biskileetiifi irra fiiguuf qophaa'e irratti konkolaataa oofe adabame.

    Konkolaachisaan daandiirra miidhaa dhaqqabsiise jedheera Abbaan Taayitaa Dambii Eegsisuu Magaalaa Finfinnee.

    Badiin kuni galgala sa'aatii 12:00'tti paarkii Araadaa naannawa Raas Mokonnin jiru keessa mudate jedhame.

    Adabbiin kunis badii ''bu'uraalee misoomaa irratti dhaqqabsiiseefi'' jedheera gabaasi EBX.

    Kana durallee adabbiin wal fakkaataa dhagahamee beeka.

    Misooma Koridarii magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman magaalaa Finfinnee bareechaniiru.

    Ta'us, dursi kan kennamuuf qabu waan biraati jechuun hojii kana kan qeeqanis jiru.

  5. Hawaasni Oromoo Waataa Keeniyaa keessa jiraatu eenyu?

    Argaa-dhageettiin jaarrolee Waataa, gosi kun Itoophiyaarraa kahuun jaarraa hedduun dura gara Keeniyaatti as cehuu himu.

    Kanneen Keeniyaa keessa jiran bakkaa bakkatti faffaca’anii waan jiraniif, lakkoofsi isaanii hangana jedhanii ibsuun nama rakkisa.

  6. Tiraamp kantiibaan Miniyaappolis 'ibiddaan taphataa jira' jedhan, kantiibaan deebii kennan

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp kantiibaan magaalaa Miniyaappolis ''ibiddaan taphataa jira'' jechuun dubbatan.

    Aangawoonni lamaan keessumaa Tiraamp humnoota nageenyaa immigireeshinii gara bulchiinsa Minesotaatti bobbaasuu isaaniin dhibdee qabu.

    Humnoota kanaanis lammiileen lama Minesotaatti ajjeefamaniiru.

    Kantiibaan Miniyaappolis Jaakob Fireey magaalli isaan bulchan ''seera immigireeshinii federaalaa hojiirra akka hin olchine'' dubbatan.

    Yeroo kana ture Tiraamp 'ibiddaan taphataa jirta' kan jedhaniin.

    Kanaaf deebii kan kennan kantiibaan Miniyaappolis ''hojiin keenya nageenya ummataa tiksuudha, seera immigireeshinii tiksuu miti,'' jedhan.

  7. Ilhaan 'tarii ofirratti biifte ta'a' jechuun Tiraamp itti qoosan

    Miseensa Kongirasii Ameerikaa kan taate Ilhaan Omaar irratti dhangala'aan waliin isaa hin beekamne dhangala'ee ture.

    Dhimma kana kan gaafataman Pirezidant Tiraamp ''Tarii ofirratti biifte ta'a,'' jechuu ABC gabaaseera.

    Tiraamp fi Ilihaan kana dura dhimmoota garagaraarratti wal dhabaniiru.

    Tiraampiis irra deddeebiin ishee qeequ, akka ishee hin jaalannes dubbatu.

    Nami Omaaritti dhangala'aa facaase to'annoo jala ooleera, himannaanis irratti banamuu poolisiin ibseera.

    Ilihaan eega taateen kuni ishee mudate booda ''fayyaan qaba, namni dubbii na barbaadu kuni hojiikoo hojjechuurra na dhaabuu hin danda'u,'' jechuun X gubbaa katabde.

  8. 'Yeroon Iraan dhumataa jira' jechuun Tiraamp akeekkachiisan

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Iraan sagantaan nukilaraa isheerratti mari'achuuf ''yeroon [jalaa] dhumataa jira'' jechuun akeekkachiisan.

    Kunis, eega waraanni Ameerikaa naannawa galfii yeroo sochii cimsetti dhagahame.

    Dooniin waraanaa Ameerikaa ''Armaadaa' jedhamu ''saffisaan, humna guddaan, kaka'umsaafi galma qabatee'' imalaa jira jechuun Truth Social irra kataban.

    Kanaaf deebii kan kennan UN'tti ergamaan Iraan ''Teehiraan marii kabajaafi fedhii waliinii irratti hundaa'ef qophaa'uu'' dubbatan.

    Yoo dhiibamte garuu ''haal akkana dura hin turreen'' deebii akka kennitu dubbatan.

    Tiraamp kana dura mormitoota Iraan mormii ummataa keessa qooda fudhatan akka ''baraaran'' dubbatanii turan.

    Akka gartuun mirga namoomaa US buufate jedhutti, namoonni 6,000 ta'an Iraan keessa mormiirratti ajjeefamuu mirkaneessuu dubbate.

    Mormiin Iraan jalqaba qaala'insa jireenyaan eegale boodarra bulchiinsa mormuutti ce'e.

    Tiraamp Iraan ''saffisaan'' gara mariitti akka dhuftu dubbatan. ''Meeshaa Niwukilaraa hin barbaachisu'' jechuunis himan.

    Iraan immoo sagantaan niwukilaraa karaa nagaaf akka itti dhimma baatu dubbatti.

  9. MM Abiy aangawoota US waliin marii 'walkabajuurratti' hundaa'e taasisan

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Ministir Di'eetaa Ministeera Dhimma Alaa US Kiristoofar Laandaawu waliin waajjira isaanitti mari'atan.

    Aangawaa US waliin Ajajaan waraana Ameerikaa Damee Afrikaa (AFRICOM) waliin turaniiru.

    Qondaalonni US kuni guyyaa kaleessaa Buufata Humna Qilleensaa Itoophiyaatti argamuun kabaja hundeeffama waggaa 90ffaa dhaabbatichaarratti hirmaataniiru.

    MM Abiy marii isaan waliin taasisan booda ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti katabaniin akkana jedhan:

    ''Marii gaariifi walhubannaa irratti hundaa'e, kan walta'insaafi walkabajuu ittifufiinsa qabu irratti xiyyeeffate gochuu keenyaaf galatan qaba.''

    Aangawaan olaanaa US kuni xumura torban darbe daawwannaa isaanii Afrikaa Masriirraa eegalan.

    Itoophiyaattis dhimma "nageenyaafi tasgabbii naannoo" irratti MM Abiy waliin akka mari'atan Ministeerri Dhimma Alaa US ibsa kana dura baaseen beeksiseera.

    Itti aananiis gara Keeniyaafi Jibuutii imalu.

    Daawwannaan isaanii kuni yeroo Pirezidant Tiraamp hidha Abbayyaarratti irra deddeebiin haasaa gochaa jiran mudate.

  10. Namni Ilhaan Omaaritti wanta waliin isaa hin beekamne facaase haleellaa raawwachuun himatame

    Bakka-buutuu Kongiresii Kutaa Bulchiinsa Minisootaa kan taate Ilhaan Omaaritti dhangala'aa waliin isaa hin beekamne namni itti facaase to'atamuu qondaalonni poolisii naannoo beeksisaniiru.

    Namni kun gocha kana kan raawwate yeroo Ilhaan Omaar galma magaalichaa keessatti haasaa taasisaa jirtutti ture.

    Namni kun tasa osoo hin eegamiin dhangala'aa sirinjii marfee/lilmeetti qabatee ture itti biifeera/facaaseera.

    Gabaasaan BBC bakka sana ture, dhangala'aan sun waan keemikaala fakkaatuufi foolii funyaan nama waraanu akka qabu ibseera.

    Ragaan poolisiin ifa godhe akka agarsiisutti, namni Antoonii Jams Kaazmiir Kaazmiirchaak jedhame kun umuriin isaa waggaa 55.

    Namni kun battalumatti to'annoo jala oolfamee poolisiin bakka taateen kun mudatetti qorannoo foorensikii gaggeessa jiraachuu himeera.

    Namni kun yakka namarratti haleellaa raawwachuu sadarkaa sadaffaan himatamuu poolisiin ifa godheera.

  11. Ruwaandaan waliigaltee godaantotaa haqameen wal-qabatee UK irratti himannaa bante

    Ruwaandaan kooluugaltooota UK jiran simattee tursuuf mootummaa biyyattii waliin waliigalteen raawwatte jalaa haqamuun booda qarshii kennamuufiif ture kaffalamuu qaba jechuun himannaa banteetti.

    Mootummaan Ruwaandaa mana murtii ijibbaataa Neezarlaandis keessatti himannaa kana kan bane.

    Mootummaan biyyattii, UK'n kooluugaltoota muraasa gara Ruwaandaa erguuf turte raawwachuu qabdi jechuun falmeera.

    Mootummaan paartii duudhaa duriitti cichu yeroo aangoorra ture UK'n kooluugaltoota Ruwaandaa simattuuf akka tahuufi diinagdee ishee deeggaruuf qarshii kaffaluuf waliigalee ture.

    Haa tahu malee yeroo MM Kar Istaamar bara 2024 aangootti dhufan waliigaltichi addaan citeera.

    Ministarri Dhimma Biyya Keessaa UK qarshiin paawundii miiliyoona 220 ''gara fuulduraatti'' Ruwaandaaf kaffalama jedhame akka hin kaffalamne himeera.

    Qarshiin akka kennamu waliigalame maallaqa uummata gibira kaffaluurraa akka tahes beeksiseera.

    BBC'n qondaalota mootummaa Ruwaandaa dubbisuuf yaalus hin milkoofne.

  12. Ispeen godaantota miliyoona walakkaa sanada hin qabnef beekamtii seeraa kennuuf

    Mootummaan Ispeen godaantota sanada hin qabneef beekamtii seeraa kannuufii akka barbaaddu beeksiste. Tarkaanfiin mootummaan biyyattii ifa godhe kun yoo xiqqaate namoota miliyoona walakkaa fayyada jedhamee eegama.

    Beekamtiin seeraa kan kennamuuf lammilee alaa galmee yakkaa hin qabneefi Mudde 31, 2025 dura yoo xiqqaate ji'oota shaniif Ispeen keessa jiraachuu isaanii mirkaneessuu danda'aniifidha.

    Ministirri dhimma, Hawaasummaafi Godaansaa Ispeen Eelmaa Saayiz, "kun biyya keenyaaf guyyaa seena qabeessadha," jedhaniiru.

    Akka karoora mootummaatti, godaantonni tarkaanfii kanarraa fayyadaman, jalqabarra hayyama jireenyaa waggaan tokkoo kan kennamuuf yoo ta'u, yeroon isaa dhumnaan dheereffamuufiif danda'a.

    Mootummaan kana keessa galuuf gaaffiiwwan dhiyaatu fudhachuu kan jalqabu Ebla irraa kaasee akka ta'e ibseera. Hanga Waxabajji dhumaatti banaa ta'ee tura.

    Ispeen waggoota dhiyootiin asitti adda durummaan godaantota lakkoofsa guddaan Ameerikaa Kibbaarraa dhufan keessummeessaa jirti.

  13. Giiftii dureen duraanii Kooriyaa Kibbaa matta'aa fudhachuun hidhaa baatii 20'n adabamte

    Haati warraa pireezidantii duraanii Kooriyaa Kibbaa waldaa Unification Church fudhatteetti jedhamuun hidhaa ji'a 20'n adabamte.

    Haa tahu malee dubartiin ganna 52 Kiim Kiyoon Hii himannaa gatii gabaa istookii waliin dhahuufi filannoo bara 2022 dura qorannoo yaada uummataa dhaabbata siyaasaa dhimma kana mijeessurraa fudhatteetti jedhanirraa bilisa baateetti.

    Pireezidantiin biyyattii duraanii Yuun aangoo akka malee fayyadamuufi haqni akka hin buune danquun bara 2024tti hidhaa waggaa shaniin adabameera.

    Seenaa Kooriyaa Kibbaa keessatti haati warraafi abbaan warraa yeroo tokkotti adabamuun kan jalqabaati.

  14. Miseensi Kongireesii Ilhaan Omaar osoo haasaa taasiftuu dhagala'aa waliinsaa hin beekamneen haleelamte

    Miseensi Kongireesii Mineesotaa Ilhaan Omar Kibxata kaleessaa galma walga'ii bakka isheen waltajjii irratti dubbataa turtetti dhangal'aa ammaaf waliinsaa hin beekamneen haleelamuu ishee poolisiin Miniyaappoolis beeksiseera.

    Namichi tokko walga'ii ummataa sanarratti erga gara isheen waltajjii irra jirtutti dhiyaateen booda waan dhangala'aa wayii yeroo itti biifu viidiyoon agarsiisu qoodameera.

    Omaar garuu osoo hin miidhamiin dhaabattee mul'atti. Namichi kun battalumatti to'annoo jala oolfamuu fi bakka balaan kun itti dhaqqabe sanatti qorannoon fooransikii gaggeeffamaa akka ture poolisiin ibseera.

    Hiriirri ummataa tibbana magaalaa Miniyaappooliis keessatti geggeeffamaa kan ture yoo ta'u, Ilhaan Omaar gocha hojjatootni Immigireeshiinii fi Gumurukaa Minisootaa keessatti raawwatan balaaleffachaa ture.

    "Gargaartoota ishee keessaa tokkotu yaadannoo irraa waa ilaaltu ykn waan akkasii isheef kennuudhaaf ol ba'e natti fakkaate," jette dubartiin Jaakulaayeen Goosling jedhamtu kan galma sana keessa turte.

  15. Lakkoofsi namoota mormii Iraanitti du'anii kuma ja'a caale

    Dhaabbanni oduu Mirgoota namoomaa Iraan gabaasa haaraa baaseen, lakkoofsi namoota mormii guutummaa biyyattii keessatti torbanoota darban keessa bahamerrati ajjeefamanii kuma ja'aa ol ta'uu ibse.

    Gareen mirgoota namaaf quuqamu Ameerikaa jiru kun,ragaa hanga ammaatti walitti qabeen namoonni 6,126 ajjeefamuu beeksiseera.

    Namoota ajjeefaman keessaa umuriin isaanii waggaa 18 gadi kan ta'an 86, akkasumas miseensonni nageenyaa motummaa 214 ajjeefamaniiru.

    Lakkoofsi namoota du'anii isaa olillee ta'uu akka danda'u ibsuun, 11,000 ol kan ta'an ammoo madaa'aniiru.

    Namoonni 41,000 ol ta'an ammoo humnoota mootummaatiin qabamanii hidhaa jiru.

  16. Ameerikaan Iraaniin haleellaan Heezboollaah fi gareen kaan Iraan waliin akka dhaabbatan himan

    Pirezidant Tiraamp Iraan akka haleelan dhaadataa turaniiru. Ameerikaan Iraanirratti haleellaa yoo raawwatte, Hezboollaah fi gareen hidhattootaa Iraaq keessa jiran akka Iran waliin dhaabbatan beeksisaniiru.

    Yeroo muddamni Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru cimaa jiru kanatti, dooniiwwan waraanaa Ameerikaa naannawa sana qaqqabuun isaanii gabaafameera.

    Kana hordofees, Ameeriaan Iraan irratti haleellaa raawwachuu dandeessi yaaddoon jedhu kan uumame yoo ta'u, Hezboollaah Libaanos keessa jiru dabalatee gareen Baha Giddu-galeessaa keessa jiran Iraaniin deeggaraman haleellaan irratti raawwatamnaan Iraan cinaa akka dhaabbatan ibsaa jiru.

    Barreessaan Olaanaa Hezboollaah haleellaan Iraan irrratti raawwatamu isaanirratti akka raawwwtametti kan lakkaa'amu akka ta'e ibsuun, arrabni abidda waraana haaraa waliigala naannawa kan gubu ta'a jechuun akeekkachiisaniiru.

    Itti dabaluun dursaan garee kanaa Hogganaa waliigalaa Rippabilika Islaamaa Haayatola Alii Komeenii irratti yaaliin ajjeechaa "haleellaa shororkeessuu tasgabbii Baha Giddu-galeessaafi addunyaarratti" ta'udha jedheera.

    Kun osoo kanana jiruu gareen hidhattootaa Iraaq keessa jiran Iraaniin deeggaraman haaluma wal fakkaatuun haleellaan Ameerikaa fi Israa'el irraa Iraan irratti kan raawwatamu taanaan, Iraan waliin dhaabbachuuf qophii ta'uu himan.

    Libaanos keessatti kan argamu Hezboollaah dhiyenya kana lola Israa'el waliin gaggeesseen hoggantoota isaa dabalatee miseensonni isaa baayyeen jalaa ajjeefamanii baayyee dadhabeera.

    Israa'el amumayyu Libaanos keessa seenuun haleellaa ni raawwatti.

    Iraan Hamaas warra Filisxeem fi Huutii warra Yaman dabalatee garee hidhattootaa Baha Giddu-galeessaa keessa jiran farra Ameerikaa fi Israa'el deeggaruun beekamti.

  17. Muddamni Iraan maaliif biyyoota Arabaa akkaan yaaddesse?

    Yeroo muddamuu fi waldhabdeen Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru deebi'ee hammaatetti, yaaddoon biyyoota Arabaa Galoo Galaana akka malee dabaleera.

    Waraanni Iraan irratti banamu, waldhabdee bal'aa guutuu baha giddu galeessaa tasgabbii dhabsiisuu danda'u uumuu mala.

    Sa'uudii Arabiyaa, Qaataarii fi Omaan pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan irratti haleellaa waraanaa akka hin raawwanne dhorkuuf tattaaffii dippiloomaasii cimsaa jiru.

    Tarkaanfiin waraanaa Ameerikaan Iraan irratti fudhattu balaan isaa biyyoota ollaa hin hanqatu.

    "Biyyoonni Galoo Galaanaa waldhabdee Ameerikaa fi Iraan keessaa bilisa ta'uu hin danda'an. Jaalatanis jibbanis dirree waraanaa ta'uun isaanii waan hafu miti'' jedhu xiinxaltootni.

    Waldhabdeen waraanaa Iraan hirmaachisu kamiyyuu balbala fi ollaa biyyoota Galoo galaanaa akka Sa'uudii Arabiyaa, Kuweet, Baahireen, Kaataar, Yunaayitid Arab Emireetis fi Omaa durtti kan raawwatamuudha.

  18. Iraaq MM duraanii Maaliki ammas ni filatti taanaan US gargaarsa irraa dhaabdi jedhe Tiraamp

    Pirezidant Doonaald Tiraamp yoo Iraaq Ministira Muummee duraanii Nuurii al-Maaliki ammas filatte US biyyattii gargaaruu akka dhaabdu dhaadate.

    Iraan faana hariiroo gaarii kan qabu qondaalli Iraaq kun, dhuma torbee darbee irratti gamtaa paartilee siyaasaa warra Shi'aan durfamuun kaadhimame.

    Tiraamp ''Maalikiin nama badaadha, filannoo sirrii miti,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesse.

    ''Yeroo darbe yeroo Maalikiin aangoorra ture biyyattiin hiyyummaa fi hookkara keessatti kuftee turte,'' jedhe Tiraamp.

    Bara 2006 fi 2014 gidduu aangoorra kan ture Maalikiin wayita gareen IS ofiin jedhan kutaalee Iraaq hedduu to'atan aangoorraa bu'e.

    Qondaalli gameessi Iraaq kun erga Sambata darbe gamtaa paartilee Shi'aan durfamuun kaadhimamee booda pirezidantiin biyyattii akka raggaasisu waanuma eegamuudha.

    Iraaqitti aangoon pirezidantii hangas mara miti.

    Gareen Shi'aa Iraaq keessatti olaantummaa qabu biyya ollaa kan taate Iraan faana hariiroo jabaa qaba. Iraan mataanshee duree amantii Shi'aatiin hoogganamti.

    Ameerikaan ammoo garees ta'e biyya Iraan faana hariiroo qabu kamuu hin tumsitu, yaaddoo irraa qabdi. Kun Iraaqiinis ni dabalata.

    Nuurii al-Maalikii ministira muummee taanaan ''Iraaq gargaaruun ni dhaabbata,'' kan jedhe Tiraamp, gargaarsa US malee biyyattii keessatti milkaa'inni argamuu akka hin dandeenye ibse.

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo Ministira Muummee Iraaq amma aangoorra jiru Mohammad Shi'aa al-Sudaanii waliin bilbilaan wayita dubbatan waa'ee Maalikii yaaddoo akka qabu kaase.

    ''Mootummaan Iraaniin to'atamuu fi deeggaramu kamiyyuu fedhii fi dantaa uummata Iraaqiif dursa kennuu hin danda'u,'' jedhe Maarkoo Ruubiyoo.

  19. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Odeessaalee biyya keessaa fi biyya alaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii kanaan duraa asii argattu.